Godina Harargee Bahaatti Humnoonni Naannoo Somaalee Daangaa Ce'uun Lubbuu Namootaa Galaafachuun Barame.

Published Dec. 4, 2025, 1:22 p.m. by FNN Staff

294



ODUU FNN

Godina Harargee Bahaa Aanaa Cinaaksan araddaa Kalmaalee  jedhamutti haleellaa humni addaa mootummmaa naannoo Somaalee daangaa cee’un ummata Oromoo irratti baneen lubbuun namaa darbuu fi qabeenyi barbadaa’uu jiraattonni maddeenitti himan.

Wiixata darbe Mudde 1 bara 2025 ganama subii irraa jalqabuun haleellaa humni addaa mootummaan naannoo Somaalee bobbaase daangaa cee'uun lola ummata irratti bananiin namoota 4 lubbuu dabarsuun 10 madeessuu jiraattoonni gandichaa maddeenitti himan.

Humni addaa mootummaa naannoo Somaalee hidhannoo gurguddaa fi ammayyaa ta'e hidhachuun qonnaan bulaa waraanaa jira kan jedhan jiraattonni, araddaa Kalmaalee irraa ummata buqqisuun midhaan fi manneen ummataa ibiddaan barbadeessuu isaanii himu.

Yeroo ammaa araddaan Kalmaalee mootummaa naannoo Somaaleetiin qabamuu kan himu jiraataan maddeen dubbisee, ummanni araddicha irraa buqqa'e dirree irra jira jedhe.

Jiraataan biraa tokko ammoo yaada isaa akka kennetti, humni addaa mootummaa naannoo Somaalee hidhannoo gurguddaa hidhachuun qonnaan bulaa waraanaa jira jedha.

Humni kun daangaa Oromiyaa cee'uun ummata irratti waraana banuu kan himu jiraataan kun, mootummaan naannoo Oromiyaa fi mootummaan federaalaas haleellaa ummata irratti raawwatamu kanaaf deebii wayiituu hin kennine jedhan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa kan bulchiinsa Oromiyaatiif itti gaafatamummaa qabu yeroo daangaan Oromiyaa sarbamuu fi ummanni nagayaa qe'ee isaatti ajjeefamu birmannaa hin taasifne jechuun komata.

Pireezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad duula Pireezidaantiin mootummaa naannoo Somaalee Musxafee Umar naannoo Oromiyaa irratti bane akka dhaabsiisan gaafanna kan jedhan jiraattoonni, humna nageenya ummataa tiksuus naannichatti akka bobbaasan gaafatani jiru.

Mootummaa naannoo Oromiyaas ta'ee mootummaan federaalaa haleellaa hidhattoonni kun raawwatan dhaabsiisuu qabu jedhan.

Qonnaan bulaan qe'ee isaa tiksuuf harka duwwaa qaamota hidhaannoo gurguddaa hidhatan dura dhaabbatee dhumaa jira jechuun mootummaan deeggarsa akka taasisuuf gaafatani jiru.

Humni addaa mootummaa naannoo Somaalee beekkamtii Pireezidaantii naannichaa Musxafee Umariin Jijjigaa irraa bobbaafamani halleellaa kana raawwataa jiru jedhan.

Namoonni haleellaa kanaan miidhaman hospitaala Aanaa Cinaaqsanii fi Hararitti waldhaanamaa jiraachuu himani jiru.

Ummanni Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa haleellaa Aanaa Cinaaksan irratti mootummaa naannoo Somaaleetiin adeemsifamu balaaleefachuun ummata cinaa akka dhaabbatan gaafatani jiru.


Similar posts:

Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte

Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!

Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok

Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte