Abbootiin Alangaa Naannoo Jimmaa Arjootti butamanii turan lakkifamuun himame
Published Dec. 6, 2025, 2:36 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Abbootiin Alangaa Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Bahaa Aanaa Jimmaa Arjootti butaman gadhiifamuun gabaafamee jira.
Obbo Abbabaa Taammiruu, Bulchaan Aanaa Jimmaa Arjoo, “Abbootii Alangaa Naannoo Sadaasa 26, 2025 Jimmaa Arjoo ganda Haaraatti butaman keessaa Obbo Alamaayyoo Massalaa fi Obbo Yirgaalam Mitikkuu amma gadi lakkifamanii hojjettoota waajjira Abbaa Alangaa Godina Wallaggaa Bahaa waliin wal arganiiru” jechuun Addis Standard tti himan.
Hidhattoonni taatee kana raawwatan Obbo Alamaayyoo fi Obbo Yirgaalamiin battala butan gara Aanaa Saasiggaatti ceesisan kan jedhan Obbo Abbabaan, namootni kun gadhiifamuu isaanii Bulchiinsa Godina Wallagga Bahaa fi Koree dhimma nageenyaa qindeessan irraa mirkaneeffachuu ibsan.
Abbootiin alangaa naannoo lameen lakkifamuu isaaniis BBC’n gabaasee jira. Abbaan Alangaa Naannoo Obbo Alamaayyoo Massalaa, kan isaan bute “Waraana Bilisummaa Oromoo” ta’uu ibsan.
Wayita butaman sana dhukaasni akka ture kan himan Obbo Alamaayyoon,hidhattoonni kun miidhaa akka irraan hin geessifneefii meeshaa fi qarshii harkaa fuudhanii turani deebisuufiillee eeraniiru.
Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa Waliigalaatti Abbaan Alangaa dargagoo Yirgaalam Mitikkuu Gabrees, Qorannoo waggaa waggaan hojiirra oolmaa seeraa gaggeeffamu gaggeessuuf gara Naqamtee deemaa utuu jiran butamuu dubbate.
“Kan nu bute hidhattoota WBOti” kan jedhe Yirgaalam, hidhattoonni kun karaatti baasanii isaan lakkisuu fi amma gara Naqamtee deemaa akka jiran eere.
Addis Standard namootni kun lakkifamuu ilaalchisee Biiroo Abbaa Alangaa Walii Galaa Oromiyaarraa odeeffannoo argachuuf kan yaale yoo tahu, Biirochi ammaa lakkifamuu abbootii alangaa kana mirkaneeffachuuf akka itti jiru deebii kenne.
Taatee Sadaasa 26, 2025 Jimmaa Arjoo Ganda Haaraatti mudateen Abbaan Alangaa Naggasaa Kabbadaa yoo ajjeefaman, Abbaan Alangaa Addisuu Laggasaa ammoo miidhaan irra gahuu ni yaadatama.
Bulchaan Aanaa Jimmaa Arjoo Obbo Abbabaaa Taammiruu, taatee kana booda humnootni nageenyaa namoota kana oolchuuf yaalaa turan jedhanii, miidhaan kan irra gahee lubbuun hafan Abbaan Alangaa tokko (Obbo Addisuu Laggasaa) eeruu ummataatiin guyyaa afur booda argaman jechuun Addis Standard tti himan.
Konkolaataan mootummaa Abbootiin Alangaa kunneen ittiin imalaa turanis gaafuma taateen kun mudate Sadaasa 26, 2025 bahe kan jedhan Obbo Abbabaan, konkolaachisaanis guyyuma san dhukaasa keessa sakatta’iinsaan namni gara humna nageenyaatti dabarsee jedhan.
Konkolaachisaa kana “akkamitti hafte?” jennee gaafa gaafannu, “utuun duukaa deemuu bishaan keessatti kufe, hidhattoota keessaa tokko ajjeesi jennaan, inni kaan bilbilaa fi qarshii koo fudhatee na dhiise deeme jedhe” jechuun Bulchaan Aanaa Jimmaa Arjoo dabalanii himanii jiru.
Obbo Abbabaan humni hidhatee gurmaa’ee Aanaa Jimmaa Arjoo keessa socho’u hin jiru, garuu hannaaf kan gurmaa’an namootni mursaasni jiru jechuun ibsan. Sanarartti humnootni nageenyaa mootummaa tarkaanfii fudhataa jiran jedhan.
Abbootii Alangaa lubbuun hafan keessaa Obbo Addisuun, “hidhattootni wayita nu dhaabsisan lakoofsa gabatee konkolaataa ilaalaa turan kanaaf qaamni akka miidhaan nurra gahu eeruu wayii kenne jira” jechuu himuu kan ibsan Obbo Abbabaan, kanaaf taateen kun qaamolee mootummaa dhimmi kun ilaaluun qoratamuu akka itti fufu dubbataniiru.
Sadaasa 26, 2025 hidhattootaan Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa Jimmaa gara Naqamtee imalaa turan irratti haleellaa dhaqqabeen Abbaan Alangaa Naannoo Naggasee Kabbadaa du’uu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Abbaa ijoollee lamaa ka turan Obbo Kabbadaa Naggasaas sirni awwaala isaanii Sadaasa 29, 2025, Godina Shawaa Kaabaa Gadaamii Dabra Libaanositti bakka firoottan fi angawootni jiranitti taasifamee jira.
Maddi BBC Afaan Oromooti.
Similar posts:
Humnaan qabsoon godhamu Ameerikaa fi Deenmaark jidduutti hammaataa dhufe.
Kibba baha Suudaanitti haleellaa dirooniitiin namoonni 27 ajjeefaman.
Irree fi gaachanni saba Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa tarkaanfii laalessaa loltoota diinaa irratti fudhateen diinota hedduu adabuun injifannoo boonsaa galmeessisuu beeksise.
Manni Murtii Ol'aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimma duguuggaa sanyii Rohinjiyaa dhaggeeffachuu eegaluufi.