Ibsa Kora ABO-KFO
Published Feb. 23, 2025, 3:42 p.m. by FNN
ABO fi KFOn Gurraandhala 19 haga Gurraandhala 22, 2025 itti Hoteela Ililii Finfinnee jirutti kora godhachuun ibsa baasanii xumuran. Ibsa isaanii kana keessatti hirmaattoti imaanaa Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa akka ijaaran kennatan jedha ibsi kun.
Ibsa kanarratti Waranaana Bilisummaa Oromoo (WBO) ilaalchisuun:
Jilli Jaarmayaalee Hawwaasa Oromoo addaa irraa walgahii kana irratti argame Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) nagaa amansiisaa Oromiyaa keessatti buusuuf qooda olaanaa akka qaban amanuun ABO fi KFOn waraanni kun bulchiinsa siyaasaa Mootummaa Cehumsaa Waloo Oromiyaa hundeeffamu jalatti itti gaafatamummaa fudhatee seera, nagaa fi daangaa Oromiyaa akka tiksuu danda'u haala barbaachisaa akka qindeessani fi guutaniif amaanaa itti kennanneerra, jedha ibsi kun.
Rakkoolee magaalaa Finfifinnee fi daangaalee Oromiyaa biroo kan akka Dirre Dawa, Walloo, Matakkal, Moyaalee, Madda Walaabuu fi kanneenn biroon Oromiyaa jalatti deebifamuu qabu jechuun ibsaniiru.
Hariiroo mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa wajjinii ilaalchisuun mootummaa Federaalaa keessati olaantummaan seeraa kabajamaa akka hin jirree fi uummatni Oromoo akka baayyina isaa fi gumaacha isaatti jaarmiyaa mootummaa federaalaa keessatti bakka bu'umsa akka hin qabnee fi walabummaan institiwushinii kanneen akka mana murtii, poolisii federaalaa, humna ittisa biyyaa fi kkf akka hin jirre fi gaheen qabeenya waloo federaalaatti gaheen Oromoo xiqqaa tahuu eeruun waantota daddaban kana ABO fi KFOn haala sirreessuu fi dantaa uummata Oromoo mootummaa Federaalaa keessatti kabajamuu qabu irratti itti gaafatamummaan akka hojjetan amaanaa itti kennanneerra jedhan.
Walgahii kanarratti PPn hirmaachuu waanti mullisu hin jiru.
Guutummaa ibsa kanaa maxxansa asii gadii irraa dubbisaa.
FNN
Similar posts:
DHALOOTA JIILE
AMALOOTA QABSOO BILISUMMAA OROMOO MIIDHAN
ODUU FNN | ADOOLESSA 29, 2023 | AJJEECHAA SORA ABDETA
Erga ABUT waliigaltee mallatteessee TDF ni hiikkataa?