DHALOOTA JIILE

Published Nov. 24, 2023, 8:31 p.m. by Birhaanuu Hundee

982



Mariin mootummaa Bilxiginnaa (PP) fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jidduutti Taanzaaniyaatti turban lamaa ol godhamaa ture fi nagaa fidinaa laata jedhamee abdiidhaan eegamaa ture waliigaltee malee xumuramuun isaa baay’ee nama gaddisiisa. Maaliif yoo jedhame, uummatani Oromoo kan waggoota shanan jahan dabran keessatti yoomiyyuu caalaa hidhaadhaan, ajjjeechaan akkasumas dararama adda addaa fi waraanaan miidhamaa ture fi jiru naagaa waan dheeboteef, mariin kun yoo milkaaye yeroodhumaafillee yoo ta’e uummatni keenya afuura galfachuu ni danda’a ta’a jedhamee waan eegamaa tureefi. Isa kanatu nama gaddisiisa malee, mootummaa PP irraa nagaan ni eegama; yookaanis karaa nagaatiin gaafiin uummata Oromoo deebii argachuu ni danda’a jedhamee yaadamee ykn amanameetii miti. Kan ta’es ta’u, gaafiileen ani kaasuu barbaadu, “Gaaffiin uummata Oromoo karaa nagaatiin deebii argachuu ni danda’aa?” fi “OPDO fi WBO jidduutti dhugumatti waliigalteen godhamuu ni danda’aa?” kan jedhanii dha.

Mee gaafii isa lammataatiin calqaba. Inni kun immoo mata duree barreeffama kanaatti nu geessa jechuu dha. Gaafii kanaaf deebii kennuu dura garuu waayee jaarmayaa OPDO jedhamu kanaa gabaabinaan ibsuun barbaachisaa dha. Akkuma irra deddeebi’amee jedhamaa ture, dhaabni OPDO jedhamu kun, jaarmayaa uummataa tii miti. Maqaa Oromoo jedhu haa moggaafatu malee, dhaaba dantaa uummata Oromootiif akkasumas fedhii biyyoolessaa saba Oromootiif kan ijaaramee miti. Jaarmayaa diinni fedhii fi tarsiimoo isaatii jedhee ijaarrate; kan diina fi alagaa tajaajiluudhaaf uumamee dha. Wanti hirraanfatamuu hin qabne immoo, OPDOn ABOtti gufuu ta’uuf kan ijaaramee dha. Isaan kun lamaan jaarmayoota waliin jiraachuu hin dandeenyee dha. OPDOn deeggarsa uummataa waan hin qabneef, bakkee/iddoo ABOn jirutti jiraachuu hin danda’u. Ofii jiraachuuf OPDOn ABO balleessuun dirqama itti ta’a. Kanaaf yeroo Wayyaanotni olaantummaa qabaachaa turan waaggoota 27 oliif harka mirgaa TPLF ta’anii ABO irratti duulaa turan. Uummata Oromoos maqaa kanaan hidhaa, dararaa, ajjeesaa, biyyarraa baqachiisaa fi kkf godhaa turan.

Dhugaan kun osoodhuma beekamuu, ABO fi OPDOn Asmaraatti bakkee qaamni sadaffaan hin argaminitti; bakkee wabiin tokko hin jirretti waliigaltee godhatanii; erga hoggantootni ABO biyyatti deebi’an booda, isaanis ganamanii, ergasii waan ta’e fi ta’aas jiru hubachuun nama hin rakkisu. Oromoon kan ganame yeroo duraatiif ta’uu baatus, ganamuun ABO sun garuu qabsaa’ota haqaatiif barumsa guddaa ta’e. Kanaaf ABO-WBOn marii jaarmayaa kana wajjin godhamu kamiifuu haal-duree lafa kaaye. Haal-dureen kunis mariin godhamu bakkee/iddoo qaamni sadaffaan argamutti qofaa ta’uu akka qabuu dha. Haa ta’u malee, bakkee/iddoo qaamni sadaffaan argamettis kunoo waliigaltee malee xumuramee jira. Kun kan agarsiisu gabaabaadhumatti OPDO fi jaarmayoota Oromoo walaba ta’anii uummata Oromootiif qabsaa’an kamiiyyu jidduutti waliigalteen godhamuu akka hin dandeenye mirkaneessa. Sababni isaa salphaan (simple reason) waan waloo tokkollee waan hin qabneefi. OPDOn kan ijaarame fi hojjetu fedhii dhuunfaa namootaa ykn gareelee guutuu fi akkasumas alagaa tajaajiluuf malee fedhii saba Oromoo guutuuf ykn mirga uummata kanaa kabajuu fi kabchiisuuf kan uumamee miti.   

Gara gaafii isa duraatti deebi’uuf, mee dura waayee nagaa kaasuun barbaada. Dhugumatti OPDO/PPn nagaa beekaa? Nagaa barbaadaa? Nagaa buusuus danda’aa? kan jedhan haa laallu. OPDOn warra jeequsa/waraana keessatti booji’amaniin ijaarame; jeequmsas uumuuf uumame; nagaan isaan biratti injifatamuu dha; moo’amuu dha; nagaan isaaniif sodaa dha. Osoo nagaa beekanii, osoo nagaa barbaadanii, osoo nagaatti amananii, maaliif warra karaa nagaatiin qabsaa’uuf biyyatti galan hoggantoota ABO fi kan biroos mana hidhaa keessatti dararu? Yeroodhuma marii kana ABO-WBO wajjin godhuuf jiranillee silaa dura warra karaa nagaatiin osoo qabsaa’anuu hidhaman sana mana hidhaatii baasanii, mallattoo nagaa agarsiisuutu isaanirra ture. Gabaabaadhumatti jaarmayaan kun kan nagaa beekuu miti; kan nagaaf iddoo qabuu miti. Waan kana ta’eef immoo, karaa nagaatiin isaan wajjin mari’atamee furmaatni argamuu hin danda’u jedheen amana.

Gaafiin uummata Oromoo karaa nagaatiin deebii argachuu ni danda’aa? kan jedhutti yoo deebinu, deebii gaafii kanaa karaa lamaan laaluun barbaachisaa dha. Biyya Itoophiyaa jedhamtu fi sirna ishiin ittin ijaaramte sana keessatti akka waliigalaatti karaa nagaatiin gaaffiin uummatootaa keessumaayuu kan Oromoo gonkumaa deebii argachuu hin danda’u. Kuni abjuu waan ta’eef, gaafiidhuma kanaa kaasuun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Uummatni/sabni Oromoo qawweedhaan humnaan cabe; sirna gabroonfataa fi gabroomaatu uumame; sirna kolonii ti. Kan gabroome tokko immoo kan gabroomse irraa karaa nagaatiin bilisummaa hin argatu. Namni illee hayyamu sirnichi hin hayyamu. Sirni gabrummaa buqqa’u malee bilisummaan dhugaas hin argamu. Kanaafuu walumaagalatti, yoo humna cimaa fi abdachiisaa hin qabaanne, sirnicha sana keessatti karaa nagaatiin gaafiin Oromoo deebii hin argatu.

Haa ta’u malee, yoo humni cimaa fi abdachiisaan jiraate; yoo humni kun immoo cunqursaa ykn gabroonfataa sodaachisee, akka inni dirqamee taa’ee marii godhu taasise, tarii karaa nagaatiin haal-duree dhihaatan fudhatee waliigalteerra gahuu mala. Inni kun kan ta’u immoo, humni cunqurfamaa kan cunqursaa caalee yoo argame qofaa dha. Kuni immoo, cunqursaan ykn gabroonfataan harka micciramee, kufaatii isaa amanee karaa nagaatti akka deemu yoo taasifamee dha. Kun dhugaa waliigalaa ti. Oromoo fi Itoophiyaa ilaalchisee garuu, akka seenaan biyyattii sanaa irra deddeebi’ee agarsiisutti, abbaan irree hanga kufee lafatti ofargutti ykn biyya gadhiisee baqatutti gonkumaa kufaatii isaa amanee, karaa nagaatiin furmaata argamsiisuu hin danda’u. Kun amaluma impaayara sanaa ti. Gaafiin Oromoo immoo hedduu walxaxaa dha; kan akka laayyootti deebii argachuu hin dandeenyee dha. Fedhii qaamota adda addaatu (keessas ta’ee ala) dhimma kana keessa jira. Kanaafuu, lolanii, injifatanii, humnaan sirnicha yoo buqqisan malee gaafiin saba guddaa fi uummata bal’aa kanaa karaa nagaatiin akka laayyootti deebii hin argatu. Dhugaan kun hubatamuu qaba.

Akkuma Jaal Marroo Dirribaa yeroo tokko haasa’a isaa tokkorratti jedhe, dhalootni bara 2018 booda qawwee kaasanii bosonatti galanii, har’a kufaa fi kuffisaa jiran dhaloota jiilanii dha. Warra shira mootummoota impaayara sanaa hubatanii dha. Warra waan manaa bahaniif sana osoo hin argatin manatti hin deebinee dha. Warra fedhii dhuunfaa dura fedhii biyyoolessaatiif (national interest) dursa kennanii dha. Warra faayidaa adda addaatiin hin bitamne ykn hin gowwoomsamnee dha. Hoogantootni ABO-WBO kan Taanzaaniyaatti mariirratti argamanis isuma kana mirkaniissan jedheen amana. Osoo akkuma tasaatuu ta’ee hoggantootni kun waan adda addaatiin dhiibamanii waliigaltee tokko irra gahaniiyyuu, ijooleen lolaa jirtu hanga gaafiin Oromoo deebii argatutti qawwee lafa kaa’anii waan galan natti hin fakkaatu. Maaliif yoo jenne, akkuma jedhame dhaloota jiile waan ta’aniifi. Dhaloota gabrummaatti xumura gochuuf yoo hin danda’amne immoo wareegamee seenaa hojjechuuf kutatee fi muratee ka’ee dha. Gabrummaatu jiilchee kaa!!

Barreeffama kana osoo hin xumurin dura, waan tokko tokko jechuun barbaada. Akkuman armaan olitti ibsuu yaale, OPDO fi qabsaa’otni Oromoo haqaa, wajjin hojjechuun hafee wajjin jiraachuu hin danda’an. Yoo qabsaa’otni Oromoo injifatan, OPDO/PPn jiraachuu dhaayyuu hin danda’u. Ofiif jiraachuuf dirqama qabsaa’ota lafarraa fixuuf hojjetu. Milkaayuu fi dhabuun waan biraa ti. OPDO/PPn akka deeggarsa uummataa hin qabne sirriitti beeku. Qabsaa’otni Oromoo injifatanii, uummata keenyas aangessanii, abbaabiyummaa Oromoo yoo mirkaneessan, OPDO waa lamatu isa mudata. Inni tokko jaarmayaan kun dachee Oromoorraa badee seenaa ta’ee hafuu yoo ta’u, inni biraa immoo hoggantoota dhaaba kanaas ta’ee, warri as keessatti saamaa, saamsisaa, yakka hojjechaa turani fi jiran seeratti dhihaachuun isaanii hin oolu. OPDOn kana hundaa ni beeka. Badiin karaa adda addaatiin akka irra gahu sirriitti hubatu. Kanaaf hanga dhumaatti badii hojjechaa, balleessanii baduu filatu malee karaa biraa hin beekan, beekanillee hin fudhatan. Furmaatni dhumaa (lasting solution) kan dhufuu danda’u, dhaabni dhiiga Oromootiin harka dhiqate kun dachee Oromiyaa irraa yoo bade qofaa dha. Jiille, nu gaha! Qabsoon ittifufa, injifannoonis akka dhufu shakkiin hin jiru. Injifannoon kan uummata Oromoo ti!   


Similar posts:

AMALOOTA QABSOO BILISUMMAA OROMOO MIIDHAN

Ekeraa Minilik haasofsiisuu calqabanii?

Araara: Eenyu wajjin? Akkamitti?

Dararri Baha Oromiyaatti Hammaate Jedhu Uummanni