Ekeraa Minilik haasofsiisuu calqabanii?

Published Feb. 13, 2024, 8:32 p.m. by Birhaanuu Hundee

1188



Ebla bara 2018 yeroo Koloneel Abiyyi Ahmad akka Muummicha Ministeerotaa (MM) Impaayara Itoophiyaatti muudamu haasa’a godhe keessatti yommuu Minilik faarsu, waan yaadu fi dubbate sana hojiitti ni hiika ykn hojiidhaan ni agarsiisa jedhee namni yaade waan jiru natti hin fakkaatu. Haasa’a namtichaatti mirqaanuu fi harka rukutuufii malee wanti inni jedhe sun lafarratti ni mul’ata ykn hin mul’atu yookaanis immoo kaayyoo innii qabus ni milkaa’a ykn hin milkaawu jedhee namni yaade waan jiru natti hin fakkaatu jechuu kooti. Inni garuu waan dubbate sana hundaa sadarkaa sadarkaadhaan, yeroodhaa gara yerootti hojiirra oolchaa jira. Dura fakkoo Minilik fi Hayila Sillaasee masaraa Minilik keessa kaa'e. Amma sana biraa dabree kunoo ekeraa Minilik haasofsiisaa/dubbachiisaa jira. Kan itti aanu maal ta’a? Ekeraa isaa qofa osoo hin taane, Minilik biraa dhufuuf jiraa?

Gochaan warri PP raawwachaa jiran tuffii isaan uummata/saba Oromootiif qaban agarsiisa   

Sababa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) balleessina; Oromiyaa keessaa isaan dhabamsiifna jedhuun yeroo uummata keenyarratti duula duguuggaa sanyii raawwachaa jiranitti; yeroo uummata keenyarratti akka bokkaa diroonii roobsisaa jiranitti; yeroo uummata Oromoo bifa adda addaatiin shororkeessaa jiranitti; yeroo ilmaan Oromoo kuma dhibbaa ol mana hidhaa keessa jiran jedhamutti; yeroo hoggantootni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) olaanoon mana hidhaa keessatti dararamaa jiranitti; yeroo uummatni Oromoo beelaa fi dhukkuba adda addaatiif saaxilamee jirutti, kun hunduu hanqatee Ekeraa Minilik Oromoorratti geerrarsiisuun, madaa Oromoo tuttuquun, dhugumatti tuffii tuffii caaluu dha. Uummata/Saba Oromootiif kun qaanii guddaa qaba. Oromoo ta’ee, yoo dhugumatti quuqama saba kanaa qabaate, kan gochaa akkanaatti gammadus ta’ee waan kana deeggaru yoo jiraate dhugumatti eessa akka jirru ani hin beeku. Wanti akkanaa yeroo Wayyaanotni olaantummaa qabaachaa turan sanallee hin argamnee bar!!

Har’a Ekeraa Minilik nurrtti geerrarsiisuun kun boru ka’anii siidaa Aanolee fi Calii Calanqoo diiguuf qophii akka ta’an mallattoo dha. Warra uummata Oromoo akka sabaatti dachee Oromiyaarraa balleessuuf kaayyoo fi karoora qabaniif immoo caalaatti hamilee kennuu dha. Egaa isaan kana ijoollee Abbaa Gadaa ti; Oromootu biyya bulchaa jira; mootummaan kunis mootummaa Oromoo ti jedhamee kan ololamuuf?! Ijoollee Abbaa Gadaa akka hin taane garuu gaafa isaan Abbootii Gadaa Karrayyuu bakkee/iddoo tokkotti rashansiisan sana ifa ta’e. Akka isaan karaa nagaa hin barbaadne gaafa isaan Haacaaluu ajjeechisani kaan mana hidhaatti guuran sana mirkanaaye. Mootummaa Oromoo akka hin taane gaafa isaani sababa WBOtiin uummata Oromoo diina godhatanii meeshaalee gurguddootti fayyadamanii fageenyarraa furguggeessanii lubbuu namootaa fi beelladaalle galaafatanii fi qabeenya uummatichaas barbadeessan ifa ta’e. Har’a immoo yeroo isaan Ekeraa Minilik Oromoorratti geerrarsiisan kana caalaatti ifa ta’uu qaba.  

Waan warri PP fi deeggartootni isaanii godhaa jiran, jabina mootummaa kanaa agarsiisa moo kufaatii sirnichaa mul’isa?

Wanti seenaa impaayara Itoophiyaa keessatti mul’achaa as gahe Abbaa Irrootni sirnichaa hundi isaaniituu osoodhuma uummata tuffatanuu; osoodhuma akka leencaa baroodanuu boodarra kufu. Wanti isaan hunduu hubachuu dadhabanii fi seenaa irraayis barachuu dadhaban, hanga kufanii lafatti ofarganitti ykn biyyaa baqatanitti injifatamuu isaanii hin amanan. Injifataniis hin beekan. Abbaan Irree uummata bal’aa injifate hin jiru; injifachuus hin danda’u. Garuu waan humnaa fi qabeenya hundaa ofharkaa qabaniif; xayyaarris, taankiinis, baankiinis, fi kkf hunduu harka isaanii waan jiruuf, waanuma moo’aman isaanitti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, yeroo isaa eeggata malee wanti hin taane hin jiru; hin jiraatus. Mootummaan PPs ammaaf waa hundaa harkaa qabaatus; deeggarsa humnoota alaa illee qabaatus; waanuma fedhe abdatus boodarra injifatamuun waan hafuu miti. Abbaan Irree Addunyaa kana keessatti ittifufee jiraate hin jiru. Gaafiin kufaatii isaanii gaafiidhuma yoom ta’aa? ti. Ta’uun garuu hin oolu. Kanaafuu uummata tuffachuun, dararuu fi shororkeessuun jabina osoo hin taane mallattoo kufaatiitti dhihaachuu ti.

Wanti biraa tokko kan dhihoo kana MM biyyattii Paarlaamaa PP keessatti dubbates waanuma tuffii qabuu fi eenyutu maal nu godha waan jedhu mul’isa. WBOn meeshaa lafa kaayee haa galu fi karaa nagaatiin haa qabsaawu kan jedhames tuffiirraa madda malee dhugumatti karaa nagaatiin qabsaa’anii moo’achuun impaayara tana keessatti akka hin danda’amne ragaalee hedduutu jiru. Ragaaleen kunis isaanuma warra PP bira jira. Erga dirree diimookraasii babal’ifnee karaa nagaatti deemna jedhanii amananii, Hoggantootni ABO kan karaa nagaatiin qabsoofan jedhanii biyyatti deebi’an, maaliif har’a mana hidhaa keessatti dararamu? Kuun immoo H/D jaarmayichaa dabalatee maaliif manatti hidhamu?

Maaliif waajjirootni ABO fi KFO cufamanii, miseensotni isaanii mana hidhaatti guuramanii, dararamaa jiru? Maaliif kuun gara biyya alaatti baqatan? Hoogantootni ABO har’a mana hidhaa keessatti dararamaa jiran WBO wajjin qunnamtii qabu jedhamanii ti moo yookaanis meeshaa waraanaa kaasanii argamanii ti? Mootummaan PP karaa nagaatti akka hin amanne ifaa ifatti lafarratti mul’achaa osoo jiruu, waayee karaa nagaa haas’uun uummata burjaajessuufi moo ammas akkuma jedhame tuffii ta’uu isaa ti? Tuffii ta’uun waan nama shakkisiisuu miti. Osoo heerri fi seerri Federaalaa (Federaala sobaas ta’u!) hayyamuu, gaafii ABO/WBOn dhiheesse maaliif akka seeraa fi heeraa alaatti laalamee biyya diiga jedhama? Osoodhuma dhugaa kana hubatuu ABO/WBOn meeshaa lafa kaayee ni gala jedhamee ni yaadamaa? Ni amanamaas? Kun waanuma tuffiirraa maddee fi beekaa uummata burjaajessuuf waan ta’ee dha malee dhuguma warri PP karaa nagaatti amananiitii miti. Garuu immoo doorsisa fakkaata. Galtan galaa yoo diddan isin fixna jechuu dha.

Egaa maaltu Oromoo baasa? Furmaatni maali?

Sirnootni impaayara Itoophiyaa dhufaa dabran Oromoo nyaachaa as gahan, gara fuulduraatti caalaatti nyaachuuf jiru. Sirni nama nyaataan akkanaa kun hundeedhaan buqqawu malee Oromiyaan dhiiguurraa, uummatni Oromoos booyicharraa ooluu hin danda’u. Sabni kun yoomiyyuu caalaa gaaga’ama hamaa keessa galee jira. Dhugaa kana hubachuudhaan tokkummaadhaan qabsoo hadhooftuu tana xumuranii, hiree ofii ofiif/ofiin murteeffachuu qofaatu furmaata xumuraa ta’a jedheen amana. Har’a Minilik faarsuu bira dabranii, ekeraa isaallee dubbisiisaa jiru. Boru maaltu dhufuuf jira? Makmaaksa “Tiruun yoo bubbulte lafee taati” kan jedhu tokko na yaadachiisa. Dhimmi kun hanguma bubbulaa deemu jabaatee balaa fidaa waan jiruuf, uummatni Oromoo dammaqee qabsoo hadhooftuu ABO/WBOn godhaa jiru bira dhaabbachuu fi karaa danda’amu hundaan ijoollee tanaaf gargaarsa godhuun dirqama Oromummaa ti jedheen amana. Oromoon, Oromiyaa fi Oromummaan gaaga’ama keessa galaa jiru. Har’a ekeraatu dubbata boru garuu Minilik biraatu dhufuuf jira. Oromoo kana hubadhu!!!    

Guraandhala 13, bara 2024   


Similar posts:

DHALOOTA JIILE

AMALOOTA QABSOO BILISUMMAA OROMOO MIIDHAN

Dararri Baha Oromiyaatti Hammaate Jedhu Uummanni

ODUU FNN: Waamicha Araaraa ABO-WBO fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Gidduu