Qabsoon Oromoo tarkaanfii lama fuulduratti tokko boodatti deemuu keessatti hidhameera
Published Aug. 9, 2024, 12:19 a.m. by FNN
Qabsoon bilisummaa Oromoo waggoota 50 dura jalqabe. Bu'aan qabsoo bilisummaa Oromoos Oromoo akka sabaatti eenyummaasaa dhabamsiisuuf irratti duulamaa ture jalaa dandamachiisuun Oromummaa daraarseera. Orummaan maal akka tahee fi daangaan Oromiyaas kam akka tahe sirnaan hundee akka godhatu taasiseera. Sabni Oromoos akka sabaatti addunyaatti akka beekamu godheera. Sabni Oromoos mirga saatiif dammaqinaan akka qabsaa'u of barsiiseera.
Haa tahu malee, qabsoon bilisummaa Oromoo kaayyoo jalqabeef cufa galmaan gahuu hin dandeenye. Qabsoota saboota biroo kan akka Ertiraa, Sudaan Kibbaa, Kosovo, Belize, Kiribati, fi kanneen biroo yoo ilaallee erga Oromoon qabsoo ijaaramee jalqabeeti kan bilisummaa ykn walabummaa argatan. Kanneen kaan kan akka saboota Filisxeem, Tamil, Kurdish, Tigiree, fi Oromoo ammallee kan galma hanqatee jiruu dha. Bulchiinsi Tigiree fi Filxeemi harka saboota sana jira lachuuyyuu halleellaa hamaa jala haa jiraatan malee. Sabni lachuuyyuu tokkummaa keessaa isaanii cimaa qaban. Saboota asii olitti maqaa dhoofne hunda Oromoo tu harka meeqa caala - warra bilisa bahes warra qabsootti jirus.
Maaltu Oromoon akka hin bilisoomne godhe laata? Jabina diina Oromoo ti moo dadhabina Oromoon keessaa bahuu dadhabe laata? Lachuuyyuu qooda qaban yoo jenne waanta haalamu miti. Warri Oromoo gabroomfatee, ergatee, saamee, akka garbaatti gurguratee bare bu'aa humna harkaa qabaachuu beeka. Gaafa aangoo harkaa qabanis dhaloota isaanii fuuldura dhuufuuf raacitii cimtuu kaa'aniif darbaniiru. Sabni isaanii mi'aa gabroomfachuu qaba. Oromoodhuma kaan ofitti qabanii kaan ergachuutti itti beekoo dha. Sirni amma aangoorra jirus as dhufa isaa sirnoota haatsee waliin kan walqabsiisuuf jabina jaraa waan beekuuf. Isaan malee kan mootii tahuu dandahu jiras jedhanii waan hin yaadineef achitti of harkisu. Sun jabina jaraa fi laafina Oromoo irraa kaha. Oromoon qabsa'ee, qabsaa'ee, qabsaa'ee waanti cimaan keessaa bahu diddiigamuu dha. Walitti garagalee wal-nyaachuu dha. Hooggansa tokko jala hiriiruu waanti jedhu akka waan aadaa isaa hin taaneetti yeroonni faffaca'ee qabsoo kan saba bicuu fakkaattu gaaggeessa. Lakkoobsaan miliyeena 40 ol. Garuu jabina hamma saboota nuusa isaa gahaniillee hin qabu. Jibuutiin biyya mataashee dandeessee dha. Garuu uummata miliyeena lamallee hin qabdu. Somaaleenis akkas, Eritiraanis akkas, Sudaan Kibbaas akkasi.
Injifannoo Qeerroo fi Qarreetti booda humni harka Oromoo akka seenuuf qophiin hin turre
Gaafa Qeerroo fi Qarreen Oromoo qabsoo finiinsanii injifannoo argamsiisan Oromoon injifannoon sun qaama biraan akka hin butamne of qopheesse hin turre. ABOs dabalatee warra aktivistiis dabalatee sirba abjuu fi daadhannaa malee namni gadi taahee itti yaadee caasaa lafa kaa'ee Oromoo abbaa aangoo gochuuf qopheesse hin turre. Warra Qeerroo fi Qarreen gadi-bahaa ol-galaa jechaa bahes, yoo mootummaan qabsoo karaa nagaa dide harka micciirra utuu jedhanii Bilxiginnaan fuutee mana hidhaa naqxee du'aa fi jireenya gidduutti darbite. Dhaabbileen siyaasaa afeerraa sirna Bilxiginnaa fudhatee biyyatti deebi'e hunduu harka Bilxiginnaatti kufe. Pilaan B n hin turre. Yoo jiraates kanuma fiigichaan taatee fi qophii hin qabne ture.
Oromoon lafa bashannanaamoo lafa biyya ijaaruu dhaqaa jira?
Namni gidduu kana OSFNA ilaaluuf gara Minisotaa deemetu kubbaa ilaaluuf Oromoota kuma digdamaatii haga kuma 30maatu dirree seene jedhe. Seenuuf immoo kan hiriiree carraa eeggatu kuma 5 ni taha jedhe. Saba haganaa tapha ilaaluuf argame keessaa kan bakka irbaata ABO-WBOtti argame dhibboota muraasaa akka tahee fi bakka sagantaa ABO n karaa nagaa qabsaa'u waamittis kan argame muraasa tahuutu himama. ABOn karaa nagaa qabsaa'us galgala irbaata WBO jechuun sagantaa akka qopheessetu himama. OSA ittis warruma dhiheesse dabalatee nama 30 wayii akka argame himama. Egaa walumaa gala lafa waan biyyaa haasa'anitti Oromoon argame yartuu dha. Oromoon lafa hoy-hoy fi bashannanaa malee lafa qabsoo biyya ijaaruu kan dhaabbatu yartuu tahuun dadhabina Oromoon qabuu dha. Persentaa guddaan ituu Oromiyaan bilisoomtee ni barbaada garuu namni biraan akka bilisummaa fidu fedha. Gaafa hojii keessatti of arguu hin fedhu. Ituu Oromiyaan bilisoomtee immoo kan hunda-dura bu'aa bilisummaa qooddachuuf fiigu warruma harra lafa qabsoo Oromoo hin beeknee dha.
Lola keessootu qabsoon Oromoo akka hin milkoofne godha
Kan saanii yoo dhiifne warrumti qabsootti jirra jedhus qabsootti waan jiru itti fakkaatus tokkummaa hin qabu. Walitti garagalee walirratti lola gaggeessa. Qabson Oromoo akka hin ititneef dirree qabsoo keessatti obbolaa wal-nyaachisa. Qabsoon Oromoo akka of-fuuldura hin deebne rirma ykn qiinqanii tahee qabsoo Oromoo keessa isaa nyaata. "Bishaan maaltu gogsa jennaan waan achi keessa jiru gaafaadhaa jedhe," jedhama. Qabsoon Oromoo akka galma hin geenye maaltu godha yoo jenne waldhagahuu fi waliif abboomamuu dhabuu qabsaa'otaa ti. Hooggansa tokko jala hiriiruu dhadhabuun keenya diina dhiifnee walii-keenya akka nyaannu nu taasise. Walnyaachuu qabsaa'otaatu akka Luuccoon Bukuraa waraana gurguratee galu taasise. Aangoof qabsaa'uutu sana fide. Kanneen akka Goolicha Dheengee faa akka sirnichatti harka kennatan kan godhes lola keessooti. Kanneen akka Diimaa Naga'oo, Leencoo Lataa, Qajeelaa Mardaasaa, Galaasaa Dilboo, Araarsoo Biqilaa, Kaamaal Galchuu, Hayiluu Gonfaa faa sirna amma Oromoo gabroomfataa jirutti akka harka kennatan kan taasise lola keessoo, waliif galuu dadhabuu, fi dantaa dhuunfaati.
Booranaa fi Baarentuun, Maccaa fi Tuulamni, Ituu fi Hunbanni, Oromoon biyya guutuutu waliin gabroome, qabsoo bilisummaas waliin jalqabee itti jira.
Waanti amma Giddu-Gala Oromiyaatti uumamee jirus sanuma waliin wal-fakkaata. Qabsoon kun utuu Giddu-Galeessa Oromiyaa hin gahin Jaal Marroo Dirribaa faa fi Jaal Gammachuu Abbooyyee faatu daangaa Lixaa fi daangaa Kibbaatti hundee gadi dhaabe. Qabsaa'onni hedduun achitti leenji'aniiti zooniilee Oromiyaa birootti bobbahan. Harra hooggantoota zooniilee Giddu-Galeessaa maaltu akka dirree qabsootti fincilan isaan taasiseree? Isaan akka humnaatti ijaaramuuf kan dhihaa fi kibba jiru erga sababa tahee hooggansa waloo maaliif dhagahuu fi fudhachuu dadhaban laata? Diyaasporaa bukkeetiin gargaarsa itti ergutu isaan gowwoomselaa? Moo akkuma jedhamu qaamota akka aktivistootaa fi seelii PP diasporaa keessaatu PP waliin hidhata jalqabsiise laata? Waa malee manni hin aaru jedhan Oromoon. Utuu rakkoon hin jiraatin hooggansi gubbaa jiru waan caasaa isaa adabuuf jira hin fakkaatu. Booranaa fi Baarentuun, Maccaa fi Tuulamni, Ituu fi Hunbanni, Oromoon biyya guutuutu waliin gabroome, qabsoo bilisummaas waliin jalqabee itti jira. Oromummaan ala waan biraan ijaaramuun yoo jiraatte walirratti duuluun yoo jiratte fafa. Seenaa wallaaluu dha. Diinni Oromummaa kee malee eessaa dhuftee sin gaafatu. Kanaaf warri gandaan ijaaramuu yaadan galmi ittiin Oromoo gahan hin jiru. Kanneen akka Jaal Laggasaa Wagii, Jaal Battee Urgeessaa, Abbootii Gadaa Kaarrayyuu fi Qeerroo fi Qarree kumaatamaa gafa sirna amma aangoorra jiruu fi kan kaleessaan gaafa ajjeefame namni ganda isaa gaafate hin jiru. Oromoo tahuu isaaniitu yakka tahe malee.
Waranni Bilisummaa Oromoo bakkaayyuu Oromiyaa guutummaa bilsoomsuuf ijaarame
Egaa Oromoon baroota shanan darban baayyee jabaate, aarsaa hedduus baase. Ammoo tasgabbii dhabuun gidduu kana dirree Giddu Galeessaa Oromiyaatti dhalate qabsicha waan miidhuu dha. Waan faana tokko of booda deebisuu dha. Itita dhowwa. Diina Oromoo irratti xiyyeeffachuurra walirratti bobbahuu fide. Hooggantootni waraanaa Oromoo Oromiyaa bilisoomsuuf akka ijaaraman wallaalanii naannoma jiran waan bilisoomsuuf ijaaraman tahanii argamuun kufaatii dha. Kana furuuf hooggansi dirree hundaa waliif abboomamuu qaban waliin argamuu qaban warra qabsicha tumsu biratti waliin argamuu qaban. Kaleessa gaafa kara karaan uummata dubisantu rakkoon dhalatte. Harree ganama badde galgala hin argan jedhan. Warra ala taahee qabsoo itita dhowwatu carraa dahbsiisuuf waliin argamuun bu'aa qaba ture. Sana namni dhagahe hin turre. Sunimmoo lafa hamma geenyeen nu gahe.
Qabsoo Oromoo fi Oromiyaa Fuuldura akka deemtu goochaa jirta moo of booda deebisaa jirta?
Haataatuu tii Qabsoon Oromoo lola keessaatiin takaalamaa as gahe. Qabsoon akkuma baaburaatti hedduutu irraa harcahaa jedhe Jaal Marroon waggaa darbe. Citaa tokko luqqisaniif manni hin dhimmisu jedhan. Warri qabsoo Oromoo gatee halagaatti galu yeroo milkaa'u hin argine. Furmaati wal dhagahuu dha. Hooggansa jjiru dhagahuu dha. Rasaasa Oromoo bilisoomsuuf manaa baateen wal ajjeesuunis dhabachuu qaba - sun seenaa xuraawaa waan taheef. Qabsoo Oromoo miilla lama fuuldura miilla tokko booda deemu kana fuuldura duwwaa akka deemu gochuuf Oromoo cufti dhaabbatee of gaafachuu qaba. Anatu qabsoo saba kanaa quucarsaa jiraa jedhee of qorachuu qaba namuu. Tokko taaneeyyuu amni dheertuu, humna jirtu bakka meeqatti caccabsanee bilisoomna kan jedhee yaadu diina Oromoo milkeessaa jira malee Oromoo bilisoomsuu hin dandahu.
Kanaaf Oromoon lola keessa isaa bulfatee fuula isaa yoo diina walootti garagalfate malee sirni amma jiru ittuma fufuuf carraa guddaa argata.
Similar posts:
Ekeraa Minilik haasofsiisuu calqabanii?
DHALOOTA JIILE
AMALOOTA QABSOO BILISUMMAA OROMOO MIIDHAN
ODUU FNN: Waamicha Araaraa ABO-WBO fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Gidduu