ODUU FNN | BITOOTESSA 2025

Published March 29, 2025, 6:58 p.m. by FNN

846



Oduulee Ji'a Bitootessaa Oromiyaa fi Itiyoophiyaa keessatti raawwatan kanneen FNN gahan akka asii gadiitti dhiheessina. 

Bitootessa 24, 2025 - Qilxu Kaarraa, Wallagga Lixaa:

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraatti miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii lama WBO'tti harka kennatan.

Bitootessa 24,2025 miseensonni waraana Raayyaa ittisa impaayerattii lama mooraa cubbuu ganuun gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun barameera.

Miseensotni waraana Bilxiginnaa kunneen badii sirnichi uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuun mooricha akka ganan dubbataniiru.

Bitootessa 26 – Aanaa Shaanan Koolu, Godina Arsii Bahaatti
• WBO loltoota mootummaa irratti tarkaanfii fudhatee 1 ajjeesee 2 madeessuu beeksise. Ittuma fufuun lola bakka Laftoo Rifeensoo jedhamutti 5 ajjeesee 6 madeessuu beeksise. 

Bitootessa 25 – Aanaa Munessaa, Arsii Bahaa
• WBO loltoota mootumma 10 ajjeese, 18 madeessuu gabaasaaseera. Meeshaa waraanaa AKM 2 fi Boombii 2 waliin harka kennachuunis dhagahame.

Akkasumas Bitootessa 23 – Aanaa Galaanaa, Gujii Lixaa
• Loltoonni mootummaa lama WBOtti makamanii jiru.
Loltootni kun meeshaa waraanaa 2 fi rasaasa hedduun waliin harka kennachuun dhagahame.

Caasaaleen Mootummaa Itiyoophiyaa Saaminsa, Ajjeechaa, fi Shira Hamaa Oromiyaa Keessatti Itti Fufanii Jiraachuun barameere.

Bitootessa 28 - Aanaa Kuyyuu, Godina Kaaba Shaggar

Saamichi loltoota maafiyaa PP'n hammaachuun dhaga'ame. 

Saamichi qindaawwaan bifa haaraan jiraattota godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Dhaayee Willincoo irratti raawwachuu erga eegalee torban darbee kan jiru yoo ta'u, keessattuu maatii qabsaa'otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti kan xiyyeeffate ta'uunis ibsameera.


Jiraattota gandoota kanneenii saamichi irratti raawwate keessaa muraasni maqaan nu ga'e;  
Obbo Mokkonnon Malkaa qarshii 53,000 
Obbo  Bojaa Habbaxaa qarshii 33,000
 Obbo  Katamuu Bojaa 33,000
 Obbo Mootii Caalaa 33,000
Obbo Abdataa Dabalaa 33,000 
Obbo Tolasaa Abdataa 33,000 
Obbo Gishuu Bayyanaa 23,000 
Obbo Kabbuu Birraatuu 33,000 
Obbo Dirribaa Dammaa 13,000
 Obbo Kabaa Dabalaa 60,000 
Obbo Magarsaa Tafarii 20,000 fi kanneen biroo maqaan hin eeramne hedduunis saamamuun ibsameera.

Maallaqa saaman kanneeniis  milishaan maqaan isaa Asaffaa Lammaa jedhamu adda durummaan waraana sirnichaa itti bobbaasuun kan saamsise oggaa ta'u, qarshii kuma dhibba sadiis dhuunfaa isaaf oolfachuun qarshii hafe akka gabaase maddeen keessoo murna PP eeraniiru.


Bitootessa 26,2025 Qellem Wallaggaa:  Aanaa Anfilloo ganda Waabaa bakka addaa Boogaa jedhamutti guyyaa keessaa toora sa'a 6:30'tti abbaa ilmaan lamaa kan ta'e nama maqaan isaa Guutamaa Asaffaa jedhamu tiksitoonni impaayerattii jiraachuu ilmaan Oromoo hin feene Oromummaa isaa qofaaf rasaasa itti roobsanii ajjeessanii gatuun ibsame.

Waraanni namummaan itti hin dhaga'amne kunneen erga ajjeesanii boodas reeffa maatii dhorkachuun bakkeetti eegaa turuus jiraattonni himaniiru.

Gara jabeeyyiin ergamtoota murna PP dabaa fi hammina malee gaarummaa tokko saba irraa dhalataniif yaadanii  hin beekne barcuma Abiy Ahimed tiksuuf nama nagaa faallaa Bilxiginnaa dhaabbatte ittiin jechuun dhiiga qulqulluu dhangalaasaniiruu jedhu maddeen.

Bitooteessa 25, 2025 – Godina Shaggar Lixaa, Aanaa Dirree Incinnii
Humnoonni mootummaan hidhaa jumlaa fi reebicha hamaa uummata Oromoo irratti raawwachuu itti fufanii jiraachuun dhagahame. Jalqaba torban darbee keessa, loltoonni PP ganda Arfijjoo Dagaa keessatti nama maqaan isaa Biraanuu Galaanaa jedhamu hidhuun dhagahame. Jiraattonni akka jedhanitti, Biraanuun siyaasa keessatti hin hirmaatu yakkaas hin qabu jedhame, garuu "miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ti" jechuun maqaa sobaan himanii akka reeban gabaafame.
Torban sana duras, loltoonni PP Obbo Jifaaraa Akkumaa fi maatii isaa 10 hidhuun qabeenya isaaniis saamuun dhagahameera. Jireenya isaanii dhabamsiisuuf akka karoorfatan madden ni dubbatu. Kunis Heera Mootummaa Itoophiyaa fi Konvenshinii Ittisa Dararaa Idil-addunyaa (CAT) cabsuun tahuu beektotni ni dubbatan.
Jiraattonni akka jedhanti, mootummaan Abiy Ahimad humnoota waraanaa saba Oromoo irratti bobbaasuu itti fufee jira. Hidhaa, reebicha fi saamichi uummata nagaa irratti raawwatamu daran hammaachaa dhufee jira. Uummanni Oromoo rakkoo kana dhaabuuf murannoo cimaa qabaachuu akka qabu waamichi taasifameera.


Bitootessa 24 – Sirkaa, Arsii Bahaa

• Nama maqaan isaa Hassan Adam Haji Abdullah jedhamu ajjeesan.
• Nama kan biraa tokkos madeessuun dhagahame.
• Manneen uummataas gubanii qabeenyaa saamuun dhagahame.

Bitootessa 22 –  Arsii Nagallee, Arsii Lixaa

• Hooggantooti PP namoota dirqisiisanii mana paartii ijaarsisuun dhagahamee.
• Mindaa Humna waraanaa jechuun PP maallaqa uummatairraa saamuunis dhagahame.


Bitootessa 20 – Tulluu Boolloo, Shawaa Lixaa

PPn Dargaggoota Oromoo Lama Ajjeesuun Bosona Keessatti Darban
• Dargaggoonni ajjeefamanis Xilee Taarikuu fi Gammachuu Siisaay kan jedhaman ajjeefamanii konkolaataa Baajaji keessaa darbatamuun barameera.
• Mootummaan sobaan “WBOtti nyaata geessan” jechuun himate.


Bitootessa 18 – Begii, Wallagga Lixaa

• Mucaan umurii 13, Mimi Dannoo jedhamtu, loltoota mootummaan dirqamaan gudeedanii booda ajjeesan
• Reeffi ishee manaa mootummaa keessatti argame.

Bitootessa 17 – Bachoo, Shawaa Lixaa

Humnoonni mootummaa manneen uummataa guban:
Haala kanaan 

• Taakkalee Kabbadaa jalaa mana 3
• Giizuu Zawudee jalaa mana 2 fi midhaan hedduu
• Gannana Gammadaa jalaa  tuullaa akurii atarii 2
• akkasumas saawwa 1, Re’ee 7 fi Hoolaa 9 saaman

Bitooteessa 15, 2025 – Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Gutu Gida
Lola mootummaa Itoophiyaa fi haleellaa hamaa loltoonni Paartii Badhaadhiinaa (PP) nannoo Oromiyaatti geggeessaa jiran keessatti, dargaggoo Gari Hayiluu jedhamu loltoonni mootummaa ganda Qajelaa bakka Dabbassee jedhamutti ajjeesan. Manni murtii tokkottiillee osoo hin dhiheessin mirga jireenyaa dargaggoo kana sarbuun akka ajjeesan jiraattonni ibsan.
Mootummaan Itoophiyaa waliigaltee idil-addunyaa kan akka Heera Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa (ICCPR) fi Dhaabbata Mirgoota Namoomaa Afrikaa (ACHPR) mallatteesse cabsuun ajjeechaa lammiilee Oromoo irratti gaggeessu jabeessee itti fufeera. 

 

Bitootessa 28, 2025 : Abuna Ginda Barati - Darara Shororkeessitooti Amaaraa Faannoon Oromootarratti Raawwataa Jirtu 

Finxaaleyyiin Amaaraa Faannoon Abunaa Ginda Barati keessatti lammiilee Oromoo lama ajeessuun nama lama immoo butanii maatii irraa nam tokkotti qarshii 400,000 fudhachuun gadhiisan jedhame.

Kanneen isaan ajjeesan:

  1. Balaay Jootee
  2. Baabbee Fayyeeraa ti.

    Kanneen isaan butanii maatii irraa maallaqa fudhatan: 1.Dhinsaa Qalbeessaa fi 2. Nagaroo Mullataa tahuun beekameera. 

Ittaansuun Waa'ee Yunvarsiitii Dambi Doolloo Irraa Butamuu Barattooti Naannoo Amaarraa Ilaalchisuun 

Gara xumura bara 2019 baratoooti Amaaraa 18 ol tahan Yuunvarsiitii Dambilloo irraa butamuun miidiyaalee fi sabaahimaalee hawwaasummaa lammiilee Amaarraa irra faca'aa ture. Achi booda mootummaan miseensota ABIN kan ta'eef lammummaan Amaara kan ta'ee fi miseensa WBO kan tahe Jaal Caalaa (Ashanaafii Goondaree)  nama jedhamu tahuu karaa Field Marshal Biraanuu Julaa Miidiyaaf ibsa laate. Biraanuun akka jedhetti Ashanaafiin baratoottoota sana ABINiif dabarsee kenne.

Warra ni butaman jedhaman keessaa diraamaan ishee ballinaan kan dhagahame kan Birtukaan Tamasgeen Kabbadaa ti. Kudha lama fixeen Yunvarsiitii Haramayyaatti ramadamee jette. Achii booda barattuun tokko kottu DaDu daqnaa naan jennaan bara 2013 achi deeme jette. Utuun waggaa 2ffaa baradhuu na butanii shan tahanii na gudeedan jette. Dhagaan jiru garuu Yuunvarsiitii Harammayyaas Dambi Doolloos hin deemne. Hawwaasaatti Ekstenshinii baraataa utuu jirtuu addaan kuttee akka heerumtetu himama. Walumaa gala humnoota ABINii fi Elite Amaaraa waliin taahaniitu Oromoo fi Oromiyaa irratti diraamaa maqa balleessii hojjetaa turan. Diraamaan sun amma saaxilameera.

 

Oduu keenya asiinis hordofuu dandeessu: https://www.youtube.com/live/ErE1dIQ_hDM


Similar posts:

Araara: Eenyu wajjin? Akkamitti?

DHALOOTA JIILE

AMALOOTA QABSOO BILISUMMAA OROMOO MIIDHAN

ODUU FNN | ADOOLESSA 29, 2023 | AJJEECHAA SORA ABDETA