ODUU FNN | ADOOLESSA 29, 2023 | AJJEECHAA SORA ABDETA

Published July 30, 2023, 4:49 a.m. by FNN

666



Sirni Awwaalcha Artiist Soraa Abdataa, Bakka Dhaloota Isaa Magaalaa Jaarsoo,Bataskaana Gabri'eelitti har’a Gaggeeffamee oole 

Sirni awwaalcha Artiist Soraa Abdataa, bakka dhaloota isaa Godina Wallaga Lixaa Magaalaa Jaarsoo Bataskaan Gabri'eelitti, bakka Maatiin, firoottan isaafi jaalattoonni isaa argamanitti har’a gaggeeffameera .

Dargaggeessi Afaan Oromootiin qoosaa yookiin koomedii hojjechuun beekamu Soraa Abdataa kaleessaa magaalaa Finfinnee naannawa Jamoo jedhamuun beekamutti hoteela keessatti 'du'ee argamuu' hordofee miidiyaa hawaasaa gubbaatti namootni hedduun rifachuun gadda ibsachaa jiru.

Waggaa lama dura walbaranii haga ammaa hojiiwwan koomedii shan waliin hojjechuu kan himu hiriyaansaa Amaanu'eel Waaqturaa kan jedhamu Sooraan waggoota sadii dura magaalaa Naqamteerraa gara Finfinnee akka dhufe fi naannoo Jamoo jedhamu akka jiraatu, lubbuun isaas kan darbe achuma ta'uu miidiyaalee tokko tokko irratti ibseera 

Hiriyyoonni isaa sababa du'a isaaf wanti shakkitan jiraa gaaffii jedhu yoo deebisu ''Sooraan nama hojii komedii siyaasatti osoo hin bu'iin hojjetudha, nama waliinis kan walitti bu'u miti'' jedha.

Sooraan obboleessa isaa quxusuu waliin akka hojjetuu kan himuufi meeshaalee hojii komediif oolan dhiyeessuun kan isa gargaaraa ture Artist Kumsaa Taammanaa ammoo namni isa doorsisu akka jiru hiriyyoota isaatti himee akka ture odeeffachuu dubbate.

''Si ajjeesna'' jedhamee itti dhaadatamaa akka ture hiriyyoota isaa tokko tokkotti himaa akka tures iyyaafachuu dubbata Artiist Kumsaan.

Oduu biraatiin, WBO'n zoonii Kaabaa miseensota haarawwaa leenjii waraanaa fi siyaasaa kennaafii ture eebbisiise. 

 Jaarmiyaan ABO-WBO garbummaa uummata Oromoo irraa hundeen buqqisuuf qabsoo hidhannoo abboota isaa irraa dhaale jabeessuun akeekaa fi kaayyoo ganamaa warreen galmaan ga'uu danda'u jedhu simatee leenjii kennuufiin bobbaasuu cimsee itti fufee jira. 

 Gootichi abdii bilisummmaa fi walabummaa Oromoo akkasumas Oromiyaa zoonii waraana Kaabaa keessatti kaadhimamtoota waraanaa simachuun leenjii waraanaa fi siyaasa dhaabichaa erga kenneefiin booda sirna hoo'aan eebbisiisee jira. 

Leenjifamtootaaf leenjii waraanaa riphee lolaa, ga'umsa qaamaa, heera, seera, barruu naamusaa, seenaa saba Oromoo fi haala siyaasa impaayerattii irratti barruu qophaa'e cufa barsiisuun egeree saba Oromoof akkaataa ta'anitti leenjii walitti fufiinsaa kennaafii ture. 

Eebba kana irratti kan argaman qondaaltotni WBO zoonichaa, eebbifamtootaan baga geessan jechuun roorroo sabatti ulfaatee isiniinis rakkisnaan manaa baatan kana akeekaa fi kaayyoo dhaabichaa jalatti taliigamuun akkasumas aadaa, safuu fi dantaa saba Oromoo kabachiisaa galma xumuraaf of qusannoo tokko malee akka hojjettan jechuun dhaamsaa fi haamilee taasisaniiruuf jechuun gabaasni zoonicha irraa nu qaqqabe ni addeessa.  

Injifannoowwan WBO hedduu keessaa muraasa! Adoolessa 28, 2023

Aqaaqii magaala Aabbuu eda galgala sa'aa 5:00tti WBOn magaala seenuun nyaapha hedduu kan adabe yoo tahu haga har'aatti magaala Aabbuu to'annoo isaa jala galfateera.

Buunoo Beddellee Cawaaqaatti milishoota, hattoota, kaadiroota, rib hedduu haxaa'ee kaan akka gaariitti lafee daakee madoo tolcheera.

Meettaa Walqixxee bakka addaa Borahaa jedhamutti utuu isheen rasaasa tokko hin dhukaasiin rib 50 ol daandii irratti eeggatee qacam godhe.

Minaaree ganda Qundeettis haalaan qulqulleessee jira WBOn.

Zoonii bahaa fi zoonii kibbaas bakkoota hedduutti injifannoo gonfataniiru.Gabaasa guutuu sababa networkn cufameef argachuu hin dandeenye. Akkamuma network arganneen kan waliif tarbeessinu ta'a!

Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii 8 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa fi Lataa Sibuu keessaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makaman. 

 Abiy Ahimed TPLF mootummaa ana irraa fudhachuuf jechuun ilmaan Oromoo qe'ee abbaa isaanii irraa humnaa fi goyomsaan qabuun leenjii waraanummaa kennuufiin deebisee ilmaan Oromoo akka ajjeessaniif bobbaasuu isaa hubachuun kaayyoo sirnichaa ganuun ilmaan Oromoo miseensota waraana bilxiginnaa turan WBOtti makamaa jiru. 

Haaluma kanaan torban kana keessa godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessaa miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii 7 qawwee fi hidhaannoo guutuun waraana bilisummaa Oromootti yoo dhufan namni 1 ammoo aanaa Lataa Sibuu keessaa ba'uun WBOtti makameera. 

Ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa turan kun gama meeshaatiin qawwee Turkii 4, dachaatuu 4 , raasasa 1011 boombii harka 3 waliin sirnicha ganuun waraana bilisummaa Oromootti kan dabalaman yoo ta'u, ilmaan Oromoo sirna bilxiginnaa keessatti hafanii tajaajilaa jiraniifis dhaamsa kottaa gara qabsoo saba keessaniitti makamaa jedhu dabarsanii jiru

 Barattootni yuuniveersitii dhuunfaatti barachuun qormaata ba'umsaa " Exit Exam " fudhatan firii argame irraa mormii qabaachuu ibsan. 

Impaayera Itoophiyaa keessatti erga Abiy Ahimed aangootti dhufuun Pr Biraanuu Naggaa ministeera barnootaa taasisee maqaa qulqullina barnootaa eegsisna jedhuun barattootni qormaataaf bakkaa bakkatti socho'uu akkasumas qormaatni sadarkaa adda addaatti kennamu baay'achaa dhufuun barattootaa fi maatii irraan miidhaa geessisaa jira. 

 Qormaata ba'umsaa " Exit Exam' torban lamaan darbe Adoolessa 13,2023 barattoota yuuniveersitii dhuunfaa fi mootummaa impaayerattii keessaa barachaa turaniif kan kenname yoo ta'u, barattootni baay'een kan mootummaa baratanis ta'e dhuunfaa mormii irraa qaban ibsaa turan. 

 Qormaatni ba'umsa yuuniveersitii kun firiin isaa guyyaa muraasa booda Adoolessa 17,2023 kan gadhiifame ta'us, barattootni hedduun keessumaayyuu kanneen yuuniveersitiilee dhuunfaatti baratan hedduun qormaaticha kufanii jiru. 

 Barattoota yuuniveersitii dhuunfaa Riifti Vaalii tokko tokko akka dubbisnetti, qormaatni kenname kun barattoota yuuniveersitii dhuunfaa baratan ittiin kuffisuufi jechuun, qormaatni dhufe kan dhuunfaa fi mootummaa gargari, akkasumas yeroon itti kenname adda adda jedhu. 

 Gosa barnoota tokko baratanii kanneen yuuniveersitii mootummaa baratan Finfinnee irraa sa'a 6:30 kaasee kan fudhatan yoo ta'u, yuuniveersitii Riifti Vaalii Ambootti sa'a 10:00 hanga 12:00tti kennameef. 

 Yuuniveersitii Riift Vaalii Ambootti dippaartimentii Ikkoonomiksii irraa barattootni 684 qormaataaf kan ta'an ta'us barattoota 17 qofatu darbe. 

 Dippaartimentii Manaajimentii irraa barattoota 300 qormaataaf ta'an keessaa 3 qofti kan darban yoo ta'u, dippaartimentii Akkaawuntiingii daree sadii keessaa barataan tokkoyyuu hin darbine. 

Rakkoo qormaatni kun qabu barattootni Yuuniveersitii Riifti Vaalii mooraatti argamuun iyyata akka hin dhiyeeffanneef waraanni bilxiginnaa dareen osoo hin hafin seenanii hordofaa fi walitti qabama barattootaa bittinneessaa jiraachuu kan himan barattootni rakkoon kun irra ga'e, bulchiinsi Abiy Ahimed fi Biraanuu Naggaa dadhabbii keenyaa fi maatii waggaa hedduu zeeroo taasisan jechuun rakkoo kanaaf sagalee nuuf ta'aa kan jedhan barattoota Yuuniveersitii Riifti Vaalii Amboo ti.

Qopheessaan Odaa Doorii ti.

 

 


Similar posts:

Dararri Baha Oromiyaatti Hammaate Jedhu Uummanni

Sabboontota fi diina Oromoo

Ekeraa Minilik haasofsiisuu calqabanii?

Araara: Eenyu wajjin? Akkamitti?