Bulchiinsi Naannoo Tigraayi Murtee Bordii Filannoo Biyyoolessaa Morme.
Published Sept. 13, 2025, 10:38 a.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Prezidaantiin Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradaa, murtee Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa (NEBE) dhaaba Siyaasaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) akka haqamuuf murteesse “fudhatamu hin qabu” jechuun balaaleffatee, dhimmichi qoqqobbii birokraasiin osoo hin taane furmaata siyaasaa qofaan furamas jechuun akeekachiisuun baramae.
Akka yaada Prezidantichaatti, TPLF paartii idilee miti, haqeera jechuu hin dandeessu, sunumtuu dhimma baay'ee cimaa fi bu’aa ba'iinsaa ifa ta’e barbaada” jechuun hadheeffatanii akka morman maddeen himanii jiru.Paartichi hayyoota Tigraay, akkasumallee miseensonni mormitootaa waliin walitti dhufeenya akka qaban hubachiisuun, jaarmiyaan dhaaba TPLF dhaaba seenaa qabeessa waan ta’eef haqamuun isaa fudhatama hin qabu jedhan.
Kana malees waldhabdeen boordii filannoo Biyyaalessaa fi TPLF gidduu jiru “rakkoo guddaa” akka ta’e ibsee, kuni immoo marii qofaan furmaata argachuu akka danda’u ibsuu maddeen achii nuuf ifoomsanii jiru.
Akkasumas, dhaabichi ragaa boordii filannoo Biyyaalessaa irratti “ balaa fidu mala” jedhame murteen fudhatamee ture, mariin qofti furmaata bu’a qabeessa fiduu akka danada’uu akeelanii jiru.
Similar posts:
Puutiin Raashiyaan Awurooppaaf balaa taatee hin beeytu, har’as yaaddoo miti jedhan.
Amineestiin ‘Kakuu Miidiyaa’ Boordii Filannoo Itoophiyaan qophaaye aggaammii gabaasa bilisaa irratti xiyyeeffate jechuun balaaleffate
Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe.
Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame