Ministeerri Barnootaa Qabxii Ol'aanaan 591 Mana Barumsaa Ifa Boruu Dodolaa irraa galmaa'e jedhe.

Published Sept. 14, 2025, 3:43 p.m. by FNN Staff

782



ODUU FNN

Bara darbe qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qoraman keessaa harki 8.4 dhibbeentaa 50fi isaa ol galmeessan. 
Ministirri Barnootaa Barattoota miiliyoona walakkaa ol qoraman keessaa kumni 48 fi dhibba 920 qabxii Yuunivarsiitii isaan galchu galmeessan jedhe.
Barattoota bara darbe qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qoraman keessaa harki 8.4 dhibbeentaa 50fi isaa ol galmeessuus isaanii Ministeerri Barnootaa 
Pirofeesar Birhaanuu Naggaa ibsaniiru. 
Barattoota miiliyoona walakkaa ol qoraman keessaa kumni 48 fi dhibba 920 qabxii Yuunivarsiitii isaan galchu danda'u galmeessuu himan. 
Qabxii ol'aanaan barana galmaa'es Saayinsii Uumamaarraa 591 yoo ta’u Naannoo Oromiyaa Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaarraa ta'uutu ibsame. 
Saayinsii Hawaasaarraas qabxii ol'aanaan 579 ta’uu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul'isa. 
Shamarraniin Magaalaa Finfinnee Mana Barumsaa Bisraata Gabreel qabxii 579 Saayinsii Uumamaan galmaa'eera. 
Saayinsii Hawaasaa Shamarraniin Finfinnee Mana Barumsaa Seent Jooseef irraa 548 akka galmaa'e Ministeerri Barnootaa ibseera.


Similar posts:

GABAASA TAATEE TORBAN KANAA.

GABAASA TORBAN KANAA

Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame