Humnoonni Naannoo Sumaalee Uummata Oromoorraatti Waraana Banuun Dhaga’ame

Published Sept. 15, 2025, 9:34 a.m. by FNN Staff

1363



         ODUU FNN

Godinaalee Harargee lamaan irratti humnoonni mootumma naannoo Somaalee ummata Oromoo irratti haleellaa qindaa’aa banuun barame.

                     

Akka jiraattonni maddeeniif yaada kennan ibsanitti, haleellaa hidhattoota naannoo Somaalee mootummaa naannichaan deeggaramaniin godina Harargee Bahaa Ona Cinaaqsanitti raawwatameen lubbuun namoota 6 darbuu jiraattonni maddeenitti himanii jiru.

                           

Kana malees haleellaa kanan namoonni 3 madaa'u fi beeladoonni 150 caalaan humnoota Kanaan saamamuu maddeen gabaasanii jiru.

 

Kana malees Ona Doobbaa Araddaa Gammachuu fi Araddaa Ifaa diin gandaa kurfaa martuu iddoo daangaa afdam jedhamtuutti humni addaa nannoo Sumaalee lola uummata irraatti bananiin nama tokko kan maqaan isaa Ahmed Ussoo jedhamu madeessu fi Loon Shantamaa saamanii yoo demaan, Loon shan ajjeesanii deemuu maddeen achii nuuf gabaasanii jiru.

 

Godinuma kana keessatti Harargee Lixaa naannawa Caffee Baanteettis hidhattoonni naannoo Somaalee haleellaa banuun namoota hedduu qe’eerraa buqqisaa jiraachuu jiraattonni maddeenitti himuun, haleellaa kanaan lubbuun namaa darbuu, kanneen madaa'anis jiraachuu ibsaniiru.

 

Karaa godinaalee Baalee fi Booranaatiinis hidhattoonni naannoo Somaalee Mootumaadhaan deeggaraman meeshaa gurguddaa dabalatee garmalee hidhatan haleellaaf qophaa'aa jiraachuu maddeen nuuf himanii jiru.

 

Kaayyoon haleellaan kun itti qindaa’aa jiru, caasaa haaraa mootummaan naannoo Somaalee labse humnaan hojii irra oolchuuf akka ta’es jiraattonni himanii jiru.

 

Sababa kanaaf Mootummaan naannoo Somaalee hidhachiisee nutti bobbaasaa jira  jedhan jiraattonni maddeen dubbisan.

 


Similar posts:

GABAASA TORBAN KANAA

Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan