Magaalaa Finfinneetti balaa tiraafikaatiin lubbuun namaa darbe.

Published Sept. 17, 2025, 2:50 p.m. by FNN Staff

774



ODUU FNN

Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalaa Araadatti balaa tiraafikaa muuddateen lubbuun nama tokkoo darbuu Koomishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.

 

Balaan kun kan muuddate guyyaa har'aa Fulbaana 17/2025 lafa barii toora sa'aatii 12:10 irratti kutaa magaala Araadaa, aanaa  6 iddoo adda Afincaa Barri jedhamutti  akka ta’e poolisiin magaalichaa beeksisee jira.

 

Balaan kun konkolataa geejjiba ummataa irraatti kan gahe yoo ta’u, ka’umsii konkolaataa kanaa Shiro Meedaa irraa gara Afincaa Barriitti imalaa osoo jiruu iddoo pirojektii misooma qarqara laggeen kan meetira 30 fagaatee naannawa Afincaa barriitti ijaaramaa jirutti balaan kun muudachuun beekkamee jira.

 

Balaa muuddate kanaan Dubartiin waggaa 22 batalumatti lubbuun yoo dabartu, miidhamtoonni lubbuun hafan immoo hospitaala Abeeti fi Yakkaatiti 12tti yaala fayyaa argataa jiraachuun ibsamee jira.


Similar posts:

GABAASA TORBAN KANAA

Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan