Godina Baalee Lixaa keessatti mootumman humna waaraanaa bobbaasuun dargaggoota ukkamsanii gara adda waraanaatti guuraa jiraachuun barame.
Published Sept. 30, 2025, 5:17 a.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Godina Baalee Lixaa onoota hunda keessatti dargaggoota adamsuun bakkeewwan daldalaa fi iddoowwan hojii garaa garaa namoonni baay'inaan irratti argamanitti xiyyeeffachuun afaan qawween ilmaan keenya ukkaamsanii gara waraanaatti nu jalaa guuraa jiru jechuun jiraattonni onichaa maddeenitti himan.
Akka jiraattonni jedhanitti ilmaan keenya waliin jirachuu hin dandeenye, isa humna qabutu afaan qawween nurraa qabee ilmaan keenya soora rasaasaa taasisaa jira, osoo nuti reeffa ilmaan keenyaa hin argin bakkeetti bineensi nyaachaa jira, impaayerattii keessattis nageenyi argame hin jiru hanga yoomiitti akkasitti jiraanna jechuun yaaddoo guddaa akka isanitti ta'es dubbataniiru.
Impaayerittiin dhiiga qulqullootaa fi ol adeemtotaa dhangalaasaa kan har'a geesse yoo ta'u, ammas aangoo irratti of tiksuuf golee Oromiyaa mara keessaa dhaloota egeree biyyaa ta'an ukkaamsuun qe'ee namoota hedduu jireenya gadadoof saaxilaa jiraachuu jiraattonni kunneen ibsaniiru.
Bifuma wal fakkatuun Hidhattoonni Mootumma godina Walloo Ona Baatee keessatti dararaa hamaa jirattotarraan ga’aa jiraachuu jiraattonni dubbatan.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo ona Baatee gandoota garaa garaa keessatti Fulbaana 22,2025 irraa eegaluun hidhattoota sirnichaan, gubaatiin manneen qonnaan bultootaa irra deddeebiin geggeeffamaa turuu jiraattonni maddeenitti dubbatan. yeroo ammaa kana onichatti gochi gubaatii manneen hawaasaa kun walitti fufiinsaan adeemsifamaa jiraachuun beekameera.
Qonnaan bultootaa fi abbootii warraa ona Baateetti loltoota mootummaatiin Fulbaana 25,2025 manni isaanii jalaa gubachuun barbadeeffame keessaa muraasni maqaa arganne ganda Jaldeettii irraa
Abduu Se'idii,
Hiddee Alii,
Adam Alii,
ganda Mootummaa irraa
Indiris Muhiyyee,
Abduu Maammee
ganda
Gaariroo,
Adam Muhee
ganda Kophaafoo,
Abduu Qaccil ganda Sokokkee irraa fi ganda Mootummaa irraa ammoo haadha manaa Sheek Abduu Sokokkee mi'a mana keessaa midhaan nyaataa fi uffata dabalatee tokko osoo keessaa hin baafatin walumaa galatti manneen qonnaan bultootaa lakkoofsaan 20 ol ta'an ibiddaan barbadeessuu jiraattonni maddeenitti himaanii jiru.
Namoonni kunneen badii qabaatanii osoo hin taane, maqaa maatii qabsaa'otaati, WBO soortu, daandii agarsiiftuu fi isintu WBO as kaa'ee tarkaanfii nurratti fudhachiisaa jira jedhuun, dararama hamaa kana argaa akka jiranis maddeen gabaasanii jiru.
Similar posts:
Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.
Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse
Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse
Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise