Ispeen meeshaa waraanaa Ameerikaan karaa buufataalee Rota, Morón gara Israa'elitti ergitu uggurte

Published Sept. 30, 2025, 5:46 a.m. by FNN Staff

502



ODUU FNN

Ispeen wiixata xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa fi dooniiwwan meeshaa waraanaa, rasaasa ykn meeshaalee gara Israa’el karaa buufata isii Rota (Cádiz) fi Morón de la Frontera (Seville) akka hin geejjibne dhoorkuu isii maddeen hojii koree waloo Ameerikaa fi Ispeen beekan mirkaneessaniiru. 

“Rota fi Morón balbala duubaa miti,” jedhan maddeen kun maqaan isaanii akka hin dhahamne yoo dubbatan, jechuun gaazexaan Ispeen guyyaa guyyaa El Pais gabaaseera. 

Maddoonni kunneen lamaan isaaniiyyuu buufataalee abbaa biyyummaa Ispeen ajaja Ispeen jala jiran ta’uu fi sochiin hundi hayyama Maadriid akka barbaadu cimsanii dubbataniiru. 

Tarkaanfiin kun kan fudhatame wayita Waashingitan haleellaan Israa’el Gaazaa irratti raawwatte namoota 66,000 ol ajjeesee as ergaa meeshaa waraanaa isa guddaa ta’e dhiyeessaa jirtutti. 

Qondaaltonni Ispeen ummata duratti ejjennoo jiddu galeessa ta’e kan qaban yoo ta’u, Ispeen waliigaltee ittisa biyyoota lamaanii U.S. waliin taasifameen kan deemtu ta’uu ibsuun, meeshaaleen waraanaa falmisiisaa ta’an kan akka Israa’el qabatte qoqqobbii kana jala akka galan qulqulleessaniiru. 

Ispeen kallattiin ergaa Ameerikaa sakatta'uu baattus, qondaaltonni jijjiirraa akkasii dhoysuun amantaa michoota jidduu jiru ni miidha jechuun falmu. 

Akkasumas meeshaan waraanaa guddaan gara Israa’elitti erguun akka hin danda’amne yaada dhiyeessu. 

Fakkeenni jalqaba bara kanaa caqasame tokko xiyyaaronni waraanaa F-35 ja’a gara Israa’elitti geessuu isaanii yoo ta’u, xiyyaaronni kun buufata Ispeen bira darbanii, kanaa mannaa qarqara galaanaa Jibraltar qaxxaamuruu isaanii dura Azoores keessatti dhaabbachuu isaaniiti. 

Waliigaltee Tumsa Ittisaa bara 1988 yeroo hedduu fooyya’e jalatti humnoonni U.S. buufata doonii Ispeen irraa haalawwan murtaa’an keessatti socho’uu danda’u. 

Xiyyaaronni U.S. dhaabbataadhaan Ispeen keessa buufatan bilisummaa sochii kan qaban yoo ta’u, kanneen biroo hundinuu dursanii hayyama gaafachuu qabu. 

Waliigaltichi keewwata 25 balalii deeggarsa loojistikii kurmaana kurmaanaan akka raawwatamu kan hayyamu yoo ta’u, ergamoota “fe’umsa ykn imaltoota falmisiisaa” gara Ispeenitti fe’an addatti kan hin daballeedha. 

Fooyya’iinsi bara 2011 taasifame seera kana daran cimsee, balaliin ka’u, bakka itti imalu, fi kaayyoo ergamaa fi ibsa fe’umsaa beeysisuu gaafateera. 

Daangeffamni kun hojii humna galaanaa irratti kan walfakkaatu yoo ta'u, yoo xiqqaate guyyoota shan dursanii buufata doonii gaafachuun ni danda'ama. 

Ispeen dambiiwwan bara Waraana Qorqorroo irraa kan ka’e meeshaa waraanaa barame kan hin barbaanne ta’us, erga rifarandamii NATO bara 1986 gaggeeffameen booda seera Ispeeniin meeshaaleen niwukilaraa dhoorgamaniiru. 

Jalqaba baatii kanaa, Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa tarkaanfiiwwan sagal mootummaan MM Peedroo Saancheez dhiibbaa Israa’el irratti dabaluuf labse irratti “yaaddoo guddaa” ibseera. 

kunis balalii meeshaalee ittisaa gara biyyattiitti geessan naannoo qilleensa Ispeen fayyadamuun dhoorguu dabalata. 

Qondaaltonni Yunaayitid Isteets uggura akkasii “hojii waraanaa Ameerikaa gufachiisuu akka danda’u” akeekkachiisaniiru. 

 


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise