Bunnoo Baddalleetti ogeessi seeraa hidhame.

Published Sept. 4, 2025, 1:49 p.m. by FNN Staff

583



Godina Bunnoo Baddalleetti Ogeessi Seeraa hidhame.

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaphoo Annaatti abbaan murtii sababa hidhamtoota siyaasaaf mirga wabii eegeef hidhame.

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaphoo Annaatti dorgaggoonni Oromoo hedduun sababa mootummaa pp mormitu jedhamanii shakkamaniif yeroo hedduuf waajjira poolisii keessatti dararamaa turuun mana murtiittis dhiyaachaa turaniiru.


Haala kanaan wanti yakkaan isaan himachiisu ykn adabsiisu waan hin jirreef, dargaggoonni hedduun beellama mana murtii aanichaatti dhiyaachuun Hagayya 25-29 kanneen dhiyaatan hedduuf mirgi wabii eegamee gad lakkifamuudhaan wal qabatee abbaa murtii aanichaa kan ta'e ogeessi seeraa Girmaa Baqqalaa Goobanaa jedhamu guyyaa dheengaddaa, Fulbaana 1/2025 qabamee waajjira poolisii aanichaatti hidhamee dararamaa jira.


Sababni hidhamuu isaatis, mirga wabiitiin hidhamtoota siyaasaa Oromoo gadi lakkifte jedhamuudhaan.
Manni murtii bilisaan dhimma yakkaa fi himata namaa irratti murtii kennuu seerri biyyattii fi kan addunyaalessaa hayyamullee, himata ragaa hin qabnee dargaggoota Oromoo irratti dabaa fi shiraan xaxame, ija seeraatiin laalee kan manni murtii mirga wabiin gadi lakkise, murni faashistii pp olaantummaa seeraa ifatti sarbuun abba murtii kana hidhee dararaa jira.


Similar posts:

Puutiin Raashiyaan Awurooppaaf balaa taatee hin beeytu, har’as yaaddoo miti jedhan.

Amineestiin ‘Kakuu Miidiyaa’ Boordii Filannoo Itoophiyaan qophaaye aggaammii gabaasa bilisaa irratti xiyyeeffate jechuun balaaleffate

Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe.

Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame