Lammiileen Itiyoophiyaa kuma 223 ta'an godaantummaaf saaxilaman jedhame.

Published Sept. 8, 2025, 8:18 a.m. by FNN Staff

721



Lammiileen Itiyoophiyaa kuma 223 ta'an godaantummaaf saaxilaman jedhame.
Lammiileen Itiyoophiyaa 223 ta'an karaa seeraan alaatiin gara biyyoota Arabaa fi kanneen biroottii godaanuu dhabbanni Godaantota Addunyaa (IOM)gabaasee jira.
Ragaan kunis kan bara 2024 hanga Waxabajjii 2025tti yoo ta'u, lakkoofsi lammiilee Itiyoophiyaa rakkina diinagdee fi waraanaan karaa Yamani fi kallatti biraatiin godaantummaaf saaxilamanii jedha gabaasichi.
Dhaabbatichi itti dabaluun akka ibsetti, lammiileen Gaanfa Afrikaa 238,000 ta’an kanneen karaa Jibuutii fi Yaman karaa ijoo godaantota bahaa ta’an gara biyyoota Arabaa godaananii jiran keessaa ji’oota jahan jalqabaa bara 2025 keessa dhibbeentaan 97 lammiilee Itiyoophiyaa, dhibbeentaan lama lammiilee Somaalee, dhibbeentaan tokko ammoo lammiilee biyyoota biroo akka ta’an ibse.
Ka'umsi rakkoo kanaas rakkoo diinagdee akka ta'e ibsuun, lammiileen sababa diinagdeetiin godaansaaf saaxilaman 97%ta'uufi sababa waraanatiin ammoo 3% akka ta'e gabaasee jira.


Similar posts:

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan

Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame

ODUU TORBAN KANAA.