Irree fi gaachanni saba Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa tarkaanfii laalessaa loltoota diinaa irratti fudhateen diinota hedduu adabuun injifannoo boonsaa galmeessisuu beeksise.

Published Jan. 13, 2026, 3:09 p.m. by FNN Staff

376



ODUU FNN

WBOn Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Lixaa keessatti waraana PP adabuu beeksise.

Irree fi gaachanni saba Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa tarkaanfii laalessaa loltoota diinaa irratti fudhateen diinota hedduu adabuun injifannoo boonsaa galmeessisuu beeksise.

Gootichi abdii fi gaachanni saba Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Koonyaa Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa bulchiinsaa magaalaa Qilleensoo Mokkonniisaa keessatti tarkaanfii humnoota PP irratti fudhateen 3 battalatti yommuu du’aan adabu, 2 madoo dandammii hin qabneef saaxiluu beeksisee jira. tarkaanfii kanaaniis, Gama meeshaatiin, AKM 1, Gumbii 1 fi

Rasaasa 60 irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa oromoof galii taasisuu beeksesee jira.

 Bifuma wal fakkaatuun, WBO'n Arsii Bahaa aanaa Muneessaa keessatti loltoota Bilxiginnaa haleeluu beeksise.

Abdii fi gaachanni sabaa WBO'n Zoonii Kibba Baha Oromiyaa halkan kalee Amajjii 11,2026 aanaa Muneessaa magaalaa Qancaree ganda 01 keessatti loltoota Bilxiginnaa haleeluun hedduu du’aaf yoo saaxilu, hedduu madoon adabee jiraachuu beeksise.

Kana malees, Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Mana_Sibuu Bulchiinsa magaalaa Waamaa iddoo addaa Gabaa_Dullachaa jedhamu keessatti tarkaanfii laalessa fudhachuu beeksisee jira.

 WBOn tarkaanfii diinarratti fudhateen ganama sa'aati 12:00 irraa eegaluun waraana PP irratti tarkaanfii boonsaa fudhatee hedduu du’aan yoo adabu, hedduu madoo cimaaf saaxiluus beeksisee jira.

Madoon waraana diinaa Hospitaala Mandiitti guuramuun, hedduun yaala argachaa kan jiran yoo ta’u, hedduun ammoo du’aaf jireenya gidduu jiraachuun baramee jira.

Tarkaanfiin abdii sabaa, diinaaf yaaddoo kan ta’e WBO ittuma fufuun zoonii lixa oromiyaa godina iluu abbaa booraa aanaa daarimuu ganda odaa keessatti dilbata Amajjii 11/2026 fudhateen injifannoo boonsaa galmeessisuu beeksise. Tarkaanfii kanaaniis meeshalee waraanaa hedduu mudhii diinarraa hiikuun mooraa qabsoo bilisumma Oromoof galii godhuu beeksisee jira.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti hidhattoonni mootummaa Bilxiginnaa namoota nagaa ajjeesuu fi hidhuu jabeessanii itti fufuu jiraattonni maddeeniif himan.

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti hidhattoonnii fi ergamtoonni mootummaa PP namoota nagaa ajjeesuu akkasumas hidhuu jabeessanii itti fufanii jiraachuu jiraattonni maddeniif himanii jiru.

Bifuma kanaan Amajjii 9,2026 ganda Waldaa Qal'inaa bakka addaa Horofee jedhamutti dargaggeessa maqaan isaa Leencoo Haroo jedhamu badii tokko malee ati deggeraa WBO ti ittiin jechuun barjaa sobaa itti Imaxxansuun rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatanii deemuu jiraattonni gandichaa maddeeniif himaniiru.

Dargaggeessi ajjeesan kun tuttuqqii siyaasaarraa bilisa kan ta'ee fi maatii isaa gargaaruun jiraachaa kan ture yoo ta'u, hawaasa ollaa isaatiin jaallatamaa fi kabajamaa akka ta'e jiraattonni gandichaa himuun, Kana malees ganda Shubii bakka addaa Gamoo jedhamutti shamarree maqaan ishee Maarituu Dabballee jedhamutti guyyaa kaleessaa hidhattoonni mootummaa PP WBO deeggarta ittiin jechuun qabanii mana hidhaatti darbachuun dararaa akka jiran maddeen achirraa arganne ifoomsaniiru.

Bifuma wal fakkaatuun Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti waraanni mootummaa PP nama nagaa tokko rasaasaan rukutanii madeessuun miidhaa ulfaataan irra ga'een du’aaf jireenya gidduu jiraachuun barame.

Godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Guduruu jedhamtu keessatti gaafa Amajjii 7,2026 gara jabeeyyiin loltoota mootummaa kanneen naamusa waraanummaa hin qabne nama nagaa maqaan isaa Maariiduu Fayisaa jedhamu sababa tokko malee rasaasaan rukutanii madeessuun, wayita ammaa miidhaa ulfaataan irra gahee jiraachuu jiraattoonni ijaan argan maddeen keenyaaf himanii jiru.

Eeruu jiraattoota irraa nu qaqqabeen namni nagaan rukutame kun waardiyaa mana barumsaa ganda Guduruu yoo ta'u, nama tuttuuqaa siyaasa dhaaba kamiyyuu hin qabne ta'us, humnoonni kunneen maqaa hidhata" WBO "qabda jedhuun rasaasa itti roobsuu himuun, wayita ammaa miidhaa jabaan irra gahee waan jiruuf haallii nageenya isaa yaaddeessaa ta'uu jiraattonni ijaan argan maddeen keenyaaf himanii jiru.

Mootummaan PP goleewwan Oromiyaa maratti uummata Oromoo maqaa hidhata "WBO" qabdu jedhuun qabeenya uummataa saamuu fi reebicha, hidhaa, gudeeddaa hanga ajjeechaatti sarbamiinsa mirgoota namoomaa garaagaraa raawwachaa oolan kan durii caalaa jabeessanii jiraachuun ragaan argame ni ifoomsa.

'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''

Godina Arsii Bahaa Aanaa Roobee Didaa'a keessatti loltoonni mootummaa nama tokko ajjeesuun himane.

Dhiiga qulqulluu dhangalaasuu fi qabeenya uummataa saamanii of jiraachisuun bartee kan itti ta'e ergamtoonni murna PP Amajjii 10,2026 Godina Arsii Bahaa aanaa Roobee Diida'aa ganda Walta'ii iddoo addaa Harkisaa jedhamu keessatti nama maqaan isaa Amaan Najaa Fatoo jedhamu badii tokko malee halkan sa'aatii 7:00'tti mana isaa keessaa gadi baasanii rasaasaan ajjeesuun, beeyladoota inni mana keessaa qabuu fi kan ollaa isaas walitti qabanii fudhatanii waajjiratti galfachuu jiraattonni maddeen keenyatti himan.

Namni kun nama yakka tokko hojjatee hin qabne jireenya dhuunfaa isaa gaggeeffachuu malee tuttuqaa siyaasaa kam irraayyuu bilisa kan ta'e halkan dukkanaan mana isaa cabsanii seenuun akka nama yakka ol-aanaa qabutti ajjeesanii biraa deemuun isaanii kun jireenya irraa abdii nu kutachiiseera jechuun jiraattonni miira gaddaa fi mufii guddaan guutameen madden keenyatti himanii jiru.

Kun osoo Kanaan jiruu, godinichuma kana aanaa Zuwaay Dugdaa gandoota garaa-garaa keessatti maqaa gibira lafaa jedhuun kaffaltii humna isaatiin olii hawaasa gaafachuu fi oomisha gahe irraa namni mataa mataatti midhaan 40kg akkasumas maallaqa maqaa hin qabne 7800 humnaan dirqisiisanii irraa funaanaa jiraachuu jiraattonni maddeenitti himanii jiru.

 

 

 


Similar posts:

ODUU TAATEE TORBAN KANA KEESSAA.

Kaaba Itoophiyaatti duumessi waraanaa yeroo 2ffaa duumessaa'ee jira jedhan

Walitti bu'iinsi yeroo ammaa naannoo Amaaraas ta'ee Itoophiyaa guutuutti mul'atu hoggansi kan kennamuu fi loojistiksiin kan dhiyaatu Maqalee fi Asmaraarraa ta'uu ummanni keenya beekuu qaba jedhe Biiroon bulchiinsa naannoo Amaaraa.

UN muddama Itoophiyaa naannoo Tigraayitti muudate irratti ibsa kenne