Manni Murtii Ol'aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimma duguuggaa sanyii Rohinjiyaa dhaggeeffachuu eegaluufi.
Published Jan. 13, 2026, 12:31 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Manni murtii ol'aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimma irra caalaan isaanii eennummaa Muslimoota Rohinjiyaa ta’an irratti Miyanmaar duguuggaa sanyii raawwatte jechuun wiixata kaleessarraa dhaggeeffachuu ni jalqaba.
Dhaddachi kun dhimma “duguuggaa sanyii jalqabaa” gosa isaatiin Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) duratti dhiyaateedha.
Hiikni isaas Miyanmaar bira darbee kan deemuudha; dhimma Afrikaan Kibbaa Israa’el waraana duguuggaa sanyii Gaazaa keessatti gaggeessite jechuun himannaa dhiyeessite irratti dhiibbaa uumuu danda’a.
Dhaddachi guyyaa kaleessaa eegalame kunis torbee sadii kan turu ta'a jedhamee eegama.
Bara 2017 Muslimoonni Rohinjiyaa hedduun duguuggaa sanyii mootummaa Miyanmaar raawwate jalaa miliquuf gara biyya ollaa Baanglaadeesh baqataniiru.
Akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti, Humnoota nageennaa Miyanmaar jalaa miliquuf Roohiinjiyaa kuma 700 ol ari’amanii gara biyyoota ollaa baqatan.
Gaambiyaan haleellaa raawwatame waggaa lama booda dhimmicha gara Mana Murtii Haqaa Idil Addunyaatti geessuun isii ni yaadatama.
Baqattoonni kunneen ajjeechaa jumlaa, gudeeddii fi ibiddaan gubamuun akka isaan irrattti raawwate dubbataiiru.
Ergamni dhugaa barbaaduu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii haleellaan kun “gocha duguuggaa sanyii” akka taʼe xummureera.
Haa ta’u malee, aanga’oonni Miyanmaar himannaa kana haleellaa gareewwan hidhattoota Rohinjiyaa “haaloo ba’uuf” “hojii farra shororkeessummaa” seera qabeessa ta’uu ibsaniiru.
Dhaddacha duraa irratti, hoggantuun yeroo sanaa Miyanmaar Aung San Suu Kyi himannaa duguuggaa sanyii Gaambiyaa “guutuu hin taanee fi dogongorsaa”dha jechuun kuffiseera.
“Dhimmi kun duguuggaa sanyii akkamitti ibsamuu akka danda’u, akkamitti mirkanaa’uu akka danda’uu fi sarbamiinsa seeraa akkamitti akka sirreeffamuu danda’u dursa barbaachisaa ta’e kaa’a,” jechuun qorataan walabaa UN, Nicholas Kumjian, Rooyitarsiif himaniiru.
Dhaddachi kun ragaa miidhamtoota Rohinjiyaa ni dabalata jedhamee kan eegamuufi Dhiibbaa dhimmichi geessisuu danda’u ilaalcha keessa galchuun dhaddachi ummataa fi miidiyaaleef kan cufamu ta’uu Aljaziiraan gabaaseera.
Abbaan alangaa ICC kanaan dura yakka kana kan raawwatan waraana Miyanmaar, waraana, poolisii biyyaalessaa, eegdota daangaa fi lammiilee nagaa Rohinjiyaa eennummaan isaanii hin beekamneen ta’uu ibsee ture.
Dirqiin qe'ee isaanii irraa buqqa'uun alatti, tilmaamaan Rohinjiyaanonni 10,000 ta'an humnoota nageennaatiin ajjeefamaniiru.
Akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti humnoonni nageennaa Miyanmaar sarbama mirga namoomaa Muslimoota Rohinjiyaa kaaba dhiha kutaa Raakhine keessatti hafan irratti raawwachuu itti fufaniiru.
Similar posts:
Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.
Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse
Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse
Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise