Gartuun Bulchiinsa Mootummaa Yamanii Saa’udiin deeggaramu Gamtaan Eemireetotaa Yemen keessatti mana hidhaa dhoksaa qabdi jechuun himate

Published Jan. 20, 2026, 1:49 p.m. by FNN Staff

296



ODUU FNN

Bulchiinsi Mootummaa Yamanii kan Saa’udii Arabiyaan deeggaramu mootummaan Gamtaa Eemireetota Arabaa magaalaa buufata doonii Kibba Yaman Mukallaa keessatti mana hidhaa dhoksaa akka qabdu himate. Gamtaa Eemireetota Arabaa garuu haalli kun dhara jechuun haaleera. 

Himanni kun wal morkii biyyoottan boba’aan badhaadhan Galoo Galaana Arabaa ittuu kan hammeesse jedhameera. 

Himata kana kan dhiyeessan Saalem Al Kaanbaashii, Bulchaa Kutaa Bulchiinsa Baha Yaman Haadraamaawunti yoo ta’an,  kanas wayita imala Saa’udiin deeggarame gara magaalaa cinaa Mukallaatti argamtutti miidiyaalee akka Rooyitarsi waliin imalanitti dubbatan ta’uun himameera. 

Al Kaanbaashiin ibsa miidiyaaleef kennaniin, tarkaanfiin Gartuu Yaman keessatti fottoqsuuf socho’an akkasumas sochii Gamtaa Eemireetota Arabaa irratti tarkaanfiin akka fudhatamu ibsaniiru. 

Gaggeessi Yaman Saa’udiin deeggartu kan haa jedhan male, himata kana Gamtaan Eemireetota Arabaa garuu himata kana haaltee jirti.


Similar posts:

ODUU TORBAN KANAA.

Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.

Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..

Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman