Godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuutti humnoonni finxaaleyyii Faannoo kaampii haaraa ijaarrataa jiraachuun dhagahame.

Published Jan. 21, 2026, 4:36 p.m. by FNN Staff

222



ODUU FNN

Godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuutti humnoonni finxaaleyyii Faannoo kaampii haaraa ijaarrataa jiraachuun dhagahame.

 

Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Andoodee Dichootti immoo meeshaa waraanaa hidhatanii namoota nagaa fakkaatanii socho'uu jedhan jiraattonni.

 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee Abee Dongoroo fi Jaartee Jaardagaattis bifuma walfakkaatuun humnoonni finxaaleyyii Faannoo socho'aa jiraachuun ibsameera.

 

Humnoonni finxaaleyyii Faannoo naannoo Amaaraa keessa socho'an tibbana tokkummaa ijaarranne jedhanii labsuu hordofee sochiin hidhattoota finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti cimaa jiraachuutu dhagahame.

 

Humni finxaalessa Faannoo kanaan dura Izzii Wallaggaa jedhee ijaarrachuun ni yaadatama.

 

Jiraattonni maddeenii f yaada isaanii kennan, godina Wallagga Bahaatti aanaan Kiiramuu bakka ijaarmaa fi ulaa ittiin darba Faannoo isa ijoo akka taate himaniiru.

 

Aanaa kanatti gandoonni 19 caasaa mootummaa Oromiyaa hin qaban, Faannootu diige jedhan.

 

Warra gandatti ramadamellee ukkaamsanii fudhataa turan kan jedhan jiraattonni, gandoota magaalaa qofa naannoon Oromiyaa harkaa akka qabu dubbataniiru.

 

Tibbana ganda Baddeessa jedhamutti humni finxaalessi Faannoo kaampii ijaarratee qubatee akka jiru himaniiru.

 

Ganda kana irraa bara darbe uummata Oromoo buqqaasanii qabatan jedhan.

 

Godinuma Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti immoo ganda Andoodee Dichoo jedhamu karaa guddaan keessa qaxxaamuree magaalaa Naqamtee geessu keessa imaltoonni qaxxaamuranii darbuu erga dadhabanii waggootiin lakkaa'amanii jiru jedhu jiraattonni.

 

Konkolaataa ganda sana qaxxaamuree darbutti humnoonni finxaaleyyii haleellaa banuun lubbuu namaa dabarsu, nama ukkaamsanii fudhachuun maallaqa guddaa itti gaafatu jedhan.

 

Kanaaf jecha erga uummanni magaalaa Naqamtee hanqatee akka bubbule dubbatan.

 

Bakka kana poolisii Oromiyaatiin tikfamanii imaltoonni darbee darbee gara magaalaa Naqamtee akka imalan dhageenye.

 

Kun otoo kanaan jiruu maddeen naannoo sanaa odeeffannoo ifoomsaniin ganda Andoodee Dichoo kan uummanni karaa darbuu dadhabe kana keessa hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo nama nagaa fakkaatanii hidhatanii akka jiraatan ibsanii jiru.

 

Ganda Andoodee Dichoo Gooxii muraasa keessa qofaa namoota 123 meeshaa waraanaa hidhatanii jiran gosa meeshaa waraanaa hidhatanii jiranii waliin maqaan isaanii bahee jira.

 

Mootummaan naannoo Oromiyaa gama tokkoon warra meeshaa hidhatee jiru kana tokko tokkoon beeka, gama biraatiin immoo uummanni haleellaa warra kanaatiin magaalaa Naqamtee akka hin hanqates inuma beekaa jedhan.

 

Mootummaan Oromiyaa warra meeshaa waraanaa hidhatee hidhattoota finxaaleyyii waliin hidhata tolfatee manaa gadi bahee uummata karaa darbuu dhorku kana irraa meeshaa waraanaa hiikuun rakkinicha madda isaa irraa furuu otoo qabuu humna addaa Oromiyaa muraasa bobbaasee imaltoota tiksuu filatee jedhan.

 

Imaltoota tiksuun gaarii ta'ee garuu ammoo rakkinicha waaraan furuuf warra hidhatee akka nama nagaatti mana taa'ee manumaa gadi bahee uummata darba dhorku kana irraa meeshaa waraanaa hiikuun fala akka ta'e himaniiru.

 

Sochiin humnoota finxaaleyyii Faannoo kun duraan xiqqoo qabbanaa'ee kan ture godina Horroo Guduruu Wallaggaattis deebi'ee jabaachaa akka jiru OMN odeeffate.

 

Aanaalee Abee Dongoroo fi Jaartee Jaardagaa keessatti irra deebiin ofgurmeessuun sochii jalqabuutu dhagahame.

 

Naannawaa Wubaancii, Boxii, Tulluu Mootii, Tulluu Gaanaa, Daargee, Kooticha, Caffee Somboo, Warabboo, Haboo, Qilxuu Ceekaa, Gomboolaa, Odaa Wullee fi bakkoota biroo keessa sochiitti jiru jedhan jiraattonni.

 

…’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Kaaba Lixa Oromiyaa, Godina Matakkal keessatti, ummanni Oromoo buqqa’insa, ajjeechaa, hidhaa seeraan alaa fi barbadaa’insa qabeenyaatiin hiraarsaa hamaa keessa jiraachuun isaa ittuma fufeera.

 

Akka odeessi maddeen irraa nu dhaqqabe ifoomsutti kaaba lixa Oromiyaa Naannoo Benishaangul Gumuz Godina Matakkal, Onoota Dabaxii, Bulanii fi Wanbaraa keessatti, ummanni Oromoo qe’ee isaa irraa buqqa’uu, qabeenya isaa dhabuu fi ajjeechaa hammaataa jala jiraachuun mirkanaa’eera.

Akka odeeffannoon kun ibsutti, Ona Bulan keessatti, addatti Ganda Gongo, bakka addaa Sayidoo fi Geshee jedhamanitti, manneen maatii torbaa humnoota mootummaan guutummaatti gubachuun barbadaa’eera. Gocha kana hordofee, abbootiin maatii Oromoo lama lubbuun isaanii darbeera.

Kannern jumlaan mana irraa ibiddaan barbadeessan maqaan nu dhaqqabe,

  1. Alamuu Jogoraa
  2. Yadeta Jogoraa
  3. Abbaa Dibabaa fi
  4. Balayee Abbaa keessatti argamu.

Kanneen Ajjeefaman,

  1. Obbo Lammuu Ababaa – abbaa ijoollee afuriiti
  2. Obbo Dojaa Mokonnon – manguddoo ganna 80 ti. Kana malees, qonnaan bultoonni Oromoo kanneen Onoota Dibaaxiii, Bulanii fi Wanbaraa keessa jiraatan, ajaja hoggansa Godina Matakkal fi Komandi Poostii jedhamuun, bakka jireenyaa isaanii irraa humnaan buqqa’anii gara magaalotaatti akka seenan dirqisiifamaa jiraachuun isaanii himameera.

Buqqaatonni kun lafa qonnaa isaanii dhiisanii baqachuun, qonna bonaa hin sassaabne, kan sassaabames mana isaanii irratti dhiisanii bahuun, beela, rakkina jireenyaa hammaataa, akkasumas mancaatii loonii fi qabeenya jireenyaa adda addaa jala akka jiran ibsameera.

Yeroo ammaa kana, gandootni humnaan keessaa buqqaafamaa jiran, Sayidoo, Mana Sebuu, Gongo, Demedes, Odoo Abbaa Xaafii, Jejebe Giisaa, Geshee, Chincoo, Korkaa, Sonboo Siree, Calliyaa, Cokorsaa fi kanneen biroo ta’uun eerameera.

Gama biraatiin, Guyyaa gaafa Ammajjii 15, 2026 urraa eegalee hanga har’aatti, Ona D8baaxii, Ganda Galessa keessatti, namoonni Oromoo hedduun badii tokko malee mana hidhaatti guuramaa jiraachuun himameera. Namoota Hidhaman leessaa maqaan nu dhaqqabe,

  1. Shabaabuu Morkaa
  2. Desalegn Kabaa
  3. Muhammad Waasi’ii
  4. Girmaaw Baabee
  5. Amanuu Worquu
  6. Mergaa Debelaa
  7. Morkaa Chaalii fi
  8. Guree Lemmuu kanneen jedhamanii dha.

Walumaagalatti, Kaaba Lixa Oromiyaa, Godina Matakkal keessatti, ummanni Oromoo buqqa’insa, ajjeechaa, hidhaa seeraan alaa fi barbadaa’insa qabeenyaatiin hiraarsaa hamaa keessa jiraachuun isaa ittuma fufeera. Haalli kun furmaata hatattamaa fi xiyyeeffannoo qaamolee dhimmi ilaallatu hunda gaafata jedhu maddeen.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ethiopia Filannoo marsaa torbaffaan Tigiraayittis akka adeemsifamu murteessus; Paartileen siyaasaa Tigiraayi haalli mijataan hin jiru jedhan.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa, filannoo waliigalaa torbaffaan naannoo Tigraayitti akka gaggeeffamuu mirkaneessuun, haal-dureen ijoon xumuramuufi guutuu biyyattiitti baajanni birrii biiliyoonni 10 akka ramadame beeksise.

Komii paartiilee Siyaasaa Tigiraayiif Amajjii 13, 2026 deebii kan kennan itti aanaan dura taa’aa Boordii Filannoo biyyoolessaa Tesfaayee Nawaay, adeemsa kanaaf haala mijeessuuf bulchiinsa Yeroo Tigiraayifi paartilee siyaasaa naannoo waliin mariin taasifamaa akka jiru hubachiisaniiru.

Haa ta’u malee, murteen kun mormii cimaa dhaabota siyaasaa naannoo Tigiraayi keessaa ka’een, naannichatti yaaddoo nageenyaa dabalataa ta’aa dhufeera.

 


Similar posts:

Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!

Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.