Haleellaa dheengadda hidhattoota finxaaleyyii Faannootiin godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuutti raawwatameen miidhaa cimaan gahuu jiraattonni dubbatan.
Published Jan. 22, 2026, 2:31 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Haleellaa dheengadda hidhattoota finxaaleyyii Faannootiin godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuutti raawwatameen miidhaa cimaan gahuu jiraattonni dubbatan.
Akka jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennanitti ganda Caffee Guddinaa magaalaa Haroo jedhamu irratti lola bananii jedhan.
Haleellicha hordofee waajjirri gandaa manca'ee meeshaan guutuutti saamamuu dubbatan.Kana malees kaampii raayyaa ittisa biyyaa keessaa meeshaaleen waraanaa hedduun hidhattoota finxaaleyyii Faannootiin yeroodhuma kana saamamuu jiraattonni magaalattii himan.Midhaan deeggarsa buqqaatotaaf jedhamee dhufee waajjira gandaa keessa tures humna finxaalessa kanaan saamamuu himaniiru.
Aanaa Kiiramuutti gandoota magaalaa qofaatu to'annaa Oromiyaa jala jiraa jedhan jiraattonni. Gandoota baadiyyaa keessaa humni finxaalessa Faannoo caasaa mootummaa Oromiyaa diiguu himan.
Bulchaan aanaa sanaa obbo Birhaanuu Fiqaaduu jedhaman kan uummanni Faannoo waliin hojjata jedhee himatu, aanaan sun nagaa akka qabdu ibsuun humni farra riphee lolaa Oromiyaa akka hin seenne afaanfaajjiin hambisee jedhan.
Deeggartoonni humna finxaalessa Faannoo nama kana ifatti bahanii marsaalee hawaasaa irratti jajaa jiru.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Baha Wallaggaa Aanaa Limmuu Galiilaatti haati tokko loltoota faashistii PP'n reebichi irra gahuun manni ishees gubachuu fi hidhamuun ibsame.Godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuu Galiilaa ganda Malkaa Lamii bakka addaa Maggiboo jedhamutti kaabinoonni fi miseensonni miliishaa mootummaa faashistii PP yakka hamaa raawwataniiru jechuun jiraattonni himan.
Akka jiraattonni naannichaa maddeenitti himanitti, haati, maqaan ishee Alawuyyaa Adam jedhamtu, gaafa Amajjii 16,2026 miidhaa cimaan irra ga'eera. Abbaan manaa kee miseensa WBOti jechuun qabeenya maatii ishee itti fayyadamuu akka hin dandeenyee fi mana ishee keessaa akka baatu dirqamsiisuun ajajaniiru. Kanumaan walqabatees reebicha hamaa irraan ga'uun miidhaa qaamaa cimaaf saaxiluu jiraattonni ni dubbatu. Akkasumas, mi'a manaa guutuu fi midhaan mana keessa ture hunda gubanii barbadeessuun ibsameera.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Godina Jimmaa aanaa Atinaagootti uummanni rakkoo nageer yaa cimaa keessa jiraachuu himan
Godina Jimmaa aanaa Atinaagoo ganda Koomaa keessatti Amajjii 19,2026 uummanni rakkoo nageenyaa cimaa keessa jiraachuu jiraataan gandichaa maddeeniif himanii jiru.
Akka jiraattonni eeranitti, humni waraanaa mootummaa PP namoota hedduu humnaan qabee gara mooraa leenjii milishummaa geessaa jira. Haalli kun sodaa fi jeequmsa hawaasa keessaa hammeessaa jiraachuu isaanii dubbataniiru.
Haaluma kanaan, namni maqaan isaa Mohaammad Miftaawuu jedhamu osoo humnoota kanaan qabamee gara mooraa leenjii geeffamaa jiruu harkaa miliqee baqachuun isaa himameera. Erga inni baqatee booda, humni waraanaa sun haadha isaa qabanii hidhuun, "hanga ilma kee deebi'utti hin baatu" jechuun dararaa fi doorsisa irraan gahaa jiraachuun jiraattonni gandichaa ibsaniiru. Jiraattonni kunneen tarkaanfiin akkanaa mirga namoomaa cabsuu cimaa ta'uu ibsaniiru.
‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Bachoo keessatti dargaggoon tokko waraana Bilxiginnaatin ajjeefamuun dhaga'ame
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Bachoo ganda Awwaash Bunee jedhamu keessaa Amajjii 20,202 halkan toora sa'aa 12:00tti waraanni goolessaan murna Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Asheetu Naannessaa jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaan yakkuun gara jabeenya hamaan rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Dargaggoon loltoota sirna dhableyyiin ajjeefame kun nama meeshaa hidhatee yookiin hirmaannaa dhaaba siyaasaa qabu osoo hin taane nama jireenya dhuunfaa isaa jiraatu ta'uun beekameera.
Hidhattoonni maafiyaa PP kunneenis maqaa dharaa WBO waliin hariiroo qabda jedhuun lubbuu kichuu ilmaan Oromoo ajjeesu irratti akka raawwataniif mirga kennameefitti fayyadamuun akkuma dargaggoo kanaa abdii egeree Oromoo ff Oromiyaa kan ta'an dargaggooni hedduun maqaa dharaatiin ajjeechaa lubbuutif saaxilamaa jiran kan duraanii caalaa tooftaa guyyaa irraa gara halkan adamsanii qabuutti jijjiiruun gochaa suukanneessaa raawwachaa jiru.
Similar posts:
Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.
Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse
Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse
Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise