Mootummaan naannoo Somaalee godina Baale bahaa aanaa Laga Hidhaatii uummata Oromoo buqqaasuu jiraattonni himan.

Published Jan. 23, 2026, 4:27 p.m. by FNN Staff

529



ODUU FNN

Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan ganda Adeellee fi Yabaloo bakka addaa Kolooloo jedhamuu uummata Oromoo buqqaasee jedhan.

Humni addaa mootummaan naannoo Somaalee bobbaasu irra deddeebiin haleellaa irratti raawwataa akka ture dubbataniiru.

Lammiileen kunneen waggoota hedduuf ofirraa ittisaa turuu eeranii, amma humna ol itti ta'ee buqqa'uuf akka dirqaman himaniiru.

Yeroo ammaa kana bakka Roqa Mundhii jedhamu qubatanii akka jiran jiraattonni maddeeniif himaniiru.

Bakka uummanni Oromoo humna addaa naannoo Somaaleen irraa buqqaafame Kolooloo jedhamu kana irra mootummaan naannoo Somaalee uummata qubsiisaa akka jiru dhageenye.

Mootummaan naannoo Oromiyaa mootummaan naannoo ollaa humna waraanaa bobbaasee gaaf nu buqqisee uummata isaa irra qubsiifatu waan tokko gochuu dhabuun garmalee nu mufachiise jedhan lammiileen kunneen.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’'''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''''’

Godina Baha Shaggar Ona Dugdaa keessatti waraanni mootummaa qonnaan bultoota 3 rasaasaan ajjeesuun beekame

 Godina Baha Shaggar Ona Dugdaa ganda Shubii Gamoo keessaatti Amajjii 19,2026 halkan toora sa'aa 4:00tti waraanni mootumma PP qonnaan bultoota 3 kanneen maqaan isaanii,

Obbo Nagaashuu Hawaas

Obbo Badhaasoo Dhaqqaboo

Obbo Uchuuraa Birbirsaa fi

Obbo Baa'ilee Fittaalaa dhalataa ganda Baqalee Girrisaa kanneen ta’an sababa tokko malee Oromummaa isaani qofaan yakkamuun gara jabina hamaan ajjeefamuu jiraattonni dubbatan.

Waraanni mootummaa PP kun qonnaan bultoonni kunneen maqaa sobaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhu itti maxxansuun lubbuu isaanii balleessuun baramee jira.

Uummanni Oromoo gidiraan murna mootummaaa PPtiin irra ga'aa jiru reebicha, hidhaa, saamicha qabeenyaa, hanga ajjeechaa lubbuutti argaa jiru kan mootummoota abbaa irree darban waliin yoo wal bira qabamee ilaalamuu dachee Oromiyaa irratti mirga namoomaa sarbamuun duguuggaan sanyii irratti raawwatamaa jiru kan bara mootummaa PP hamaa ta’uu hayyoonni fi dhaabbileen mirga namoomaa yeroo garaagaraatti ni dubbatu.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Laaloo Assaabii keessatti waraanni faashistii PP hawaasa nagaa irratti dhukaasa banuun nama tokko madoo ulfaataaf saaxiluun barame.

 Godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Buukkoo Assaabii keessatti Amajjii 21,2026 waraanni mootummaa PP hawaasa nagaa hojii daldala Shonkoraa irratti bobba'uun barii barraaqaan toora sa'aatii 10:00 keessa Shonkoraa fe'atee gara magaalaa deemaa ture irratti dhukaasa banuun nama tokko rasaasan rukutuun du’aaf jireenya gidduu jiraachuu jiraattonni maddeenitti himan.

Namni dhukaasa baname kanan miidhaa qaama ulfaataaf saaxilame kunis maqaan isaa Obbo Waakkennee Fiixee kan jedhamu yoo ta'u, abbaa maatii fi ijoollee 3 akka ta'e jiraattonni himuun, hojii kanaanis maatii isaa ittin jiraachisuuf jecha gara magaalaatti fe'uun gurguruuf osoo deemaa jiruu gareen badii kun riphanii eeggachuun itti dhukaasanii rukutuu jiraattonni maddeeniif himaniin beeksisanii jiru.

Akka jiraattonni bakkichaa jedhanitti waraanni mootummaa PP dhala namaaf naatoo namummaa hin qabne kun yeroo hedduu bakka kana riphuun uummata nagaa tuttuqaa siyaasaa kamirraa bilisa ta'an irratti gochawwan suukanneessoo fi farra namoomaa hedduu irratti raawwachaa turuu itti dabaluun maddeeniif himanii jiru.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

 

Sababa ijaarsa buufata xiyyaara aabbuu seeratiin Qonnaan Bultoonni manni irraa diigame daandii irratti kufanii rakkachaa jiraachuun beekkame.

Hawaasni Aabbuu sababa ijaarsa buufata xiyyaaraa Aabbuu Seeraatiin qe'ee isaa irraa buqqa'ee beenyaa malee dirree irra facaafame mirga isaa gaafachuu itti fufee jira kan jedhan maddeen, Isaan keessaa xalayaan abbootiin warraa 22 lafti isaanii irraa fudhatamee, manni isaanii diigamee manni otoo hin kennaminiif hafee karaa irratti kufan bulchiinsa magaalaa Bishooftuuf barreessaniin beeksisanii jiru.

Abbootiin warraa kunneen namoota lafa ragaan deeggarame qaban, manaa fi bultii ijaarratanii maatii horatan ta'uu maddeenitti himan.

Kana malees warra manni ni kennamaaf jedhamee ture keessaa akka ta'anis dubbataniiru.

Haata'uutii garuu dhuma irratti manni otoo hin kennaminiif hafuu himaniiru.

Komii isaanii kana qaamolee garaagaraatti iyyatanii furmaata akka dhaban eeranii, kanaanis gurmuudhaan xalayaa barreessanii waajjira kantiibaa magaalaa Bishooftuu akka geessan dubbataniiru.

Haata'uutii garuu harkaa fuudhuu waan didaniif mana galmee kaa'anii galuuf akka dirqaman himaniiru.

Kun otoo kanaan jiruu namoonni sagal duraan manni kennameefii itti galanii turan keessaa dirqisiifamanii baafamuun dhagahameera.

Sababa hin beekamneen bahaa akka ittiin jedhan eeranii, humnaan mana keessaa baasanii furtuu akka harkaa fuudhan dubbataniiru.

Sababa kanaan namoonni hidhamanillee akka jiran OMN odeeffate.

Oduudhuma walqabateen dabballoonni mootummaa warra manni kennameef maallaqa kennaa yookin mana keessaa isin baafna jedhanii akka doorsisan abbootiin warraa manni kennameef maddeenitti himan.

Dabballoonni mootummaa naannawaa sana jiran uummata ofiifuu hudhaa keessa jiru warra manni kennameef irraa birrii kuma 100 hanga kuma 150 fudhataa jiruu jedhan.

Sababa isinitti barbaadnee isin baasuun salphaadha akka ittiin jedhan kan dubbatan namni maqaan isaanii akka himamu hin barbaadne yaada nuuf kennan, maallaqa isiniin jennu dafaa kafalaa jedhamaa jirraa jedhu.

Ijaarsa buufata xiyyaaraa Aabbuu Seeraa waliin walqabatee gandoota 6 jechuun Aabbuu Saarkamaa, Aabbuu Looyyaa, Aabbuu Garbii, Aabbuu Kombolchaa, Aabbuu Lugnaa fi Aabbuu Aciroo irraa abbootiin warraa kuma 3 waliigalaan namoonni kuma 15 ta'an buqqa'uu ragaan mul'isa.

Mootummaan abbootii warraa 1450 ta'aniif mana ijaare. Abbootiin warraa hafan 1550 ta'an mana hin arganne. Maatii isaanii waliin faca'uu himatu.

Mootummaan warra dur yeroo lafti hiramu lafa fudhatanii maqaa isaaniitiin lafti galmaa'e qofaaf beekkamtii kennee mana ijaare jedhu.

Warri lafa warri isaanii kutanii kennaniif irratti mana ijaarratanii fuudhanii ilmaan horatanii qotatanii jiraataa turan beenyaa wayiituu malee buqqaafamuu himatan.

Kanaanis rakkoo hamaa keessa jiraachuu dubbataniiru.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

 

Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Kooyyee Facceetti gibira humna olii fi buusiiwwan garaagaraa kafaluuf dirqamaa jiraachuu jiraattonni dubbatan,

Jiraattonni maddeeniif yaada isaanii kennan akka jedhanitti, gibira kafaluun dirqama lammii tokkooti jedhu.

Gibirri kafalamu misoomaaf akka oolus ni beeknaa jedhu.

Garuu ammoo hangi gibiraa gaafatamaa jiran hanga humna isaaniitii olta'uu komatan.

Koondomiiniyamiin Finfinneetti kaareen tokko qarshii 45 kan kaffalamu Kooyyeetti 133.38dha jedhu.

Kan biratti buusii buusaa gonofaa dirqamaan qarshii 3800, inshuuraansii fayyaa 2000 kafaluu himanii, kan miliishaa jedhamee maallaqni akka harkaa fuudhamus dubbataniiru.

Kana malees kan balfa ittiin gatan jedhamee baatii baatiin qarshii 100 kaffalaa akka jiran himaniiru.

Gibira kaffaluu gaafa deemtu immoo dirqamaan qarshii 700 sikaffalchiisu kan jedhan namoonni yaada kennan, kafaltiiwwan biroon heddus akka jiran dubbataniiru.

Dhimmoota kafaltii kanaa irratti komii dhiheeffachuun tasumaa akka hin danda'amne eeranii, gaaffii akkasii jabeessanii gaafachuun hidhaaf nama saaxilaa jedhu.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise