Tiraampi Humni waraanaa Ameerikaa guddaan gara Iraanitti qajeele jedhan.

Published Jan. 23, 2026, 4:14 p.m. by FNN Staff

377



ODUU FNN

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp "humni waraanaa guddaan" gara Iraanitti socho'aa jiraachuu ibsan.

 

Tiraamp xiyyaara isaanii walgahii Daavoos, Siwiizarlaanditti gaggeeffamerraa deebi'aa jirurratti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, "Dooniiwwan waraanaa Ameerikaa dabalatee gara Galoo Galaana Pershiyaatti qajeeluu himan.

 

"Humni guddaan gara Iraanitti socho'aa jira. Wanti tokkollee akka ta'u hin barbaadu. Baay'ee itti dhiyeennaan hordofaa jirra.

 

Humni guddaan baay'inaan achitti socho'e itti fayyadamuu dhiisuus malla. Mee ni ilaalla," jedhan Tiraamp.

 

Pireezidaantiin Ameerikaa kun waa'ee doonii waraanaa guddaa gara Galoo Galaana Pershiyaatti imalan kana yoo dubbatan, humna kana bobbaasuun kun ofirraa ittisuuf kan yaadame ta'uu dubbatan.

 

Qondaaltonni Ameerikaa maqaan isaanii akka hin dhahamne barbaadan akka Rooyitersitti himanitti, dooniin xiyyaara fe'umsaa US Abraham Linkoon dooniiwwan misaa'ela qajeelfama qaban hedduu waliin ta'uun guyyoota dhufan keessatti Baha Jiddugaleessaa ni ga'a jedhamee eegama jedhan.

 

Qondaalli tokko akka jedhanitti, Pentaagoon sirna ittisa qilleensaa dabalataa naannichatti bobbaasuun loltoota Ameerikaa fi dhaabbilee Iraan haleelllaa irratti raawwachuu maltu irraa eeguuf kan qarqaaru ta'uu himan.

 

Kunis yeroo Ameerikaan Iraan waliin waldhabde keessa galuu dandeessuu sodaatamaa jiruu fi Tiraamp haleellaa waraanaa raawwachuuf doorsisaa turanitti.

 

Tiraamp sababaa mormii Iraan keessatti gaggeeffamaa turaniin, akkasumas dhaabbilee niwukilaraa Iraan baatii Waxabajjii keessa Ameerikaan haleelte deebi'ee akka hojii hin eeggalle ykn Iraan gabbisa niwukilaraa itti hin fufneef tarkaanfii dabalataa fudhachuu barbaaddi.

 

Iraan gama isiin, Ameerikaan halellaa irratti raawwannaan buufataalee Ameerikaa guutuu Baha Jiddu Galeessaa keessatti argaman akka barbadeessitu dhaadatteetti.

 

Doonii waraanaa kun torban darbe naannoo Eeshiyaa-Paasifiikitti bobbafamuu kan jalqabe ta'uu, qondaaltonni himaniiru.

 

Tiraamp hokkora Iraan keessatti rakkoo dinagdee fi siyaasaa biyyattii keessatti muudateen mormitoota akka hin ajjeesne irra deddeebiin akeekkachiisaa turan.

 

Guyyoota darban keessa hiriirri mormii sun sasalphatullee, tarkaanfiin humnootii nageennaa Iraan mormitoota irratti fudhatan ammallee yaaddoo idil-addunyaa akka ta'etti jira.

 

PireezidaantiTiraamp Iraan mormitootas ta'ee sababa mormii kanaan kan to'ataman akka hin ajjeeffamne dhoorguuf dhuunfaan jidduu seenuu isaanii ibsuun, Tehraan doorsisa kana hordofuun ajjeessuu dhistetti jedhan.

 

''Namoota to'ataman sana yoo fannifte, haala rukutamtee hin beekne caalaa rukkunna jedheen ture,'' jedhan Tiraamp.

 

Traamp Iraan ajjeechaa namoota 840 karoorfatte haqxetti jedhan, tarkaanfii kana "tarkaanfii gaarii" jechuun ibsan.

 

Haata'u malee, ragaa qabatamaan walabaa lakkoofsa kanaa mirkaneessuu danda'u hin argamne.

 

Angawoonni Iraan ajjeechaa jumlaa haquu isaanii ifatti kan hin ibsine ta'us, mootummoonni biyya alaa jeequmsa kakaasuu fi dhimma keessoo Iraan keessa seenuu isaanii himataniiru.

 

Ameerikaan baatii Waxabajjii keessa iddoowwan niwukilaraa Iraan ijoo ta'an irratti haleellaa kan raawwaatte yoo ta'u, waggoota darban keessatti waldhabdee waraanaa kallattiin biyyoota lamaan jidduutti uumame keessaa isa tokkoodha.

 

Tiraamp Kamisa darbe irra deebiin akka dubbatanitti, yoo Iraan sochii niwukilaraa haleellaawwan sanaan dhaabbate deebiftee jalqabde Waashingitan ammas tarkaanfii fudhachuurraa duubatti akka hin jenne dubbatan.

 

''Yoo irra deebi'anii hojjechuuf yaalan yookan iddoo birrattis jalqaban achittis akkuma salphaatti rukunnaa,'' jedhan Tiraamp.

 

 

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

 Faransaay doonii boba'aa Raashiyaa qabachuu beeysifte.

 

Faransaay doonii boba'aa Raashiyaa qoqqobbii irra kaa'ame cabsuun deemaa turte galaana Mediteraaniyaarratti qabuu beeysifte.

 

Pireezidaantiin Faransaay Emaanu'eel Maakiroon akka dubbatetti, dooniin 'Ze Giriinch' jedhamtu boba'aa feetu "alaabaa sobaan socho'aa kan turte" yoo ta'u, "qoqqobbiin sadarkaa idil-addunyaatti" kan irra kaa'amedha.

 

Humni galaana Faransaay michootasaa warra akka Yunaayitid Kingidam waliin ta'uun osoo dooniin kun Ispeeniifi Morookoo jidduu socha'aa jirtuu to'ateera.

 

Imbaasiin Raashiyaa Paaris jiru dooniin kun to'atamuusii odeeffannoon akka isa hin geenne beeysiseera.

 

Dooniiwwan boba'aa fe'an moggaasni "Shadow fleet' jedhu kennameef qoqqobbii biyyoonni Lixaa Raashiyaarra kaa'an jalaa miliquudhaaf warra socho'aniidha. Dooniiwwan kunneen abbummaan isaanii osoo ifa hin ta'in boba'aa deddeebisu jedhameera.

 

Dooniin 'Ze Giriinch' jedhamte osoo Kaaba Raashiyaa keessa osoo sochootuuti kan qabamte. Dooniin kun alaabaa Morookoo akka qabdu Faransaay beeysifteetti.

 

Maakiroon fuula X isaarratti, "Qoqqobbiiiwwan hojiitti akka hiikamaniif seera idil-addunyaa raawwachiifna. Dooniin kun waraana Yukireen irratti baname deeggaruuf sochii gargaaru taasisaa jirti," jedhe.

 

Ministirri Ittisaa Joon Eelii akka jedhetti, humni galaanaa UK doonii kana "hordofuufi to'achuu keessatti" tumsa godheera.

 

"Michoota keenna waliin taanee dooniiwwan waraana seeraan alaa Puutin Yukireen irratti gaggeessuurratti qabsoofna," jedheera.

 

UKn dooniiwwan 544 Raashiyaa jalatti bulanirra qoqqobbii keesseetti.

 

Pireezidaantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin tarkaanfii fudhatame kana dinqisiifateera.

 

"Boba'aan Raashiyaa waraanichaaf galtee akka hin tane tarkaanfii gargaaruudha. Dooniiwwan kunneen qabamuu qabu. Boba'aan fe'an hoo osoo gurguramanii haqa-qabeessa hin ta'uu?" jechuun fuula X isaarratti barreesseera.

 

 


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise