Godinaalee Oromiyaa mara keessaatti dararriin mootummaa PPtiin Ummatarraa ga’aa jiru jabaachaa dhufuu jiraattonni dubbatan.

Published Jan. 24, 2026, 3:25 p.m. by FNN Staff

544



ODUU FNN

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu keessatti qaama mootummaatiin miidhaa hammaataan uummata irratti raawwatamaa jiraachuu jiraattonni dubbatan.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu ganda Siiddanii jedhamutti waraanni mootummaa PP jiraatoota nagaa irratti yakka sarbiinsa mirga namoomaa hamaa raawwachaa jiraachuun isaa jiraattonni maddeenitti himanii jiru.

Akka jiraattonni maddeeniif eeranitti gaafa Amajjii 15, 2026 namni maqaan isaa Malkiisaa Ayyaanaa jedhamu, hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jechuun yakkamee humnaan qabamee reebicha hamaan irra ga'eera. Erga reebamee booda immoo waajjira poolisii aanaa Amuruutti hidhamee dararaa jala jiraachuu isaa ibsaniiru.

Akkasumas ganduma sana keessatti haati manaa maqaan ishee Bultuu Lammii jedhamtu Waraana Bilisummaa Oromootiif odeessa kennita jechuun yakkamtee waraanni PP gara mana jireenyaa isheetti deemuun mi'a mana keessaa guutuu gadi jalaa guuranii erga fudhatanii booda mana sana guutummaatti gubanii barbadeessuu jiraattonni dubbatan.

Aadde Bultuun balaa lubbuu ishee sodaachuun mana isheetii ari'amtee yeroo ammaa gara firoota isheetti baqattee jiraachuu jiraattonni maddeeniif yaada kennan ifoomsanii jiru.

Jiraattonni naannoo sanaa akka jedhanitti yakkoonni akkanaa maqaa nageenyaa fi shakkii hidhata WBO fayyadamuun raawwataman  sodaa, doorsisa fi tasgabbii dhabuu hawaasa keessa babal'isaa jira.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

 

Godina Baha Shaggar Aanaa Boosat keessatti hidhattoonni mootumma PP mana uummata nagaa gubuun, Aanaa Fantaallee keessatti immoo namoota nagaa hidhuu jabeessanii itti fufuu jiraattonni dubbtan.

Godina Baha Shaggar Aanaa Boosat keessatti hidhattoonnii fi kaabinoonni mootummaa PP gaafa Amajjii 2/,2026 uummata nagaa irratti mana 6 ibiddaan gubanii barbadeessuun, Aanaa Fantaalleetti ammoo horsirsee bultoota hidhuu jabeessanii itti fufanii jiraachuu jiraattonni maddeenitti himan.

Akkuma guyyaa olitti caqafameen hidhattoonni fi kaabinoonni, akkasumas jala deemtonni PP aangoo nam-tokkee Abiy Ahimad barcuma siyaasaa impaayeratti irra tursiisuuf halkanii fi guyyaa hoomaa waraanaa naamusaa fi hamilee hin qabne maqaa sakattaa WBO jedhuun Amajjii 22 halkan irraa eegaluun aanaa Boosat gandoota garaagaraa kanneen akka Siilaa Battee, Qaawwaa Hara Mirqasaa, Qombee Gugsaa, Saaraaf Araddaa, Rukeecha Boqoree, Nuuraa Heeraa, Nuuraa Alaagaa, Callee fi gandoota biraa maqaan hin eeramne keessa bobba'uun, uummata jireenya dhuunfaa isaa geggeelfatu sababa tokko malee bakkeewwan adda addaa kanneen akka Ciraa, Ganjab, Qoree fi bakkeewwan biroo keessatti itti dhukaasuun nageenya uummataa goolessaa akka turan jiraattonni madden keenyatti himanii jiru.

Bifuma Kanaan ganda Araarsoo Beeroo bakka Nyaarguuraa jedhamutti mana uummata nagaa namoota maqaan isaanii Obbo Qachoo Ifaa maanguddoo biyyaa kan ta'ani fi yeroo darbe loon isaani jalaa kan saaman, akkasumas kan ilma isaanii Obbo Raggaasaa Qachoo fi kanneen biroo walumaagalatti mana 6 namoota jireenya dhuunfaa jiraataan irratti gubuun beekkamee jira.

Oduu biraatiin ammoo aanaa Fantaallee ganda Xuxxuuxii keessatti namoota tuttuqqii siyaasaa hin qabne tikfatee bultoota kan ta'an maqaan isaanii Obbo Jaarraa Gurroo fi Obbo Fantoo Boruu kan jedhaman WBO waliin hariiroo qabdu ittiin jechuun maqaa sobaa itti maxxansanii mana hidhaa magaalaa Matahaaraa geessanii akka hidhanii dararaa jiran jiraattonni magaalicha keessa jiran maddeeniif ifoomsaniiru.


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise