Qondaali Waraanaa Chaayinaa guddaa fi Jeneraalli dhageettii guddaa qabu to'annoo jala oole!
Published Jan. 25, 2026, 3:25 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Waggootaaf Ijaarsa Waraana Chaayinaa irratti akkasuma dhaabbilee gurgurguddoo biyyattiitti dhageettii fi ol'aantummaa namni qaban Jeneraal Zhang Yixiao, sarbiinsa naamusaa
hamaa (malaammaltummaa)tiin shakkamanii
Qorannoon irratti gaggeeffamuu jalqabe.
Jeneraalli ganna 75 to'annaa jala oolfaman kun, Itti aanaa dura taa'aa Komishinii Waraanaa Jiddugaleessaa (CMC) fi miseensa Politburo Paartii Koominiistii Chaayinaa (CPC) turan.
Dhiheenna kana walgahii ijoo Pireezidaant Xi Jinping waamame irratti argamuu dhabuun isaanii “wanta tokko uumeera” jechuun shakkiifis akka sababa tayeedha kan himamu.
Tarkaanfiin kun qaama duula farra malaammaltummaa pireezidaantichi qondaaltota sadarkaa ol'aanaa irratti gaggeessaa jiru keessaa tokkoodha.
Kan nama ajaa'ibu ammoo, Aanga'aan isaan dura turan Jeneraal Zaang Sheengmiin, Onkoloolessa darbe yakkuma kanaan walfakkaatuun to'annoo jala oolaniiru.
Similar posts:
Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame
Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan
Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame
ODUU TORBAN KANAA.