Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii “Addunyaan keenna ol'aantummaa seeraa irraa gara ‘seera bineensa bosonaatti’ ce’aa jirti” jedhe.
Published Jan. 27, 2026, 2:21 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Barreessaan Muummicha Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez ol'aantummaan seeraa idil-addunyaa manca’ee “seera bineensa bosonaatiin" bakka bu’aa jiraachuu akeekkachiisa hatattamaa kennaniiru.
Barreessaan muummichi Wiixata kaleessaa Mana Maree Nageennaa Kaanaadaa Hamilton keessatti falmii ifa ta’e irratti haasawa taasisaniin, seera addunyaa fi Chaartariin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii sarbamaa jira jedhan.
Biyyoonni bara 2024 “Waliigaltee Fuulduraaf” jedhu fudhachuun seera addunyaa kabajuuf waadaa kan seenan yoo ta’u, Guterres garuu faallaa kanaa qeequun qabatamaan faallaa kanaa ta’aa jira jedhan.
Gaazaa irraa hanga Yukireen, Saahel irraa hanga Miyanmaarii fi Veenzuweelaa walitti bu’iinsi mul’atu mallattoo ol'aantummaa seeraa tuffachuudha jedhan. ''Seerri kun akka barbaaddanitti ajajamuu kan danda'u la carte menu’ ta'eera,'' jedhan.
Biyyoonni itti gaafatamummaa malee gocha jeequmsaa seeraan alaatti gargaaramuu, bu’uuraalee misoomaa siiviilii irratti xiyyeeffachuu, meeshaa niwukilaraa misoomsuu fi qarqaarsa namoomaa dhoorguu isaanii dabalaa dhufuu isaanii ibsaniiru.
''Caba sarbamtoonni kun fakkeenna balaa ta'e kaa'aa jiru.Biyyootni biroo seera addunyaa jalatti waan isaan irraa barbaadamu osoo hin taane, waan barbaadan akka hojjetan jajjabeessaa jiru,'' jedhan Antooniyoo Guterees.
Guterres itti dabaluudhaan dhimmoota nagaa fi nageenna idil-addunyaa irratti murtii kennuudhaaf aangoo seeraa kan qabu Mana Maree Nageennaa qofa jedhan.
Haa ta'u malee, Manni Marichaa haala idil-addunyaa amma jiru calaqqisiisuuf "haaromsa caasaa" akka barbaadu cimsanii dubbataniiru.
Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) of danda’ee socho’uu akka qabu cimsanii kan ibsan Barreessaan Muummichaa, itti gaafatamummaa malee nageenni waaraa argamuu akka hin dandeenne ibsaniiru.
Similar posts:
ODUU TORBAN KANAA.
Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.
Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..
Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman