Gaaffiin ogeeyyota fayyaa cimee itti fufaa jiraachuun beekkame.
Published Jan. 28, 2026, 2:36 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Gaaffiin ogeeyyota fayyaa cimee itti fufaa jiraachuun beekkame.
Godina Shawaa Kibba Lixaatti ogeeyyiin fayyaa Hospitaala Waliigalaa Walisoo kafaltiin hojii yeroo sa'aatii dabalataa Duty'n nuuf haa kafalamu jechuun mormii isaanii dhageessisan.
Ogeeyyiin fayyaa hospitaalichaa dhaadannoowwan garaagaraa qabachuun mormii isaanii kan dhageessisan yoo ta'u, bifuma wal fakkaatuun, Godina Shawaa Lixaatti Ogeeyyiin fayyaa Hospitaala Gudars kafaltiin hojii yeroo sa'aatii dabalataa Duty'n nuuf haa kafalamu jechuun mormii isaanii dhageessisaa ooluun barame.
Ogeeyyiin fayyaa hospitaalichaa dhaadannoowwan garaagaraa qabachuun mormii isaanii kan dhageessisan yoo ta'u, Godina Shawaa Kibba Lixaa Buufata Fayyaa Buusaattis kafaltiin hojii yeroo sa'aatii dabalataa Duty'n nuuf haa kafalamu jechuun mormii isaanii dhageessisaa oolanii jiru.
Ogeeyyiin fayyaa hospitaalichaa dhaadannoowwan garaagaraa qabachuun mormii isaanii kan dhageessisan,Duty'n erga nuuf kafalame baatiiwwan lakkaa'aman jedhu ogeeyyiin fayyaa.
Kun immoo hamilee hojjachuuf qaban hubuu, qaala'iinsa jireenya waliinis walqabatee haalli jireenyaa itti ulfaachuu maddeenitti himanii jiru.
Godinuma sana buufata Fayyaa Dulleeleettis ogeeyyin fayyaa kafaltiin hojii yeroo sa'atii dabalataa Duty'n akka hin kaffalaminiif dubbachuun, Ogeeyyiin fayyaa buufata fayyaa kanaa baatilee 4 oliif Duty'n akka hin kafalamneef himan.
Kana malees Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaatti Ogeeyyiin Fayyaa Hospitaala Sadarkaa Jalqabaa Ammayyaa kan magaalaa Gindootti argamuu mirgi kafaltii hojii yeroo sa'aatii dabalataa Duty akka kabajamuuf mallattoo sassaabuun gaafatan.
Mootummaan gaaffii mirgaa fi haqaa isaaniif furmaata hatattamaa akka kennuuf gaafataniiru.
Otoo of hin qusanne dadhabe otoo hin jenne uummata tajaajilaa jirra, mootummaan immoo kafaltii qajeelfama ofuma isaatiif baase irra jiru nuuf kafaluu diduun mirga hojjataa dhiibuu dha jedhan. Godina Arsii Lixaatti Ogeeyyiin fayyaa Hospitaala Dodolaa kafaltiin hojii yeroo sa'aatii dabalataa Duty'n nuuf haa kafalamu jechuun mormii isaanii dhageessisan.
Ogeeyyiin fayyaa hospitaalichaa dhaadannoowwan garaagaraa qabachuun mormii isaanii kan dhageessisan.
Bifuma walfakkaatuun aanaa Sabbataa Hawaasitti ogeeyyiin fayyaaa hospitaala Diimaa mormii bahanii sagalee isaanii dhageessisaniiru.
Mirgi keenya dhiibamaa jira, mootummaan rakkoo bulchiinsa gaariitiin haamilee saba tajaajiluu keenya cabsaa jira jedhan.
Gaaffiin ogeeyyota fayyaa erga eegalee kan bubbule yoo ta'eeyyuu haga yoonaa wanti nuuf sirreeffamee fi gaaffii keenyafis deebiin kenname hin jiru jechuun ogeeyyonni kunneen maddeeniif himanii jiru.
Similar posts:
UK'n Hulaa Hormuuz eeguuf diroonii, jeettiifi meeshaa waraanaa biroo akka ergitu beeksifte.
Yunaayitid Isteet qoqqobbii waraanaa Itiyoophiyaarra keessee turte kaafte.!
Tiraamp Beejing gahe, Chaayinaan dhaabbilee US'f banaa akka taatu nan gaafadha jedhe.
Tajaajilli Elektriika Itiyoophiyaa Hojjettoota 1,100 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhate