Haleellaa diroonii Godina Giddu Galeessa Tigraayitti mudachuun gabaafameen namni tokko du’uun himame.
Published Jan. 31, 2026, 12:28 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Miidiyaan Bulchiinsa Naannoo Tigraayi haleellaa diroonii Godina Giddu Galeessaa Naannoo Tigraayi bakka Entichoo jedhamutti raawwatameen nami tokko du’ee tokko madaa’uu gabaase. Haleellaan kun konkolaataa fe’umsaa lama irratti mudachuus gabaasichi eereera.
Haleellichi Jimaata waaree booda naannoo sa’aatii sagaliifi walakkaa haga kudhanii jidduutti mudachuun kan eerame yoo ta’u, konkolaataawwan muuza, zayitaafi buna fe’anii deemaa turanirratti akka dhaqqabeefi kanaanis konkolaataan tokko battala du’uufi gargaaraan isaa madaa’uun ibsameera.
Tasfaayee Amaaree, aangawaan Poolisii Magaalaa Entichoo taateen kun mudachuu Addis Standard’f mirkaneessee jira.
Taatee kana hordofuunis jiraattonni naannoo of eeggannoon akka socho’anis ibsameera. Ammas haleellaa diroonii kaleessa naannoo saatii 11:30 naannoo Gandabaataa, Giddu Galeessa Tigraayitti raawwatameen konkolaataa aanan fi waantota kaan fe’ee turerra miidhaan dhaqqabuun gabaafameera.
Addis Standard jimaata darbe balaliiwwan Sarara Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa gara magaaalota ijoo Tigraayi addaan cituu gabaasuun isaa ni yaadatama. Balaliiwwan kunneen Maqalee dabalatee magaalota akka Shiree, Aksuumfi Humaraa akka adda citan kan gabaafame yoo ta’u, AFP’n akka gabaasetti balaliiwwan kunneen kan addaan citaniif sababaa walitti bu’iinsi haarawaan humnoota mootummaa federaalaa Itoophiyaafi kan Tigraayi jidduutti lafaa jalqabeef akka ta’e ibseera.
Similar posts:
Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.
Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse
Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse
Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise