Koomishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa, waraana Tigraayitti haaromfame hordofee mirgi lammiilee siivilii akka eegamu akeekkachiise

Published Jan. 31, 2026, 12:14 p.m. by FNN Staff

609



ODUU FNN

Koomishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa, naannolee daangaa Tigiraayi, Amaaraa fi Affaar keessatti walitti bu’iinsa lafaa dhalateen wal-qabatee, mirgi lammiilee nagaa akka hin sarbamne akeekkachiise.

Akkasumas, rakkoo nageenyaa kaaba Itoophiyaatti mudateen haalli tasgabbii biyyattii, yaaddoo idil-addunyaa akka uumu taasisuu komishinichi ibseera.

Komishinichi, ibsa guyyaa har'aa amajjii 31, 2026 baaseen, walitti bu’iinsi amajjii 26, 2026  Naannoo Tigiraayi bakka Tselemtii, fi Aba’alaa dabalatee daangaa Affaari fi Amaaraatti babal’achaa jiru lubbuu namaa, nageenya qaamaa, bilisummaa lammiilee fi qabeenyaa balaa hamaaf akka saaxilu ibseera.

Akka ibsa komishinichaatti, jiraattonni magaalaa Allaamaaxaa bulchiinsa “komaand poostii” jala turan keessaa baay’een isaanii buqqa’uun, haalli nageenyaa gara waraana guutuutti akka guddachuu danda’u sodaa uumee jiraachuu hubachiiseera.

Kanaanis, jeequmsi haaromfame kun bu’aa nagaa Walii-galtee Nagaa Piriitooriyaa booda galmaa’e duubatti deebisuu akka danda’u akeekkachiiseera.

Komishinichi, qaamoleen hidhatan hundi of-eeggannoo o'laanaa akka qabaatan waamicha dhiyeessuun, haleellaa lammiilee nagaa fi bu’uuraalee misoomaa siiviilii irratti raawwatamu hatattamaan akka dhaabbatus gaafateera.

Akkasumas, tarkaanfiileen nageenyaa kamiyyuu bu’uuraalee seera biyyaalessaa fi idil-addunyaa mirga namoomaa kan kabajan ta’uu akka qaban cimsee ibseera.


Similar posts:

GABAASA TORBAN KANAA

Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan