Gadaa Karrayyuutti tuutni Gadaa Michillee Gabalaan Baasoo buttaa qalee walannaasaa Halchiisaaf Gooba kennuuf ardaa jilaa Tarree Leediitti jila gaggeessaa jira.

Published Jan. 5, 2026, 3:59 p.m. by FNN Staff

380



ODUU FNN

Irree fi gaachanni sabaa WBO'n Arsii Bahaa aanaa Martii keessatti tarkaanfii laalessaa loltoota Bilxiginnaa irratti fudhachuu beeksise

 

Abdii fi gaaddisni uummata Oromoo WBO'n Zoonii Kibba Baha Oromiyaa guyyaa kaleessa Amajjii 4,2026 aanaa Martii ganda Gaadoo Arbaa, Heellaa Gaadullaa fi Kabiiroo iddoo addaa Kobiree jedhamu keessatti loltoota Bilxiginnaa maqaa sakattaa WBO jedhuun bobbaate haleeluun 35 irraa ajjeesee, 19 madoo dandammii hin qabnee adabee kan irraa hafte baqachiisee reeffaa fi madoo ishee guursisuun magaalaa aanaa kan taate Abboomsaatti galchuu beeksise.

 

Gama meeshaatiin qawwee AKM 6 hidhannoo wajjin irraa hiikuun qophiilee waraanaa hedduu waliin moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.

 

Madoon waraana diina magaalaa Abboomsaa seente keessaa humna isaaniitii ol ta'uun loltootni 4 magaalaa Adaamaa geessuu fi namoota irraa du'anii fi mada'an kana keessa sababa hogganoonni jiraniif jecha miseensi burjaaja'uu fi kaabinootaan beekaa nu bobbaastanii nu ficcisiistan jechuun mufiinis gidduu isaaniitti dhalatee walitti gaarreffannaan akka jiru maddeen ifoomsanii jiru.

Ittuma fufuun  

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Godina Qellem Wallaggaa Ona Gaawoo Qeebbee keessatti waraanni mootummaa PP daa'ima ganna 15 tokko rasaasaan ajjeesuun barame.

 

Qellem Wallaggaa Ona Gaawoo Qeebbee ganda Diillaa Waayyuu jedhamu keessatti Amajjii 3,2026 hidhattoonni mootummaa PP daa'ima ganna 15 maqaan isa Jaabir Muusaa jedhamu maqaa hidhata WBO qabda jechuun rasaasaan rukutanii ajjeesuu jiraattonni maddeeniif ifoomsaniiru.

 

Akka jiraattonni bakkicha jedhanitti mucaan kun badii ykn yakka biraa qabateef osoo hin taane warra dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu bartee godhatan kunneen gara jabummaa guddaan lubbuu ol-adeemaa kanaa rasaasa itti roobsanii ajjeesuu beeksisanii jiru.

 

Akka waliigalaatti onicha keessatti ajjeechaan bartee ta'uun ilmaan Oromoo guyyuu lubbuun isaanii qaamota kanniin darbaa kan jiru yoo ta'u, keessattuu maatii qabsaa'otaa fi sabboontonni yakki ajjeechaa irratti raawwatamaa jiraanis kan yeroo kaanii caalaa dabalaa dhufuu beeksisanii jiru.

 

Murni mootummaa jibbinsa sanyii uummata Oromoo irra qabuun ilmaan Oromoo daa'ima, dargaggoo, ga'eessa, maanguddoo, dhiiraa fi dhalaa jechuun osoo adda hin baasin sababa dhiigaan Oromoo ta'an qofan yakkuun ajjeecha sukkanneessaa fi gochawwan farra namoomaa hedduu irratti raawwachaa jiraachuun kan beekkamuudha jechuun jiraattonni maddeeniif yaada kennanii jiru.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

 

Godina Lixa Shaggar Ona Baakkoo Tibbeetti hidhaan loltoota mootummaatiin ummatarra ga’aa jiru hammaatee jiraachuu jiraattonni dubbatan.

 

Godină Lixa Shaggar Ona Baakkoo Tibbee ganda Guddina Aloo jedhamtu keessaa waraanni mootummaa PP nama maqaan isaa Obbo Dachaasaa Damboobaa Lubee jedhamu fi abbaa ilmaan afurii torban kana keessa badii tokko malee qabanii hidhuu jiraattonni maddeenitti himan.

 

Qaamni ajjeechaa, reebichaa fi hidhaan araada itti ta'e nama nagaa jireenya dhuunfaa isaa jiraatuu maqaa qabata WBO'f dhiyeessii rasaasaa, reenjerii, boombii fi kanneen biroo dhiyeessita jechuun Amajji 2-2026 guyyaa keessaa sa'a 6:00tti mana jireenya isaatii butuun reebicha hamaa erga irraan ga'aaniin booda haala nama sururuun harkaa fi miilla isaa walitti hidhuun mana hidhaa onichaatti gidirsaa jiraachuu jiraattonni dabaluun dubbatu.

 

Obbo Dachaasaan nama maatii isaa jireenya isaanii jijjiiruuf guyyuu boqonnaa tokko malee hojiitu malee tuttuqqaa siyaasaa keessaa kan hin qabne ta'us, gara jabummaa murna PP'n yakkamee guyyaa hidhamee kaasee haala hammaataa keessa jiraachuus jiraattonni dubbatu.

 

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Naannoo Benishangul Gumuz Godina Matakkal Aanaa Dibaaxee bakka addaa Geeshee jedhamutti waraanni Raayyaa ittis Biyyaa Itiyoophiyaa manneen Ummataa 5 qabeenya waliin abiddaan barbadeessuun Manguddoo Biyyaa waggaa 65 ol tahan obbo #Dooshaa nama jedhamu immoo Ganda Geengoo jedhamutti rasaasaan rukutanii ajjeechaa raawwataniiru.

 

Akka maddeen naannichaa nuuf himanitti humni Raayyaa Ittisa Biyyaa Torban kana namoota sanaan Oromoo tahan isintu Waraana Bilisummaa Oromoo tumsa jechuun qabanii reebaa  fi bilbila harkaa irraa saamaa kan turan tahullee guyyaa kaleessaa Amajji 4/2026 ganama irra Aanaa Dibaaxee keessatti manneen Ummataa gubuu dabalatee namoota nagaa irratti reebicha hamaa raawwachuu fi garuu immoo qabanii fudhatanii deemuun beekameera.

 

Namootni manni isaanii qabeenyaa waliin jalaa gubates tahe kanneen hidhaman jiraattota qotatanii jiraatan kanneen hawaasa naannoon jaallataman tahuu maddeen nuuf himaniiru.

 

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Yugaandaan kana booda baqattoota Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Ertiraa dabalatee biyyoota amma waraana keessa hin jirrerraa gara biyyaisheetti baqatan akka hin fudhanne ibsite.

 

Mootummaan Yugaandaa lakkoofsi baqattoota biyyattii gara miliyoona lamaa ga'uu fi deeggarsi arjoomtootaa hir'achaa waan jiruuf, kana booda natti hin dhufinaa jetterti.

 

Ministeerri deeggarsaa, qophii balaa fi Baqattoota Yugaandaa mootummaan namoota biyyoota waraana keessa hin jirre irraa dhufaniif dahoo ta'uu dhaabera jedhan.

 

Murteen kun addatti baqattoota biyyoota yeroo ammaa waraana keessa hin jirre, akka Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Ertiraa kan ilaalatuudhas jedheera.

 

Biyyattiin baqattoonni hedduun utuu walirraa hin cinne gara sanatti baqachuun lakkoofsi baqattootaa akka malee dabaluufi faallaa kanaa ammoo deeggarsi arjoomtotarra argamu yeroo yeroon hir'achuu hordofee biyyattiin murtoo kana akka fudhattu taasiseera akka ministirichi jedhanitti.

 

Ministeerri deeggarsaa, qophii balaa fi Baqattoota Yugaandaa kan ta'an Hilarii Oneek miidiyaa biyyattii Daayilii Moniitaritti akka himanitti, ''mootummaan baqattootaa warra kanaan dura dahoo argatan dubbatti akka hin deebisne himan.

 

Haa ta'uu malee, ''kanneen haaraa biyyoota eeraman irraa dhufan akka hin simanne qondaaltonni keenya qajeelfama kennaniiru," jedhan.

 

Akka ibsa ministeerichaatti murteen kun warra duraan Yugaandaa seenan hin ilaallatu. Baqattoonni biyyoota eeramani kunneenis biyyattii keessa jiran bakka jiranitti deeggara barbaachisaa argachuu kan itti fufan ta'uun ibsameera.

 

 

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Isaayyaas Aafwarqii dhima Galaana Diimaa mariyatuuf Sudaan jiru

 

Pireezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Aafwarqii Jibriil Ibraahim, Ministira Maallaqaa Sudaanfi Kaaliid Aleeyisir Ministira Infoormeeshinii Sudaan waliin dhimmoota tasgabbii Galaana Diimaarraafi nageenya naannoo irratti marii gaggeessan.

 

Walgahiin kun baadiyyaa Bulchiinsa Adii Haaloo keessatti kan gaggeeffame yoo tahu, Isaayyaas gaggeessitoota kana waliin dhimmoota tumsa faayidaa waloo irratti wlaiin hojjachuufi tasgabbii Gaanfa Afriikaa irratti marii taasisuu Tajaajilli Oduu Sudaan gabaasee jira.

 

Walgahii kanarratti dabalatanaan, walitti dhufeenya lameen isaaniifi sekteroota kaan irratti bifa ittiin waloiin hojjachuu danda’an irratti marii taasisanii jiran.

 

Wayita Itoophiyaa ulaa galaanaa barbaadaa jirtu kanatti, Pireezidaanti Isaayyas daawwii isaanii dhiyeenya Saa’udiifi Masiriitti taasisaniin biyyoota Galaana Diimaa cinaatti argaman waliin wlaitti dhufeenya cimsataa akka jiranis gabaasi kun eereera.

 

Isaayyaas , Eertiraan ammas walitti dhufeenya Sudaan waliin qabdu jabeeffachuu feetii jedhee, tattaaffii Sudaan rakkoo nagaa ishee furuun tasgabbii ofiisheef dhama’aa jirtu ni deeggarti jechuu Sudaan Tiriibiyune gabaaseera.

 

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Tuutni Gadaa Michillee Gabalaan Baasoo walannaasaa Halchiisaaf Gooba kennuuf Tarree Leediitti jila gaggeessaa jira.

 

Gadaa Karrayyuutti tuutni Gadaa Michillee Gabalaan Baasoo buttaa qalee walannaasaa Halchiisaaf Gooba kennuuf ardaa jilaa Tarree Leediitti jila gaggeessaa jira.

 

Ilmaan Baarentuu keessaa tokko kan ta'e Karrayyuun, uummata aadaa, seenaa, safuufi safeeffannaa akkasumas uffannaa, sirba, tolfannaa rifeensaafi haala jiruufi jireenya mataasaa kan qabu yoo ta’u, Karrayyuun aadaa, seenaa, safuufi safeeffannaasaa dabalatee beekumsa xabboo ganamaa hunda osoo gadi hin dhiisiin tiksee kunuunsuun har'aan gahee jira.p

 

Karrayyuun akkuma Oromoo kanneen biroo sirna Gadaatiin bulee kan walbulchu yoo ta'u, sirni Gadaasaa kunis osoo hin sharafamin akkaatuma duudhaa ganamaatti dhimmoota siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaasaa gaggeeffachaa tureera; har'as jira.

 

Akka sirna Gadaa Karrayyuutti Gadaan tokko Baallii gadoomaa fuudhee erga waggaa jaha hawaasa tajaajile booda walannaasaa sirna bulchiinsa Gadaa shaakalchiisuuf buttaa qalee aangoo qoodaafi.

 

Sirni kunis Gooba/Irreessa kennuu jedhama. Goobaa kennuu jechuun goobsuu, dhiiromsuu, moosisuu ykn barsiisuu jechuudha. Kunis tuutni Gadaa itti aanu hojiiwwan bulchiinsaa gama maraan jiran, warra duraarraa beekumsaafi muuxannoo akka qooddatu, waraabbatuufi yeroo itti aanuuf akka of qopheessu gochuufi.

 

Tuutni Gadaa fudhachuuf qophaa'u 'Goobaa fudhate' yoo jedhamu, kan irreecha oofkaltii kennummoo 'Buttaa qale' jedhama.

 

Haaluma kanaan Gadaa Karrayyuutti tuutni Gadaa Michillee Gabalaan Baasoo walannaasaa Gadaa Halchiisaaf buttaa qalee aangoo qooduuf ardaa jilaa tarree Leediitti sirnicha raawwachaa jira. Sirnoota aadaa barbaachisan hunda walduraa duuban erga raawwatee boodas buttaa qaluun walannaasaaf Gooba/Irreessa kenna. Tuutni aangoo qooddatu Halchiisaanis waggoota lamaan dhufan sirna bulchiinsa Gadaa shaakaluun waggaa lama booda aangoo Gadoomaa guutummaan Michillee irraa fudhachuun hawaasa kan tajaajilu ta'a.

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Maarkoo Ruubiyoon haleellaa qilleensaa fi booji’amuu pireezidaantii Nikolaas Maaduroo ilaalchisee ibsa kennan.

 

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Maarkoo Ruubiyoon Sambata darbe haleellaa qilleensaa fi booji’amuu pireezidaantii Nikolaas Maaduroo ilaalchisee miidiyaalee Ameerikaaf ibsa kennan.

 

Ruubiyoon haasaa ijoo taasisaniin tarkaanfiin Ameerikaan fudhatte “gocha waraanaa Veenzuweelaa irratti raawwatte miti” jechuun falmanii jiru.

 

Gaaffii fi deebii ABC News waliin taasisaniin, gaaffii Oporeeshiiniin osoo hin gaggeeffamin dura, maaliif hayyamni Kongireesii hin gaafatamin jedhamanii gaafatamaniif wayita deebii deebisanitti hojiin kun “weerara miti” jechuun kanaaf hayyama gaafachuun barbaachisaa mitii jedhan.

 

Ruubiyoon Maaduroo ugguramuun isaa Veenzuweelaadhaaf “haala fooyya’aa akka uumu” akka abdatan kan dubbatan yoo ta’u, garuu “kaayyoon jalqabaa fi inni guddaan Ameerikaa eeguudha” jechuun cimsanii dubbataniiru.

 

Ruubiyoon akka jedhanitti, US “gocha” isii irratti hundaa’uun Veenzuweelaa irratti murtii kan kennitu yoo ta’u, Waashingitan dantaa isii tarkaanfachiisuuf  “maraammartoo hedduu fi karaa dhiibbaa qubsiusuu akka qabdu eeranii jiru.

 

Itti aanaan pireezidaantii Veenzuweelaa duraanii fi amma pireezidaantiin yeroo ammaa Deelsii Roodriigeez hogganaa seera qabeessa ta’uu fi dhiisuu isaanii gaafatamanii, US ammallee “sirni kun seera qabeessa ta’uu isaa hin amantu,” jedhan.

 

 

‘’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’’

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii UN haleellaa Ameerikaan Veenzuweelaa irratti raawwatte balaaleffate.

 

Ogeessi ol'aanaa farra shororkeessummaa fi mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Ben Saa’ol, haleellaa Ameerikaa Veenzuweelaa irratti raawwate “haleellaa seeraan alaa” jechuun balaaleffatan.

 

Saa’ul ibsa isaa keessatti, “Haleellaa seeraan alaa Ameerikaan hoogganaa Veenzuweelaa Nicolas Maduroo fi haadha warraa isaa seeraan alaa hidhuu nan balaaleffadha jedhaniiru.

 

Lubbuun Lammii Veenzuweelaa darbe hundii mirga Lubbuun jiraachuu sarbuudha,” jedhe. Akkasumas, Pireezidaant Tiraamp aangoo irraa kaafamuu fi ajjeechaa raawwatame jedhameen qoratamuu qaba, jedhan Ben Saa'ol.

 

Mootummaan Veenzuweelaa duraan, US dhaabbilee siiviilii fi waraanaa kutaalee biyyattii hedduu keessatti haleellaa raawwatte jechuun himate, labsii hatattamaa biyyaalessaas labseera.

 

Tiraamp ammoo miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti, haleellaa bal’aa raawwatee fi pireezidaantii Veenzuweelaa Nicolas Maduroo fi haadha warraa isaa qabee biyya keessaa baase jedhaniiru.

 

Haleellaan kun kan raawwatame erga US waliin ji'ootaaf waldhabdee uumamee booda yoo ta'u, Ameerikaan Maaduroo daldala qoricha sammuu namaa hadoochu keessaa harka qaba jettee himatte.

 

Maaduro garuu himannaa kana mormuun, “Ameerikaan qabeenna boba’aa Veenzuweelaa to’achuuf yaalaa jirti” jedhanii; akkasumas marii geggeessuuf qophii ta’uu isaanii yeroos ibsaniiti kan turan.

 


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise