Chaayinaan Ameerikaan nagaa Laatiin Ameerikaa balaaf saaxilaa jirti jette!
Published Jan. 6, 2026, 2:04 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa Isniina kaleessaa yaa’ii waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti dhimmicha akka kaasu ibsuun, weerarri Ameerikaa nagaa Laatiin Ameerikaa balaadhaaf saaxilaa jira jedheera.
Dubbi himaan ministeeraa Liin Jiyaan haleellaa Ameerikaan Veenzuweelaa irratti raawwatte irratti ejjennoo Beejiing irra deebi’anii kan ibsan yoo ta’u, Maduroon hatattamaan akka gadhiifamu gaafataniiru.
Mootummaan Chaayinaa mootummaa Veenzuweelaa waliin hariiroo gaarii fi tumsa qabaataa tureera kan jedhan Liin, haalli idil-addunyaa jijjiiramaa jiraatus Chaayinaan biyyoota Laatiin Ameerikaa waliin hariiroo gaarii qabaachuu itti fufti jedhan.
Itti dabaluunis haleellaa Ameerikaa kanaan lammiileen Chaayinaa miidhaan irra gahe hin jiru jedhan.
Seera qabeessummaa Ameerikaan Maaduroo qabachuu isii walgahii Mana Maree Nageennaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti kan mari’atame ta’us, Waashingitan duula waraanaa isiif michoota isii irraa qeeqa cimaan isii muudachuu hin oolu.
Raashiyaa, Chaayinaa fi michoonni Veenzuweelaa biroo Ameerikaan seera addunyaa cabsite jechuun himataniiru.
Barreessaan ol'aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez hojii kana “dursa balaa” jechuun dubbi himaan isaanii Sambata darbe dubbataniiru.
Ogeeyyiin seeraa hedduun tarkaanfiin U.S. kun seeraan ala ta’uus ni dubbatu, haa ta’u malee Waashingitan aangoo veto isii fayyadamuun Mana Maree Nageennaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti itti gaafatamummaa jala galchuuf yaaliin godhamu kamiyyuu dhoorguu dandeessi.
Ministirri Dhimma Alaa Faransaay Jean-Noël Barrot U.S. “seera humna fayyadamuu dhiisuu seera idil-addunyaa bu’uura ta’e cabsiteetti” jedhan, garuu mootummoonni Awurooppaa
maqaa Ameerikaa osoo hin kaasne seera addunyaa akka kabajamu gaafataniiru.
Similar posts:
Tuurkiin xiyyaarota waraanaa F-16 gara Soomaaliyaa Moqaadishootti bobbaafte
Gatiin boba'aa torbanoota dhufan keessatti sadarkaa ol'aanaa galmeessuu akka danda'u himame!
Hirmaannaan sivilii Marii Berlin Irratti mul’achun jijjiirama guddaadha jedhan Ministeeri Muummee Sudaan duraanii Abdalla Hamdok
Chaayinaan murteen Yuunaayitid Isteetis Ulaa Hormuuz cufuuf dabarsite “gocha hamaafi kan itti gaafatama hin qabne” jechuun walii galteen dhukaasa dhaabuu ariitiin akka taasifamu gaafatte