Ertiraan qondaaltonni waraanaa olaanoo Ityoophiyaa tibbana kaartaa Asabi fi naannoo ishee Itoophiyaa keessatti hammatame agarsiisu qabatanii mul'achuun dubbii barbaadudha jette.
Published Jan. 6, 2026, 4 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Kunis aggaammii' ta'e jedhee qondaalota mootummaa Itoophiyaan Ertiraa irratti raawwtamu jechuun himatte.
Ministirri beeksisaa Eertiraa, Yamanee Gebremeskel, toora miidiyaa hawaasaa X irratti ibsa ijjannoo biyyattii akka maxxansanitti, taateen kun xiyyeeffannoo harkisuu qofaa utuu hin taane, dubbii barbaachadha jedhe.
Suuraan kaartaa kanaa Dilbata darbe gama toora miidiyaa hawaasaa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa irratti wayita qondaaltota olaanoon waraana Itiyoophiyaa qabatanii argaman kan qoodamee ture.
Ergasii garuu suuran sun haqameera.
Gaazexaan biyya keessaa Reporter jedhamu akka gabaasetti, humni waraanaa Itoophiyaa kaartan sirna eebbaa irratti mul'ate sun 'sirri hin turre'' jedheera.
''Waan dogoggoraan raawwatame malee, ijjannoo humna waraanas ta'e kan dhabbatichaa miti,'' jedhe.
Dilbata darbe loltoonni ji'ootaf lenjii ajaja duula addaa fudhataa turan eebifamuu isaanii Humni Waraanaa Itoophiyaa ibseera.
Loltootni kunneenulaagaalee calallii loltummaa bu'uuraa fi komaandoo bu'uuraa guutan ta'uu fi komaandoo, humna qilleensaa, humna addaa fi farra shororkeessummaa akkasumas humna eegumsaa rippaabilikaa waliin walitti makamuuf kanneen leenji'an ta'uu ibseera.
Sirna kana irratti kaartaan suuran Asabi fi naannoo ishee Itoophiyaa keessatti hammachiise jedhame wayita akka kenaatti kennamu kan mul'ate yoo ta'u ergasii dhimmi kun ijoo dubbii ta'ee ture.
Kaartichi yeroo MM Itoophiyaa dabalatee qondaaltonni olaanoo Itoophiyaa ejjennoo biyyattiin buufata galaanaa ishee waggoota 30 dura dhabde deebifachuu qabdi jedhu bal'inaan beeksisaa jiranitti mul'ate.
Dhimmi gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan kaaste Ertiraa waliin wal-gaarreffannaa keessa ishee galcheera.
Waraanni Itoophiyaa kaartaa buufata doonii kana of keessatti hammate dhiyeessuun walitti bu'insa hammeessuf sababa ta'uu danda'aa jedhe.
Biyyootni lamaan erga MM Itoophiyaa Abiy Ahimed gara aangotti dhufanii deebi'anii michooman illee sabab gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan dhiyeessa jirtuun diinummaan isaan giddu jiru hammaataa deeme.
Ministirri beeksisaa Eertiraa dhimma kana irratti akka ibsanitti "Qondaaltonni waraanaa olaanoo Itoophiyaa jalqaba bara haaraa 2026tti weerara of eeggannoo hin qabnee fi ajandaa waraanaa qabun dhiyaataniiru"jedhan.
Ministeerichi fedhiin aanga'oota Itoophiyaa "ittigaafatamummaa kan hin qabnee fi balaafamaadha" jechuun qeeqan.
Paartiin Badhaadhinaa biyya bulchaa jiru odeeffannoo sobaa fi olola summii qabu facaasaa jira jechuun himataniiru.
Qarqara galaanaa abbaa biyyummaa Eertiraa footoshopiin kaartaa Itoophiyaatti dabaluun seera idil-addunyaa ifatti kan cabsuu jechuun ibsan.
Buufatni doonii Asaab kan Itoophiyaan irra deddeebiin gaaffii irratti kaasaa jirtu hanaga Eertiraan mootummaa walaba ta'uun of labsitutti buufata galaanaa guddicha Itoophiyaa ta'ee tajaajilaa ture.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad fi qondaalotni Itoophiyaan buufata doonii kara dogoggoraan Itoophiyaarraa fudhatamuu fi deebi'uu akka qabu ejjannoo qabataniiru. Kun garuu karaa nagaan qofa akka ta'u irra deddeebin ibsaa turan.
Haa ta'uu malee, gabaasni barruu Fooreeyin Poolisii jedhamuun tibbana maxxanfame muddama gama diiploomasiifi humna waraanaa Eertiraafi Itoophiyaaa jidduutti mudataa dhufeen, bara 2026tti waraana ka'uu mala jedhu keessaa tokkoo waraan Itoophiyaa fi Ertiraa giddutti ka'u ta'uu akka danda'u raagera.
Biyyoottan lameen kana jidduutti walitti bu'iinsi umamus Gaanfa Afriikaa kana rakkoo hamaa keessa buusa jechuun akeekkachiiseera.
Barrichi himata Finfinneefi Asmaraa jidduutti deddema ture irraa ka'uu raaga isaa kan kenne ta'uu fi yeroo xiyyeeffannoon addunyaan walwaraansa Sudaan irra jirutti ta'uun isaa ammoo gaga'ama caalu fiduu akka danda'u ibse.
Similar posts:
Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.
Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse
Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse
Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise