Iraaq keessatti gareewwan hidhattoota Iraanii deeggaraman ja'a ibsa kennaniin meeshaa waraanaa isaanii mootummaa Iraaqitti akka dabarsan waamicha dhihaate kuffisaniiru.
Published Jan. 6, 2026, 2:46 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Gareen hidhattoota Iraaq jaha hidhannoo hin hiikkannu jedhan.
Ameerikaan biyyaa osoo hin ba’in mariin hidhannoo hiikkachuu hin taasifamu jedhaniiru.
Iraaq keessatti gareewwan hidhattoota Iraanii deeggaraman ja'a ibsa kennaniin meeshaa waraanaa isaanii mootummaa Iraaqitti akka dabarsan waamicha dhihaate kuffisaniiru.
Haala Duree:-Gareen kun meeshaa waraanaa isaanii dabarsuudhaaf “dhuunfachuun biyya alaa” (argamuun loltoonni Ameerikaa) guutummaatti xummuramuu qaba jedhan.
Dhiibbaa Ameerikaa:- Kun kan ta’e dhiibbaa Waashingitan mootummaan Iraaq gareewwan kana hidhannoo akka hiikkachiisuu fi meeshaa waraanaa isaanii to’annoo mootummaa jala akka oolu gochuu mirkaneessuuf gooteef deebii kennuudhaani.
Ejjennoo cimaa:-“Meeshaan waraanaa keenna qulqulluudha,” jedhan hidhattoonni kunneen, marii waa’ee hidhannoo hiikkachuu irratti taasifamu kan abbaa biyyummaa biyyattii hin kabajne kamiyyuu akka hin fudhanne beeysisaniiru.
Murteen kun mootummaa Iraaqii fi gareewwan hidhattootaa jidduutti waldhabdee uumuu danda’a jedhamee sodaan akka jiru maddeen gabaasaniiru.
Similar posts:
GABAASA TAATEE TORBAN KANAA.
GABAASA TORBAN KANAA
Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate
Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame