Ministirri Dhimma Alaa Israa’el daawwannaaf Soomaaliilaandi seenan jedhame
Published Jan. 6, 2026, 2:22 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Israa’el Soomaaliilaandiif beekamtii biyyumama kennuu hordofee Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Geediyoon Saa’aar harra Magaalaa Hargeessaa gahanii jiran jedhame.
Maddoota Soomaaliilaandi waabeffachuun i24NEWS akka gabaasetti, Geediyoon turtii daawwannaa isaanii Soomaaliilaanditti taasisaa jiraniin Pireezidaantii biyyatti Abdirrahimaan Mahaammad waliin wal arguuf jiru jedhameetu eegama.
Lameenuus masaraa mootummaa biyyattii keessatti ibsa akka kennanis eerameera. Maddi Diiploomaatii kun akka ibsetti daawwannaan kun walitti dhufeenya waloo Israa’eliifi Soomaaliilaandi jidduu jiru cimsuuf kan kaayyeffatedha.
Haa ta’u male haga yoonaa Israa’el dhimma kana irratti waanti ibsite hin jiru.
Murteen daawwannaa kun Israa’el erga beekamtii biyyummaa Soomaaliilaandiif kennitee as isa jalqabaati jedhameera. Maree gaggeessitoonni lamaan taasisan ilaalchisees odeeffannoon ifaan ibsame hin jiru.
Similar posts:
Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame
Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan
Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame
ODUU TORBAN KANAA.