Piyoongiyaang misaa'ela balistikii gara Galaana Bahaatti dhukaaste.

Published Jan. 6, 2026, 2:10 p.m. by FNN Staff

305



ODUU FNN

Kooriyaan Kaabaa misaa'ela balistikii gara Galaana Bahaatti dhukaasuu isii waraanni Kooriyaa Kibbaa beeksise.

''Kaabaan misaa'ela balistikii eenyummaan isaa hin beekamne gara Galaana Bahaatti dhukaase,'' jechuun woraanni kun bisaan Galaana Jaappaan jedhamuunis beekamu eereera.

Ministeerri Ittisaa Jaappaanis misaa’ela balistikii bakka hin ibsamnetti kan bu’e fakkaatu akka sa’aatii biyyaatti naannoo sa’aatii 8:08 a.m.tti akka dhaggate ibseera.

Kooriyaan Kaabaa yeroo dhumaaf misaa’ela balistikii Adoolessa keessa kan yaalte yoo te’u, Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp karoora Kooriyaan Kibbaa doonii bishaan jalaa humna niwukilaraa hojjetu ijaaruuf qabdu erga raggaasisanii booda.

Piyoongiyaang woggoota darran keessa yaalii misaa'elaa cimsitee jirti.

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un walgahii kanaaf yeroo qophaa’utti, oomishni misaa’ela biyyattii akka babal’atuu fi ammayyeessuuf akkasumas warshaalee dabalataa fedhii Piyoongiyaang guddataa jiru guutuuf ajaja dabarsaniiru.

Carraa kanaan Pireezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun eega  Donaald Tiraamp Pireezidaantii Veenzuweelaa to'atan booda Misaayila balastikaa gara Galaanaa Jaappaniitti dhukaasuun Ameerikaa akeekkachiisaniiru.

Eega Ameerikaan Pireezidaantii Veenzuweelaa Haadha mana isaanii woliin to'attee biyyoonni addunyaa hedduu rifaatuu guddaa keessa jiru.

Keessumaa biyyoonni Ameerikaa Kibbaa Ollaa Veenzuweelaa muddama hamaa keessa seenuu Miidiyaaleen gabaasaniiru.

Piyoongyaang kan duraanuu karaa Ameerikaa doorsiftuun eeggataa jirtu carraa kanaan Ameerikaa akeekkachiisuutu gabaafame.
Miidiyaaleen mootummaa Dilbata darbe akka gabaasanitti Kiim dhaabbata meeshaa waraanaa tooftaa qajeelfama qabu oomishuuf hirmaatu daawwataniiru.

Daawwannaa kanaanis dandeettiin oomishaa amma jiru dhibbeentaa 250n akka babal’atu ajaja dabarsaniiru jedha Tajaajilli Oduu Jiddugaleessa Kooriyaa.


Similar posts:

Puutiin Raashiyaan Awurooppaaf balaa taatee hin beeytu, har’as yaaddoo miti jedhan.

Amineestiin ‘Kakuu Miidiyaa’ Boordii Filannoo Itoophiyaan qophaaye aggaammii gabaasa bilisaa irratti xiyyeeffate jechuun balaaleffate

Xiyyaarota waraanaa US yeroo waraanaa Iraan barbadeessite ilaalchisee gabaasni haaraan bahe.

Walga’iin biyyoottan miseensa Biriiks (BRICS) Deelhiitti gaggeefafmaa jiru wal dhabbee Iraan irratti waliigaltee tokkorra utuu hin gahin goolabame