Samaraatti balaa Tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 22 darbe.
Published Jan. 6, 2026, 2:39 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Naannoo Affaar magaalaa Samaraatti balaa Tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 22 darbe.
Balichi har’a barii naannawaa sa’aatii 11:00 kan mudate yoo ta’u, konkolaataan fe’umsaa walharkisu godaantoota fe’e imalaa ture addabaabayii magaalaa Samaraatti kufee garagaluun miidhaa kana dhaqqabsiisuun ibsameera.
Godaantoonni kunneen faddaaltoota seeraan alaa gowwoomfamanii karaa seeraan alaa gara alaatti bahuuf wayita imalarra jiran miidhamuu isaanii Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Affaar obbo Mahaammad Alii Bii’idoon himaniiru.
Hanga ammaatti lubbuun namoota 22 darbuu kan mirkanaa’e yoo ta’u, lakkoofsi namoota lubbuun darbanii dabaluu danda’a jedhan.
Dabalataan namoota 30 miidhaa cimaa fi namoota 35 irra ammoo miidhaa salphaan muudachuu himaniiru.
Dargaggoonni faddaaltoota seeraan alaan gowwomfamuurraa akka of qusatan obbo Mahaammadi yaadachiisaniiru.
Similar posts:
Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame
Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan
Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame
ODUU TORBAN KANAA.