Koomishinarri Olaanaa Mirga Namoomaa Gamtaa Mootummootaa muddamni Tigraayitti mudate akka tasgabbaawu gaafate

Published Feb. 10, 2026, 3:23 p.m. by FNN Staff

238



ODUU

Komishinarri Olaanaa Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Volkeer Türk, haalli nageenyaafi sarbiinsi mirga namoomaa Naannoo Tigraay keessatti hammaataa dhufaa  jiraachuu  ibsuun, qaamoleen hidhatan hundi hatattamaan muddama hir’isuuf tarkaanfii fudhachuu akka qaban waamicha dhiyeesse.

Türk Ibsa har’a baasaniin walitti bu’iinsi yeroo dhiyoo kana Humnoota Ittisa Itoophiyaafi Humnoota Nageenyaa Tigraay gidduutti uumame rakkoo namoomaafi sarbiinsa mirga namoomaa Kaaba Itoophiyaa duraanuu laafaa ture caalaatti akka hammeessu akeekkachiiseera.

“Haalli amma jiru baayee cimaa jira, sodaan keenya immoo haalli kuni caalaatti jabachuun rakkoo mirga namoomaa naannichaa duraanuu balaa keessa jiruu miidhuu mala  kan  jedhan Türk. dabalanis  qaamoleen hundi, deeggarsa hawaasa idil-addunyaa dabalatee, tattaaffii itti fufiinsa qabu taasisuun, waraanni haaraan irraa deebiin akka hin kaane, mariifi tarkaanfii wali amantaa ijaaran jeequmsa hirisuun barbaachisaa akka ta’e hubachiseera.

Akka Waajjira Mirga Namoomaa kan Dhaabbata Gamtaa Mootumootatti, walitti bu’iinsi Amajjii 26 irraa eegalee Kaaba-Dhihaa Tigraay keessatti, addatti immoo naannolee Tsalemtifi Laelay, kanneen daangaa Naannoo Amaaraatti dhiyoo jirani irratti ka’eera. Humnoonni Nageenyaa Tigraay ammoo Guraandha 1 naannoo Tsalemti gadi dhiisuun isaanii gabaafamee jira. Akka gabaasonni mul’isanitti, walitti bu’iinsa kana keessatti diroonii, meeshaalee fageenya  dhukaafamanifii meeshaalee waraanaa jajjabooni biroo fayyadamuu ifoomsaniru.

Türk dabalataanis, haala yeroo dhiyoo Itoophiyaafi biyya ollaa Itoophiyaa kan taatee Eertiraa jidduutti mul’ataa jiru irratti yaaddoo qabachuu ibseera. Haalli kun yoo caalaatti yoo hamaate, Itoophiyaa qofa osoo hin taane Ertiraafi Gaanfa Afrikaa guutuu keessatti rakkoo namoomaafi sarbamiinsa mirga namoomaa akka cimuu akeekkachiisee jira. 


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise