ODUU TAATEE TORBAN KANA KEESSAA.
Published Feb. 16, 2026, 3:53 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti hidhaan ergamtoota mootummaatiin jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuu jiraattonni dubbatan.
Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu irraa gaafa Guraandhala 10,2026 qaamni mootummaa nama maqaan isaa Obbo Dinqaa Booddanaa jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbachuu maddeen gabaasan.
Obbo Dingaan godina Lixa Shaggar ona Baakkoo Tibee irraa hojii mootummaa hojjetaa kan ture yoo ta'u, kaabinoonni murna Bilxiginnaa immoo, "hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda" jechuun shakkanii waggaa darbe hojiirraa ari'uunis kan baramee fi Magaalicha keessa akka itti jiraatu dhabee, gara magaalaa Finfinneetti hoggaa inni baqatu, badii tokkoo fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa osoo inni hin qabaanne magaalaa Buraayyuu keessatti adamsanii qabuun hidhanii hiraarsaa jiraachuun ifoomee jira.
BAHA SHAGGAR BUSHOOFTUU.
Godina Baha Shaggar magaalaa Bishooftuu keessatti murni Bilxiginnaa mana uummataa irratti diiguun rakkoolee garaagaraaf saaxilaa jiraachuun himame.
Murni mootummaa Bilxiginnaa mana uummataa beenyaa tokko malee irratti diiguun rakkoolee garaagaraaf saaxilee akka jiru jiraattonni magaalichaa maddeeniif himanii jiru.
Magaalaa Bishooftuu kutaalee garaagaraa kanneen akka Qaajimaa, Naannoo Buufata Konkolaataa, Dirree Jiituu, 105, Dinqituu fi kutaalee biroo maqaan hin tuqamne keessatti mana uummataa tokkicha kan inni keessa jiraachuun jireenya isaa guyyuu geggeeffatu beenyaa tokko malee kaabinoonni magaalattii jireenyi uummataa itti hin dhagaa'amne mana diiguun rakkoolee addaa addaaf uummanni saaxilamaa akka jiru jiraattonni magaalattii maddeenitti himaniiru.
Akka jiraattota magaalichaa jedhanitti, osoo bakkaa fi iddoo itti ijaarrannu akkasumas maallaqa ittiin manicha ijaarre tokkollee osoo nuu hin laatin, sanumaayyuu osoo nutti hin himin mana diiguu dhufne nuun jedhu, meeshaa keenya keessaa baafanna jennee yoo gaafannellee qarshii 20,000 dirqamaan nurraa fuudhaa jiru jechuun dubbatu. Namoota waan kaffalan dhabanis akka doorsisan dubbatu..
Manneen diigamaa jiran kana keessatti haadholii fi da'anillee kan jiran yoo ta’u, osoo isaan itti boo'anii gara jabeenyummaan mana irratti diiguun keessaa godaansisanii daandiirratti kufanii akka hafan jiraattonni maddeen keenyatti himanii jiru.
GODINA MATAKKAL
Humni Addaa Naannoo Benishaangul Lammiilee Oromoo Godina Matakkal Ona Dibatee Irratti Haleellaa Raawwate
Humni Addaa Naannoo Benishaangul Gumuz Gurraandhala 13, 2026 guyyaa kaleessaa lammiilee Oromoo Godina Matakkal Ona Dibatee ganda Tuxii Gambeelaa jiraatan irratti haleellaa raawwatuu maddeen mirkaneessaniiru.
Haleellaa kanaan namoota nagaa irratti reebicha hamaa kan raawwatan yoo ta’u, manneen maatii Oromoo shanii ol qabeenya waliin gubanii barbadeessuu maddeen keenya ifa godhu.
1) Obbo Abarraa Jaallataa
2) Obbo Dassaaleny Jaallataa
3) Obbo Bashaa Jaallataa
4) Obbo Argataa Galataa fi
5) Obbo Baayeroo kan jedhaman warreen mannii fi qabeenyi duraa barbadaa’ee ta’uun ibsameera.
Obbo Argataa Jaallataa fi Obbo Baashaa Jaallataa reebicha hamaa irratti raawwatameen du’aa fi jireenya gidduutti akka argaman oduun nu dhaqqabe ni hubachiisa.
Ajajaan humna addaa kun magaalaa Shinaashaatti kan dhalate nama Gemchuu jedhamu yoo ta’u, hidhata Faannoo kan qabu ta’uunis barameera.
Hidhattootni naannoo Benishaangul Gumuz, finxaaleyyiin Faannoo fi waraanni mootummaa godinicha keessa sossohan lammiilee Oromoo Godina Matakkal onoota garagaraa keessa jiraatan irratti ajjechaa jimlaa raawwatuun, manneenii fi qabeenya gubanii mancaasuu fi qe’ee irraa humnaan buqqisuun yakka ulfaataa raawwataa akka turan gabaasaa turuun keenya kan yaadatamu yoo ta’u, gochi farrummaa ammaa kunis itti fufuma isa duraanii ti.
SHAWAA KIIBBA LIXAA.
Godina Shawaa Kibba Lixaatti daandiin cirrachaa Ona Wancii magaalaa Liibanii ka'ee Dulleelee Billaachaa dhaqu akkasumas kan ona Ammayya geessu suphaa dhabee manca'uun rakkoo ummaa jiraachuu jiraattonni maddeenitti himan.
Daandiin magaalaa Liibanii ka'ee ona Ammayyaa magaalaa Gindoo qaxxaamuree magaalaa Qotaa geessu gara aspaaltiitti guddata jedhamee ajajaa humna qilleensaa Itoophiyaa jeneraal Yilmaa Mardaasaatiin waggaa 3 dura waadaan nuuf galamee ture jedhan jiraattonni maddeenitti yaada isaanii himan.
Jeneraal Yilmaa Mardaasaa bakka dhaloota isaanii kan ta'e ona Ammayyaa dhaqanii dhimma nageenyaa irratti wayita uummata mariisisan uummanni gaaffii misoomaa gaafate kan jedhan jiraattonni, gaaffiilee misoomaa uummanni gaafate keessaa dhimmi ijoon dhimma daandii kanaa ta'uu himuun, Jeneraal Yilmaanis qondaalota mootummaa waliin dhufan waliin daandiin kun gara aspaaltiitti yeroo gabaabaatti akka guddatu waadaa nuuf galanii turan jedhu jiraattonni.
Gaaffiin daandii cirrachaa sana gara aspaaltiitti olguddisuu gaaffii uummataa bara dheeraa akka ta'e kan dubbatan jiraattonni, waadaan nuuf seename hin kabajamne jedhan.
Gama biraatiin ona Wanciitti Daandiin cirrachaa magaalaa Liibanii ka'ee daandii ona Ammayyaa geessu kan jiraattonni ona Ammayyaa aspaaltiitti olguddata jedhamee waadaan nuuf seename hojii irra hin oolle jedhanii komatan kana irraa ganda Diimtuu Godeettiitiin olgoree gara Dulleelee Billaachaa geessu kan sagantaa URRAPtiin hojjatame suphaa dhabee manca'ee jedhu jiraattonni Dulleelee Billaachaa.
ITIYOO TEIEKOOM.
Itiyoo-Telekoom tajaajiloota isaa adda baafaman irratti ammas gatii dabaluun ibsame
Dhaabbanni Telekoomii Mootummaa Itoophiyaa Itiyoo-Telekoom tajaajiloota isaa muraasa irratti daballii taariifaa hojiirra oolchuu isaa ragaan itti fayyadama moosaajii dhaabbatichaa mul’ise. Daballiin gatii kun addatti tajaajila kuufama intarneetii ji'aa kan hin daangeffamneefi kuufama sagalee irratti kan xiyyeeffatudha.
Hojjetaan dhaabbaticha maqaan isaa akka eeramu hin feene Addis Standard’f, daballiin gatii kun fayyadamtoonni kuufama kana bituu itti fufuu isaaniifi fedhiin tajaajilichaaf jiru hir’ina osoo hin agarsiisin itti fufuu isaa hordofee kan murtaa’e ta’uu ibse.
Itiyoo-Telekoom, kuufama tajaajila isaa hedduu irratti gatii dabaluuf murteessuu dhuma ji'a Sadaasaa gabaasuun keenya ni yaadatama.
Dhaabbatichi murtee kana kan fudhate baasii hojiifi kaappitaalaa dabalaa dhufe, akkasumas dhiibbaa dinagdee maayikiroo bal’aa biyyattii keessa jiru akka sababaatti eeruun ta’uu eere.
Ibsa Sadaasa 29, 2026 baaseen, Itiyoo-Telekoom sirreeffamni taarifaa kun “xiqqaa” ta’uu hubachiisee, haalli dinagdee qormaataa keessa jiraachuufii, baasiin dhaabbatichi tajaajila kennuufi bu’uuraalee misoomaa babal’isuuf baasu dabaluu isaatiin walqabatee murtaa’uu isaa ibseeti ture
Itiyoo-Telekoom kanaan dura, ji’oota jahan darban keessatti galii Birrii biiliyoona 85 'ol galmeessuu isaa ifatti beeksisee ture.
Dhuma ji’a Muddee darbe keessa, dhaabbileen telekoomii biyyattii keessaa Safarikoom Itoophiyaafi Itiyoo-Telekoom tajaajiloota isaanii hunda irratti daballii gatii akka raawwatan beeksisanii turan. Yeroo sana, daballiin gatii kun baasiin hojiirra oolmaa dabalaa dhufuu, fooyya’iinsa bu’uuraalee misoomaa, akkasumas fedhiin bittaa Maamiltoota isaanii dabalaa jirachuun akka sababaatti ka’amee ture.
Haa ta'u malee, daballiin taariifaa kun fayyadamtoota hedduu biratti yaaddoo uumuu isaa yeroo darbe jiraattonni Addis Standard' dubbise kan himan ta’uun ni yaadatama.
Similar posts:
Waraana Ameerikaa,Israa'el fi Iraan jiduutti balaan "wixinee misaa'elaa" dhufuuf jira!
Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.
Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.
Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.