Gamtaan Mootummoota buufata baqattoota Suudaan keessatti haleellaan diroonii daa’imman irratti raawwatamuu hordofee nageenni daa’immanii yaaddoo keessa jiraachuu akeekkachiise.

Published Feb. 20, 2026, 2:22 p.m. by FNN Staff

702



ODUU FNN

Suudaan  naannoo Lixaa  Koordofaan, bakka Al Sunut jedhamu kan buqqaattoonni qubatan irratti haleellaa diroonii raawwatameen yoo xiqqaate lubbuun daa’imman 15 darbuu hordofee, Gamtaan Mootummoota  ibsa baase. 

Gamtichi ibsa isaa kanaan, daa’imman biyyattii keessa jiran balaa cimaaf saaxilamaa  jiraachuu akeekkachiiseera.

Dhaabbanni Mootummaa Gamtoomanii waldhabdeen Suudaan keessatti itti fufaa jiru “to’annoo ala” ta’uu isaa ibsee, wal waraansa kana irraa kan ka’e miidhaan  daa’imman irra gahaa jiru sadarkaa ol'aanaa ga’uullee yaadachise.

Daarektarri olaanaan UNICEF Kaatiriin Raasil ibsa kennaniin, “Suudaan keessatti maatiin abdii kutatan beelaafi jeequmsa irraa baqatani  eeguufi dirqama  qabna,” jedhaniru.

Daarektarri olaanaa kun itti dabaluudhaan haalli naannoo Kordofanif  Daarfuur keessatti mullachaa jiru  gaddisiisaadha jedhan. Akkasumalle ''Daa'imman ajjeefaman, miidhamani, qe'ee isaanii irraa buqqa'an tajaajila barbaachisaa dhabuun rakkataa jiraachuu argaa jirra,'' jedhan.

UNICEF mootummaan Suudaanifi qaamoleen wal waraana jiran hundi lammiilee nagaa, keessattuu daa’imman akka eegan, haleellaan iddoo buqqaattotaafi bu’uuraalee uummata nagaa irratti raawwatamu hatattamaan akka dhaabatu waamicha dhiyeesseera.

Dhaabbatichi fedhiin gargaarsa namoomaa saffisaan dabalaa waan jiruuf, namoota deeggarsa barbaadaniif qarqaarsi namoomaa danqaa tokko malee itti fufiinsaan akka dhaqabus gaafateera.


Similar posts:

ODUU TORBAN KANAA.

Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.

Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..

Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman