Gaaffilee guyyaa har'aa Miseensota Mana Maree irraa ka'an keessaa muraasni kunooti.

Published Feb. 3, 2026, 3:51 p.m. by FNN Staff

606



ODUU FNN

* Aadaa Siyaasaa duubatti hafaa barootaaf tureen, fedhii siyaasaa humnaafi hidhannoon hiikuuf yaaliin taasifamu biyyattii miidheera, kun haga yoomiitti itti fufa?

* Qaamolee hidhannoo hiikkatanii karaa nagaa filatan akkuma jiranitti ta'ee ammallee Naannoo Amaaraafi Oromiyaa keessa kan socho'an ni jiru. Mootummaan jarreen kana waliin nagaa buusuuf yaalii taasisu maal fakkaata?

* Lammiilee Kaaba biyyattii irraa buqqa'an deebisuuf maaltu yaadame?

* TPLF uummata buqqa'e akka meeshaatti fayyadamaa jira, mootummaan adeemsa TPLF kana akkamiin ilaala?

* Filannoo waliigala marsaa 7ffaa haqaafi dimokiraatawaa ta'ee akka hin geggeeffamne qaamoleen diina Itoophiyaa waliin hiriiranii gufachiisuuf yaalan mootummaan tarkaanfii akkamii irratti fudhata?
 
* Naannoo Tigraayitti nageenya waaraaf Waliigalteen Piriitooriyaa abdii guddaan kan irra kaa'ame ta'us, adeemsi waliigalticha diiguu mul'ataa jira. Mootummaan kana akkamiin hordofaa jira?

* Tigraayitti Filannoon ni gaggeeffamaa? 

* Guddinni Diinagdee %10.3 ol akka eegamu gabaasaan eerameera, garuu Diinagdeen biyyattii qormaatilee akka qaala'iinsa gabaa, nageenyi dhabamuu, hanqina sharafa alaa, baayina idaa osoo jiruu kun akkamiin milkaa'aa?

  • Miseensonni Paartiilee Morkattootaa hidhamaa jiru, mootummaan rakkoo kanaaf furmaata akkamii qaba?
  • kan jedhuu fii gaaffilee biroo hedduun ka'uun gaafatamuun beekkamee jira.

Similar posts:

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan

Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame

ODUU TORBAN KANAA.