Godina kaaba Shaggari fi lixa Shaggaritti networkii balleessuun humnoonni mootummaa uummata nagaa maqaa gibiraan hiraarsaa jiru.
Published Feb. 3, 2026, 3:04 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Mootummaan yeroo ammaa kana maqaa gibiraatiin, Keessattuu baadiyyaa Onoota akka Dharraa, Hidhabuu Abootee, Kuyyuu, Dagam, Warra-Jaarsoo, Yaayyaa gullallee, Wucaalee, Abunaa_gindabarat, Meettaa-roobii, Meettaa-wal-qixxee, Ada'aa-Bargaa, Ejersa-Lafoo, Muloo, fa'a keessatti networkiin waan hin jirreef uummanni dararrii hamaa keessa jiraachuu maddeen keenya gabaasanii jiru. mootummaan naasuu namaa hin qabne yeroo ummanni diinagdeedhan dadhabee ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabnetti humnoota isaa bobbbasee dararaa hamaa iratti raawwachaa jiracchuun beekkamee jira.
Bifuma kanaan Guraandhala 2/2026 Ona Abunaa gindabarat ganda 'Doggomaa' keessatti nama nagaa maqaan isaa 'Shuumii' jedhamu badii tokko malee ajjeesaniiru. Ona 'Ada'aa Bargaa' ganda Karkarreessaa keessatti nama nagaa maqaan isaa 'Diimaa' jedhamu qabanii bakka buutee dhabamsiisaniiru. Namoonni nagaa afaan qawweetiin qabamanii mana hidhaa geeffaman hedduudha. #Walitti_deebina.
Similar posts:
ODUU TORBAN KANAA.
Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.
Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..
Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman