Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Published March 1, 2026, 3:09 p.m. by FNN Staff

487



ODUU FNN

Oppireeshiniin tibba darbe qindoomina humna farra riphee lolaa Oromiyaa fi milishoota naannawaa sanaatiin godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti humna finxaalessa Faannoo irratti jalqabee “ajaja gubbaa dhufe” jedhamee guyyoota muraasa keessatti dhaabsifamuun uummata gatii guddaa kafalchiisaa jiraachuu jiraattonni himan.

Jiraattonni aanaalee Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa fi Abee Dongorootii dubbifne, tibba darbe oppireeshinichi gaaf jalqabu uummanni gammachuu guddaan simatee jedhan.

Rakkoo naannawaa sanaa waggootaaf itti fufe irraa afuura galfanna jennee abdannee jedhu.

Garuu oppireeshiniin jalqabame guyyaa sadaffaatti akka dhaabbatu ta'uu kan dubbatan jiraattonni, ergasii humni finxaalessa Faannoo Oromiyaa keessaa fi naannoo Amaaraa walgurmeessee akka itti bobba'e himan.

Humni kun qe'ee uummata Oromoo jumlaan gubee barbadeessuu fi lubbuu namoota nagaa dabarsuu, namoota ukkaamsee fudhachuutti akka jiru dubbatan.

Humna guddaa kumaatamaan bobba'u fuuldura milishootaa fi poolisoota qubaan lakkaa'aman dhaabanii qoladhaa jedhuun jedhu jiraattonni.

Milishoonnii fi poolisoonni qubaan lakkaa'aman kun hanga humna isaanii otoo of hin qusanne wareegamaa qolachuuf akka yaalan kan dubbatan jiraattonni, humni finxaalessaa baay'ina waan qabuuf ittisuuf akka rakkatan dubbatu.

Humni dabalataa akka qaqqabuufillee hin godhamuu jechuun jiraattonni komatu.

Humni finxaalessi Faannoo gaaf haleellaa banu qubattoonni naannoo Amaaraa naannawaa sana qubatanii jiranis itti makamanii uummata akka haleelanis himaniiru.

Haleellicha raawwatanii erga badiin meeqa gahee booddee dhuma irra humni dabalataa yeroo dhufu hunduu huccuu jijjiirratee nama nagaa fakkaatee numa keessa jiraataa jedhan jiraattonni.

Kana immoo mootummaatu fala itti gochuutu irra turee jedhan. Sun akka hin taane himatu.

Humni biraa isaan tumsu, itti abdatan akka hin jirre jiraattonni dubbatu.

Milishoota fi poolisoota akkasumas namootuma dhuunfaa tokko tokko quuqama sabaa qabantu rasaasa fuuldura dhaabbatee uummata  oolchuuf aarsaa kafala jedhan.

Humni farra riphee lolaa Oromiyaa aantummaa sabaa qabu akka hin bobbaane danqaa kan jiru caasaadhuma mootummaa gubbaa hanga gadiitti jiru jedhanii himatu.

Oppireeshiniin tibba darbe humna finxaalessa Faannoo naannawaa sana socho'u irratti humna waloo farra riphee lolaa Oromiyaa fi milishoota naannawaatiin jalqabamee ture.

Guyyaa 3ffaatti oppireeshinichi ajaja gubbaadhaa dhufe jedhuun akka dhaabbate hooggansi humna nageenyaa Oromiyaa tokko maddeenitti himanii turan.

Akkuma oppireeshinichi jalqabameen paartiileen siyaasaa Amaaraa garaagaraa mormanii ibsa baasan.

Biltsiginnaan naannoo Amaaraa fi Abin kan mootummaa waliin hojjatanis oppireeshinicha dhaabsisuuf hanga waajjira ministira muummee deemuu qondaalonni olaanoon maddeenitti himan.

Oppireeshinii sana akkaan feena turre kan jedhan qondaalonni nageenyaa Oromiyaa maddeeniif yaada isaanii tibba darbe kennan, uummata naannawaa sanaa afuura baafachiifna jennee kutannee turree jedhan.

Garuu qaxxaamuraan paartiileen siyaasaa Amaaraa karaa gubbaatiin jechuunis karaa waajjira ministira muummeetiin ajaja gabaabaadhaan oppireeshinichi akka dhaabbatu taasisanii jedhan.

Oppireeshinichi dhaabbachuun uummanni gatii kafalu akka itti fufu taasisuu himaniiru.

Lubbuun namaa darbaa jira, qe'een uummataa barbadaa'aa jira. Uummanni kumaatamaan buqqa'uuf dirqamee jira.

Badii humna finxaalessaan gahaa jiru kanaaf gaafatamaan jalqabaa mootummaa jara irra harka qabuu dha jedhu taajjabdoonni.

Maaliif jennaan tibba darbe oppireeshinii jalqabame dhiibbaa paartiilee Amaaraatiin mootummaatu dhaabsise jedhu. 

Mootummaan Oromiyaa fi warri “ilmaan Abbaa Gadaa” jedhee of waamu naatoo uummata isaa caalaa paartilee Amaaraa sodaata jedhu taajjabdoonni.

Daangaa Oromiyaa karaa maraan kan sarbisiisaa jiru mootummaadhuma mootummaa Oromoo ofiin jedhee siyaasaaf fayyadamu kana jedhu.

Uummanni kun waggoota 7 darban irriba malee bulee boqonnaa malee dabarsaa gidiraa guddaa arguutti jiraa jedhu.


Similar posts:

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti sochiin finxaaleyyii Faannoo itti fufuu jiraattonni himan.

Dooniin fe'umsaa Faransaay nagayaan 'Strait of Hormuz' bira darbite!

Paartiin Badhaadhinaa naannoo Tigraay, bakka filannoon shakkii keessa jirutti teessoo paarlaamaa fi mana maree naannoof kaadhimamaa tokkollee akka hin dhiheessine tarreen kaadhimamaa BBBn gamaaggame ni mul'isa.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti sochiin humnoota finxaaleyyii Faannoo hammaataa dhufuun dhagahame.