Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.

Published March 1, 2026, 3:26 p.m. by FNN Staff

1000



ODUU FNN

Kooriyaan kaabaa Taatee Tibbana muudachaa jiru ilaalchisuun ibsa kennite.

Kooriyaan kaabaa gochaa Ameerikaa fi Israa'el iraan irratti raawwatan balaaleffatte.

"Gochi Kun gochaa seeraan alaatii"jechuun kan balaaleffatte kooriyaan kaabaa "gocha birmadummaa biyyaa sarbedhas" jette.

Tarkaafiin Ameerikaan fudhatte Amala ishee hollummaa fi saamichaa kan agarsiisudha Kun ammoo waanuma eegamu ture jechuun dubbii himaan ministeera aajaa alaa kooriyaa kaabaa ibsa kennaniin dubbatan.

Waraanni Kun fudhatama kan hin qabnee fi Sababa waraana kanaatti ajjeefamuun hoogganaa ol'aanaa iraan Ayatolaah Alii kaaminey Naannoo  giddu galeessa bahaatti jeeqamuu fi tasgabbii dhabuu guddaa uumeeras jedhan.

Haaluma kanaan qaamoleen Dhimmichi ilaallatu Nageenyaa fi tasgabbii Akka deebisan waamicha dhiheessan.


Similar posts:

GABAASA TAATEE TORBAN KANAA.

GABAASA TORBAN KANAA

Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame