Balaa sigiga lafaa Gaamootti uumameen lakkoofsi namoota du’anii 64 gahe; ammas namootni 64 eessa akka bu'an dhabaman barbaadamaa jiru

Published March 13, 2026, 3:27 p.m. by FNN Staff

245



ODUU FNN

Naannoo Kibba Ityoophiyaa Godina Gaamootti balaa lolaafi sigiga lafaa cimaa aanaalee sadiitti uumameen lubbuun namoota 64 darbee, namoonni 64 ammoo hanga ammaatti eessa akka jiran kan hin beekamne ta’uu Waajjirri Poolisii Godina Gaamoo beeksise.

Balaa kanaan walumaagalatti namoonni 128 dhabamuu isaanii kan ibse Waajjirri Poolisii Godina Gaamoo, reeffi namoota 64 hanga ammaatti argamuun ibsameera. Ajajaan Poolisii Godina Gaamoo Inispeektar Abrahaam Buhee odeeffannoo hanga ammaatti walitti qabame irratti hundaa’uun reeffi namoota 64 argamuu mirkaneessaniiru.

Inispeektar Abrahaam akka ibsanitti, aanaalee balaa kanaan miidhaman sadan keessaa aanaan Dachoo Baabaa haala hamaadhaan kan miidhame yoo ta’u, reeffi namoota 59 achitti argamuu ibsanii, Reeffi namoota shanan hafan immoo aanaalee Bonkee fi Kembaa keessatti argamuu ibsaniiru. Hojiin lubbuu baraaruu fi, namoota reeffi isaanii achi buuteen Dhabamees barbaaduu irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan.

Gama biraatiin hoggantoonni Godina Gaamoo guyyaa kaleessaa aanaa Kembaa, bakka lolaan miidhaa geessise daawwachuu isaanii gabaafameera. Bulchaan olaanaa godinichaa  Adee Alamuu ibsa kennaniin, roobni cimaa Bitootessa 1, 2018 ganama sa’aatii 12:00 irraa eegalee roobeen lubbuun namoota lama darbuu fi qabeenyi birrii miiliyoona saddeet ol barbadaa’uu ibsanii, akkasumas, lammiilee sababa balaa kanaan qe’ee isaanii irraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachufi, hanga ammaatti buqqaatotaaf gargaarsi nyaataa fi meeshaaleen wal’aansaa birrii kuma 300 ol ta’u dhiyaachuu ibsaniiru.

Akkasumas namoonni kuma tokko ta’an balaa kanaan qe’ee isaanii dhabuu eeraniiru. Naannoo Kibba Ityoophiyaa keessatti Adoolessa 15, 2016 Godina Goofaa, Aanaa Kencho Shacha Gozdi Ganda Gezee Gofaatti balaa sigiga lafaatiin lubbuun namoota 250 ol darbuu dabalatee, irra deddeebiin balaa sigiga lafaatiin lubbuun namaa darbaa turuun nii yaadatama.


Similar posts:

Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.

Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse

Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse

Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise