Gamtaan Mootummootaa, mootummaan Itoophiyaa miidhaa fayyaa omishni warqee Laga Dambii jiraattotarraan geessisaa jiru akka furu gaafate
Published March 13, 2026, 4:05 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Koreen Kabaja Mirga Daa’immanii, mootummaan Itoophiyaa faalama naannoofi miidhaa fayyaa omisha albuuda warqee Laga Dambi waliin walqabatee dhufu hatattamaan akka furu waamicha dhiyeesse. Koreen kun waamichsa kana kan dhiyeesse dhaabbanni mirga dhala namaaf falmu Hiiyumaan Raayiit woochi naannichatti miidhaan fayyaa daa’immanii ciminaan jiraachuu ibsuu hordofeeti.
Hiiyumaan Raayiit woochi ibsa baaseen, koreen Gamtaa Mootummootaa, murtee ji’a Gurraandhala 2026 keessa dabarseen mootummaan Itoophiyaa miidhaa hawaasummaa, fayyaafi naannoo daa’imman irratti geessisu furuuf tarkaanfii akka fudhatu gaafateera. Koreen kun mootummaan maatii miidhameef beenyaa akka kennu, daa’imman miidhaman deeggaruuf hojii deebisanii dhaabuu akka hojjatu, akkasumas iftoominaafi itti gaafatamummaa dhaabbata albuudaa mirkaneessuuf mala walaba ta’e akka diriirsu gaafateera.
Waamichi kun komii jiraattota Naannoo Oromiyaa, Godina Gujii, Aanaa Oddoo Shaakkisoo naannoo albuuda warqee Laga Dambii jiraatan waggoota hedduuf faalama kaanaan walqabatee, haadholirraa ulfi irraa ba’uu, daa’imman du’anii dhalatan, akkasumas daa’imman dhukkuba yeroo dheeraa qabamanii dhalatan irratti kaasan hordofee kan dhufe ta’uu koreen Gamtaan Mootummootaa, ibseera.
Hiiyumaan Raayiit Woochi akka ibsetti, hawaasni naannoo albuuda kanaa jiraatan waggootaaf dhibee daa’immanii, du’a daa’immaniifi rakkoo ulfi haadholirra bahuufi daa’imman du’an dhalachuu galmeessuu ibseera.
Jiraattuun naannichaa tokko kan maqaan ishee Elzaabeet jedhamtu, Huumaan Raayit Woochi’f akka himteetti, waggoota muraasa dura ilma waggaa lamaa akka dhabdee fi bara 2024 fi 2025’tti ulfi irraa akka ba’e ibsiteetti. Akkasumas, rakkoon kun faalama albuuda kanaa irraa akka dhufe eerteetti. “Keemikaalli dhaabbatichaa lafa, bishaani fi namoota keenya faaleera,” jette.
Huumaan Raayit Woochi, Qorannoowwan naannoo albuuda kanaatti gaggeesseen, sibiilota ulfaatoo summii qaban akka kaadmiyeemii, meerkikurii, liidii fi arseeniisii baay’inaan argamuu isaanii ibseera.
Albuudni warqee Laga Dambii kan dhaabbata Garee Investmentii Meedirookiin hojjetamu yoo ta’u, akka lakkoofsa Itoophiyaatti bara 2010 mormii hawaasaa bal’aan yaaddoo naannoo fi fayyaa irratti ka’een mootummaan cufee ture. Yeroo sana aanga’oonni mootummaa albuudichi dhimmoonni naannoo erga qorannoon irratti gaggeeffamee booda qofa akka deebi’ee banamu ibsanii turuun niiyaadatama.
Haa ta’u malee, boodarra mootummaa fi garee investimentii Meedirook gidduutti waliigalteen ifatti hin maxxanfamne mallatteeffamuun albuudichi bara 2013’tti hojii akka eegalu hayyamameera.
Gareen investimentii Meedirook xalayaa bara 2015 Hiiyumaan Raayiit woochif ergeen jiraattota miidhamaniif beenyaa kennuu, bulchiinsa balfa saayaanaayidii fooyyessuu fi bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyeessuu dabalatee dhiibbaa naannoo albuudni kun geessisu hir’isuuf tarkaanfii fudhachuu isaa ibseera.
Haa ta’u malee, akka gabaasni ‘Kontomaa Darimu Alliance’ bara 2025’tti baase mul’isutti, jiraattonni naannichaa erga albuudichi deebi’ee banamee as rakkoo fayyaa gabaasuu itti fufaniiru; keessumaa dhukkuba daa’immanii, du’a daa’immanii fi daa’imman du’anii dhalatan baldhinaan mudachaa jiraachuu ibseera. Gabaasni kun akkasumas jiraattoonni tokko tokko bishaan dhugaatii qulqulluu gahaa ta’e dhabuu isaanii irraa kan ka’e bishaan hidha taayilingi dhaabbatichaa irraa dhufutti akka hirkatan ibseera.
Gaaffii Hiiyumaan Raayiit woochi irraa dhiyaateef deebii kennuudhaan Meedirook hojiin isaa miidhaa mirga namoomaa akka hin geessisne ibsuun, sirnoonni hordoffii dhaabbatichaa sadarkaa faalama idil-addunyaa keessatti hayyamame keessatti akka argaman himateera. Dhaabbatichis sirna Bulchiinsa Saayinaayinsii Idil-addunyaa jalatti mirkaneessa argachuu isaafi hospitaala ijaaruun hawaasa naannawa sanaaf bishaan dhugaatii gahaa ta’e dhiyeessuu isaa ibseera.
Dhaabbanni mirga dhala namaaf falmu Hiiyumaan Raayiit woochi akka ibsetti, argannoowwan koree UN, fi garee lammummaa Itoophiyaa, mootummaan yaaddoo faalama albuuda Laga Dambiin walqabatee jiru guutummaatti fi iftoominaan akka furuuf kakaasuu qabu; maatiin miidhaman furmaata argachuuf waggoota hedduuf eegaa turuu isaanii ibseera.
Similar posts:
Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.
Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse
Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse
Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise