Humni Faannoo otoo danda'ameefii uummata Oromoo lafarraa duguuguuf akeeka akka qabu hubatamuu qaba jedhan jiraattonni godinaalee Wallaggaa.
Published March 13, 2026, 3:42 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Humni finxaalessa Faannoo godinaalee Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa keessa socho'u damee humna finxaalessa Faannoo naannoo Amaaraa keessa socho'uutii jedhan dhalattoonni naannawaa sanaa kan caasaa Faannoo naannawaa sanaa sirriitti beekan.
Dhalattoonni naannichaa maddeeniif yaada kennan, caasaan humna finxaalessa Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessa socho'uu “Izzii Bizaamoo” jedhamee Faannoo Zammanaa Kaaseetiin hoogganamu jalatti bulaa jedhan.
“Izziin Bizaamoo” jedhamu kun jalqaba kutaa waraanaa 4 ofjalatti qabatee akka hundeeffame himan.
Otoo “Izziin Bizaamoo” jedhamu hin hundeeffamin dura humna bittinnaa'aatu godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessa turee jedhu.
Gariin humna milishaa Amaaraa mootummaan qubattoota keessaa filee WBO loluuf leenjisee fi ijaaree hidhachiise dha, gariin immoo humna gartuuleen siyaasaa Amaaraa, dureeyyin Amaaraa fi daayaaspooraan Amaaraa hidhachiisedha, gartuun biraa immoo warra Faannoon naannoo Amaaraa jiru asbobbaase dha jedhu.
Dabalataanis qubattoota keessaas namoonni dhuunfaan heddumminaan hidhatanii godinaalee kanneen keessa akka socho'an keessa beektonni himan.
Faannoon gareewwan kanneen mara qindeessee “Izzii Bizaamoo” jedhamu kan kutaalee waraanaa 4 ofjalaa qabu akka hundeesse maddeen dhalattoonni naannichaa dhimmicha itti siqeenyaan hordofan irraa dhagahe.
Amma inumaa izzii kana jala kutaaleen waraanaa jiran 4 irraa gara 6tti guddatee jedhan.
“Izziin Bizaamoo” qaamuma Faannoo naannoo Amaaraa keessa jiruu akka ta'es himan.
Kaayyoon isaas Faannoo naannoo Amaaraa keessa socho'u irraa adda akka hin taane dubbatan.
Humni finxaalessi Faannoo naannoo Amaaraa keessa socho'u biyyi Itoophiyaa olaantummaa saba Amaaraatiin akka bultu akeeka qaba kan jedhan namoonni yaada kennan, Wallaggatti immoo pirojaktii yeroo dheeraaf ture kan aanaalee 20 caalaa godina addaa saba Amaaraa ta'ee caaseffamu hundeessuu akka ta'e himan.
Pirojaktii kana milkeessuuf uummata Oromoo buqqaasuutti bobba'anii akka hojjatan eeranii, akeeka Faannoo kana milkeessuuf immoo “Izzii Bizaamoo”tu lafa irratti hojjataa jedhan.
“Izzii Bizaamoo” jedhamu kana cimsuuf Faannoo naannoo Amaaraa keessa socho'u irra deeggarsi meeshaa waraanaa, loojistikiiwwan biroo fi leenjii akka kennamu eeranii, hidhattoonni dabalataa Faannoo guyyaa guyyaan Faannoo naannoo Amaaraa irraa ergamanii izzii jedhame kanatti akka makamanis dhalattoonni naannawaa dubbatu.
“Izziin Bizaamoo” jedhamu godinaalee Wallaggaa keessa socho'u caasaa ofdanda'ee socho'u otoo hin taane caasaadhuma Faannoo naannoo Amaaraa jalatti gurmaa'ee socho'uu dha, akeekuma Faannoo naannoo Amaaraa sana galmaan gahuun ala akeeka addaa hin qabuu jedhan.
Faannoo gamaa fi gamanaa garaagar godhanii dhiheessuun sirrii akka hin taane himu.
Garaagarummaan jiru yoo jiraate Faannoo gamanaa mootummaanis hidhachiisuu fi dhimma itti bahuu isaati jedhu.
Faannoon godinaalee Wallaggaa keessa socho'u gartokkeen milishoota qubattoota Amaaraa keessaa mootummaan WBO loluuf kanaan dura filee, leenjisee hidhachiise akka ta'an yaadachiisu namoonni yaada kennan.
Mootummaan akeeka jara waliin ta'ee WBO loluu kanaan dura qabu tureen ala, yeroo ammaa kana immoo humna kana kallattii garaagaraatiin dhimmoota siyaasaa garaagaraaf dhimma itti bahaa akka jiru himan dhalattoonni naannichaa.
Mootummaan yeroowwan garaagaraatti akeeka siyaasaa garaagaraaf jara fayyadamaa jedhu.
Mootummaas haata'uu qaamni humna finxaalessa Faannoo waliin gamtaa tolfatu kamuu diina guddaa uummata Oromoo waliin gamtaa tolfachuu hubachuu feesisaa jedhan.
Humni kun humna otoo danda'ameefii uummata Oromoo lafarraa duguuguuf akeeka qabu akka ta'u hubatamuu akka qabu himaniiru.
Similar posts:
Yuunaayitid Isteetis hariiroo dippilomaasii Eertiraa waliin qabdu haaromfachuuf xiinxalaa jirti jedhame.
Manni Murtii dhaabbata Tiyaansi Itoophiyaa qarshii miiliyoona 20, gaggeessitoota isaa lama immoo bakka isaan hin jirretti hidhaa waggaa 17’ fi adabbii qarshii miiliyoona 10 irratti dabarse
Amineestii Internaashinaal galmee mirga namoomaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessaa ilaalchisee, yakka raawwatameef himatamuu dhabuu, buqqaatiifi sochiin mirga hawaasaa dhiphachuu yaaddoo qabu ibse
Pirezidaanti Tiraampi Doonii Iiraan to’annoo jala oolchuu isaanii beeksisuu hordofee gatiin boba’aa daballii agarsiise