Barattoonni Manneen Barnootaa Bultii Addaa Federaalaatti baratan manneen barnootaa itti baratan hanqinoota garaagaraa akka qabu himan.

Published March 16, 2026, 3:14 p.m. by FNN Staff

502



ODUU FNN

Barattonni maddeeniif yaada isaanii kennan, mnisteerri barnootaa bara kana akka guutuu biyyaatti iddoo Shan irratti qormaata nu qoree nu calalee  ramaddii nuuf kennee ture jedhan.

Haaluma kanaan manneen barnootaa bultii addaa Jijjigaa, Gambeellaa, Boongaa, Walisoo fi Walqixxee/ Bu'iitti ramadamuu dubbatan.

Barattoonni Oromiyaa irraa dorgomnee dabarree achi seenne mana barumsa bultii addaa Oromiyaa irraa kana wayya jennee deemne, haa ta'uu malee nuti Iddoo shananittuu rakkoo hamaa keessa jirra jedhan. 

Nyaata qulqullina hin qabne nu nyaachisaa jiru barataan dhukkuboota garaagaraatiif saaxilamaa jira jechuun komatu.

Barataan yoo dhukkubsate maallaqa isaatin akka yaalamu himan.

Wantoonni adeemsa baruufi barsiisutiif mijatan tokko hin guutamnes himaniiru.

Kitaabonni akka hin guutamne, meeshaleen  IT fi laboraatoorii tokko illeen akka hin jirres dubbataniiru.

Barsiisadhaaf kanfaltiin gahaa tahe kanfalamaa waan hin jirreef barsiisonni hojii dhaabanii iddoo duraan dhufaniitti deebi'aa jirua jedhu barattoonni yaada isaanii nuuf kennan.

Dhimma kana irratti Ministeera Barnootaa dubbisuuf yaaliin taasifne ammaaf hin milkoofne.


Similar posts:

GABAASA TORBAN KANAA

Dhaabbanni Gargaarsa Kaatoolikii gargaarsa Doolaara Miiliyoona 200fi Miiliyoona 35 ta’u tumsa namoomaa Itoophiyaafi Sudaan keessatti taasisuuf argate

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan