Lammiileen Itoophiyaa 137 Keeniyaatti hidhamanii turan gara biyyaatti deebifaman

Published March 16, 2026, 3 p.m. by FNN Staff

393



ODUU FNN

 Lammiileen Itoophiyaa 137 faddaaltotaan gowwoomfamanii daangaa Keeniyaarraan gara Afrikaa Kibbaatti ce’uuf osoo yaalanii qabamanii manneen hidhaa adda addaa Keeniyaa keessatti hidhamanii turan gara biyyaatti deebifamuun isaanii himame.

Keeniyaatti kan argamu Imbaasiin Itoophiyaa, namoonni kunneen Daayirektoreetii Qorannoo Yakkaa Tajaajila Poolisii Biyyaalessaa Keeniyaatiin to’annoo jala ooluun, haala rakkisaa keessatti manneen hidhaa adda addaa keessatti hidhamanii turan. 

Hojiin lammiilee gara biyyaatti deebisuu kun ergama Itoophiyaa Keeniyaa, Daayirektoreetii Qorannoo Yakkaa Tajaajila Poolisii Biyyaalessaa Keeniyaa fi Tajaajila Immigireeshinii Keeniyaa waliin qindoomina taasisuun kan raawwatame ta’uun ibsameera.

Akkasumas, adeemsa kana keessatti lammiileen kunneen mana hidhaa keessatti qaamaan daawwatamuun dhimmi isaanii mana murtii Keeniyaatti hatattamaan akka ilaalamuuf deeggarsaa fi hordoffiin barbaachisaa ta’e erga taasifamee booda dhumarratti gara Itoophiyaatti akka deebifaman murta'uun ibsameera.
Adeemsa seeraa kana hordofuunis lammiileen Itoophiyaa 137 hundi karaa Mooyyalee geejjiba lafaatiin gara biyyaatti deebifamuun isaanii ibsameera.


Similar posts:

Lammileen #Afriikaa_Kibbaa alaabaafi shimala qabatanii manarra demuun #godaantota manaa baasaa jiraachuun gabaafame

Naannoo Tigraay keessatti daa’imman dabalatee lammiileen lammiilee humnaan bobbaafamaa jiru”: Human Rights Watch ********* Angawoonni naannoo Tigraay daa’imman umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta’e dabalatee namoota nagaa butatanii humnaan waraana kan

Humnoonni Finciltootaa Raappid Saapporti Foorsis #RSF #Sudaan keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachuun ibsame

ODUU TORBAN KANAA.