Dirooniin bakka Aangawoonni US jiraatan samii marsite.
Published March 19, 2026, 4:08 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Qondaalonni Yunaayitid Isteet dirooniiwwan hin beekamne bakka jireennaa aangawoota US yeroo marsitu arguun gabaafame.
Miidiyaan US Waashingitan Poost akka gabaasetti dirooniin kuni buufata waraanaa Waashingitan irra marsite.
Buufata waraanaa san keessammoo Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoofi Ministirri Waraanaa US Piit Heegisetu jiraatu jedheera namoota sadii waabeffachuun waashington post.
Waraana US fi Israa'el Iraan waliin itti jiran keessatti kuni mul'achuun yaaddoo uumeera jedhameera.
Akka gabaasa kanaatti dirooniiwwan kuni eessaa akka dhufan qondaalonni adda hin baafanne. Gama mootummaa Ameerikaas ifatti wanti jedhame hin jiru.
Erga diroonii samii buufata waraanaa Fort Maakneyir irratti mul'atte booda qondaalonni dhimmicha mari'ataniiru.
Akka gabaasa kanaatti, waraanni US dhimmicha itti dhiheennaan qorataa akka jiru himeera.
Dhimma kanarratti Ministirri Ittisaas ta'e Ministeerri Dhimma Alaa US waan dubbate hin qabu.
Waa'ee dhimmichaa gaafatamus hin dubbanne.Waashingitan Poost waa'ee dhimma kanaa dubbii himaa Peentaagon Shoon Paarnel gaafatee ture.
''Sababa nageennaan waajjirri keenya sochii Ministira (Ittisaa) dubbachuu hin danda'u, sochii akkanaa gabaasuunis itti gaafatamummaa dhabuudha,'' jechuun Waashingitan Poostitti himan.
Sababa waraana kanaa sochiin of eeggannoon haalaan cimeera.Biyya keessa qofa osoo hin taane lammiileen US Jiddugala Bahaa jiran gadhiisanii akka bahan akeekkachiifamanii turan.
Buufata waraanaa US'tti keessumaa guyyoota 10 darbe keessa keessumaa guyyaa tokkotti dirooniiwwan baay'ee mul'achuun gabaafameera.
Buufata kana keessa Yunivarsitiin Ittisa Biyyaalessaafi qondaalonni ijoo Peentaagon (Ministeera Ittisaa) keessa jiraatu jedhameera.
Kaappitol Hiil fi Masaraa Biyyaalessaa (Waayit Haawusitti) dhihoo, akka gabaasichaatti.
Dhimma kanarratti Waayit Haawusitti mariin taasifamuufi Rubiyoofi Heegiset bakka biraa akka jiraatan gochuuf yaadni ka'eera jedhameera.
Kanaan dura US Dirooniiwwan Iraan bulchiinsa kiyya Daangaa Kaalifoorniyaa dhaqqabuu malu jedhee dubbataa kan ture tahuun ni yaadatama.
Similar posts:
ODUU TORBAN KANAA.
Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.
Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..
Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman