Godina Wallagga Lixaa aanaa Boojjii Dirmajjiitti milishoonni mootummaa nama nagaa dhukaasanii lubbuu dabarsuun dhagahame.
Published March 19, 2026, 12:15 p.m. by FNN Staff
ODUU FNN
Maatiin maddeeniif yaada kennan akka jedhanitti namni lubbuun darbe abbaa ilmaan 5ti jedhan.
Ganda Amoomaa Agalootti qonnaan bulaan Bultii Tolaa Dheeressaa jedhaman kun saawwi jalaa dhukkubsatee otoo bishaan dhugdu waraabuufii deemanii milishoonni konkolaataan itti dhufuu himan maatiin.
Naannawaa sanatti namoota dirqiin qabanii leenjii waraanaa geessuun waan barame waan ta'eef namni kun konkolaataa milishaa gaaf argu rifatee jedhan.
Achumaan karaa irraa jalaa dabee dhokachuu maatiin himu.
Milishoonni konkolaataa irra taa'anii jiran argaa turan nama rifatee dhokate kanatti dhukaasanii lubbuu dabarsuu maatiin maddeenitti himaniiru.
Gochaa milishoota kanneeniitiin gadduu kan dubbatan maatiin, milishaan dhukaasee lubbuu nama nagaa baase kun to'annaa jala jiraachuu ibsaniiru.
Sodaa ni gadhiisu jedhu akka qaban eeranii, mootummaan nama yakka hojjate kana seeraa murtii akka itti kennu gaafataniiru.
Similar posts:
ODUU TORBAN KANAA.
Itoophiyaan biyyoota haleellaan hojimaata barnootaa irratti gahu sadarkaa guddaan dabale keessaa tokko jedhamte.
Tibba darbe godina Arsiitti kan argamtu aanaan Asakoo ijoo dubbii turte. Jiraataan naannawaa sanaa waan ta'e walduraa duubaan maddeenitti himan..
Haleellaa #Diroonii magaalaa #Sudaan tarsiimawaa taate irratti raawwatameen namoonni 23 ajjeefaman